Koronaavaayiras: Qufaan nama koronaavaayirasiin qabamee sagalee hin qabu jedhe qorannoon

Madda suuraa, Getty Images
Adeemsi ittiin namni tokko koronaavaayirasii qabamuu fi dhiisuusaa adda baasan (Articial Intelligence Algorithm) haaraan kalaqame, namni vaayirasichaan qabame qufaansaa gurra namaatti hin dhagahamu jedhe.
Algorizimiin Ameerikaatti kalaqame kun sagalee qufaa qofaa irratti hundaa'uun koronaavaayirasiin qabamuu fi dhiisuu adda baasa jedhame.
Yaaliin wayita gaggeeffamu namoota qoratamanii vaayirasiin qabamuu firii argatan %98.5 vaayirasiin qabamuusaanii adda baaseera.
Namoota mallattoo homaa hin agarsiifneerrattimmoo %100 milka’aadha.
Qorattoonni algorizimii kana gara applikeeshiniitti guddisuudhaaf qaamolee dhimma kana to’atan irraa eeyyama argachuu barbaadaa jiru.
Algorizimiin kun laabiraatorii Istitiyuutii Teeknoloojii Masaachuseet keessatti kalaqame.
Qorattoonni akka jedhanitti, qufaan namoota Covid-19 qabamanii, mallattoo hin agarsiifne gurra namaatti hin dhaga’amu.
Inistitiyuutii Teeknoloojii Masaachuseetitti saayintistii Bireen Subaranaa, barruu dhimma fayyaafi injinariingii irratti waa’ee algorizimii kanaa barreessaniiru.
Akka saayintisitiin kun jedhanitti, yoo mallattoo vaayirasichaallee hin qabaanne, namni tokko wayita koronaavaayirasiin qabamu akka itti sagalee uumutu jijjirama jedhan.
Gabaasichi akka jedhutti, wayita barattoonni barnootaasaanitti deebi’an, iddoo hojiifi geejjibarratti saffisaan vaayirasichi akka hin tamsaane akeekkachisuuf algorizimiin kun fayidaa qaba.
Yuunvarsiitii Kaambirijiifi Kaarniji Melloon dabalatee dhaabbileen hedduun sagantaa walfakkaaturratti hojjataa jiru.
Samuda sagalee
Adooleessa, bara 2020 tti Kaambirijitti sagantaan Covid-19 irratti hojjatu akka ibsetti, hargansuufi sagalee qufaatiin namoota vaayirasichaan qabaman %80 adda baasuuf akka danda’amu ibsamee ture.
Ji’a Hagayyaa keessa samuda sagaleefi qufaa qaamolee hawaasa 378 tu sassaabamee ture.
Haata’u malee, Istitiyuutiin Teeknoloojii Masaachuseet saamuda sagalee 70,000 qufaas of keessaa qabu sassaabe ture.
Isaan keessaa namoota 2,500 vaayirasichaan qabamuun isaanii adda baafamera.













