Simbirroon halkanii yeroo dhukkubsatan 'walirraa akka fagaatan' qorannoon mul'ise

Simbira halkanii dhiiga hoosiftoota kaanin jiraattu 'Vaampaayar Baat' jedhanii waamun

Madda suuraa, Gabriel Mendes

Ibsa waa'ee suuraa, Simbira halkanii dhiiga hoosiftoota kaanin jiraattu 'Vaampaayar Baat' jedhanii waamun

Qorannoon qorattoota Yunvarsiitii Ohaayoo akka agarsiisutti simbirroonni halkanii wayita dhukkubsatan waliirraa hiiqu. Simbirroonni halkanii waliin jiraatan yeroo dhukkubsatanitti wal cinaa yeroo yartuu qofa turu.

Amalli simbirroota waliirraa hiiquun kun laabiratoorii keessattis kana dura mirkanaa'ee ture.

Saayintistoonni argannoo kana bal’isuun simbirroota halkanii dhiiga hoosiftoota biroo sorachuun jiraataniifi maqaa ‘vaampaayar ‘jedhu qaban irratti qorannoo kana mirkaneessaniiru.

Gosoonni simbirroota halkanii kunneen daggala giddugaleessa Ameerikaa keessa jiraatu.

Saayintistoonni Ameerikaa Yunvarsiitii Ohaayoo qorannoosaaanii dhimma kana ilaallatu barruu Behavioural Ecology irratti maxxansaniiru.

Qorattoonni kun garee simbirroota halkanii holqa mukaa keessa jiraatan akkatti walitti dhufan ykn hariiroo giddusaanii meeshaa xiqqaa sensariidhaan hordofaa turan.

Akkamiin qoratame?

Qorannoo kana wayita gaggeessan wanta yeroo dhukkubsatan madinumma qaamasaanii yeroo murtaa’eef rifaasisu lippoopoliisaakarayid jedhamuu simbirroota 16 lilmoon waranaaniin turan.

Kunis yeroo dhukkubsatan amalli isaanii akka geeddaramu adda baasuufi.

Simbirrootni 31 muka tokkorra jiran keeessati 16 irratti kan yaalame. Kudha shan hafanif qoricha biraatu kenname.

Qorattoonni kun akka jedhanitti, wayita qorannoon kun gaggeeffamu simbirrootarra miidhaan hin qaqqabne.

Saayintistoonni simbirroonni dhukkubsatan simbirroota fayya wajjin walitti dhufu xiqqeessuu hubatan.

Simbirroota kaanitti dabalamuu hin fedhan, oliif gadii socho’uu hir’isuun fi kanneen fayyaa qaban caalaa rafuu guddisan.

Garagartummaan amalaa simbirroota kana giddutti uumame sa’aatii 6 booda gadi xiqqaacha adeeme.

Sa’aatii 48 booda dhiibbaan qoricha lilmoon kennameefi suuta dhabamuun, simbirroonni kun hariirroo walitti dhufeenya dura qabanitti akka deebi'an taasiseera.

Simbirroonni halkanii yoo dhukkubsatan carraan vaayirasii walitti daddabarsuusaanii ni xiqqaata, sababni isaammoo simbirroonni dhukkubsatan kan fayyaa qabaniirraa addatti waan bahaniifi.

Qorannoon kana kan gaggeesse Saayiman Rippargar, walitti dhufeenya xiqqeessuun akkasii kun amma nuti beeknuun olitti bineensota gidduu jiraachuu mala jedheen amana jechuun ibse.

Dhalli nama yeroo dhukkubsates, namoota kaanitti dabalamuu caalaa siree ciisichaarra turuun baratamaadha.

Amalli kunis fayyummaa garee bineeldotaaf hedduu barbaachisaadha. Sababni isaas dhukkubni akka kaanitti hin daddabarre gochuuf gargaara.