Koronaavaayiras: Bineeldi Covid-19 namatti dabarse beekamuu dhiisuu mala

Gabaan nyaata bishaan keessaa Wuhaan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Gabaan nyaata bishaan keessaa Wuhaan ka'umsa koronaavaayirasii waliin hidhata qabaachuu himama

Bineeldi ammaaf hin baramne tokko koronaavaayirasii simbirroo halkanii bosona keessa jiraatan irraa namatti dabarsuu ragaan mul'ise.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qorannoon 'ka'umsa vaayirasichaa' akeekuu dalagamaa jira jedhus, saayintiistonni garuu namni jalqabaa akkamiin vaayirasichaan akka qabame gonkumaa beekamuu dhiisuu mala jedhu.

Bineeldi vaayirasicha namatti dabarse kan gabaa bineeldota Wuhaan keessatti gurgurame ta'uun ammalle hin mirkanoofne.

Haa ta'u malee gabaan bineeldota kun bakka ka'uumsa vaayirasichaa akka ta'etti ilaalama.

Gabaa bineeldotaa kana keessatti vaayirasiin bineelda tokkorraa kanitti darbuu mala - weerarawwan amma duraa kan mudatan haala kanaan ture.

Gabaa bineeldota Shinyuwaan kan Guwaangizhuu jiru, 2004

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gabaa bineeldota Shinyuwaan kan Guwaangizhuu jiru, 2004

Dureen gartuu teeknikaa dhimma COVID19 Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, "kun akka ta'u ni beekna ture, qophaa'aas turre. Yoomi akka ta'e qofa kan nuti hin beekne" jechuun BBC'tti himaniiru.

Beektonni dhukkuboota daddarboo vaayirasichi jalqaba daangaa namaa fi bineelda jidduu jiru cabsuun namatti darbe jedhu.

"Wanti akkanaa akka mudatu eegaadhuma turre," jedhu Qorannoo dawoo bineensotaa Landan irraa pirofeesar Andiriiwu Kaniingiham.

"Dhukkuboonni akkanaa waggoota as kalaa'an tuttuqaan namoonni bineeldota waliin qaban dabaluufi namooni caalaatti bineeldota nyaataaf fayyadamuun dabalaa waan dhufeefi."

Gaalli Koronaavaayirasii MERS baachuu dandeessi

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gaalli Koronaavaayirasii MERS baachuu dandeessi

Koronaavaayirasin vaayirasiiwwan biroo akka Iboolaa, SARS, MERS fi kaan simbira halkanii irraa maddan waliin amaloota qooddatu qaba.

Vaayirasiin koronaa bineensa irraa namatti darbuuf seelii namaa cabsee seenuuf furtuu barbaada.

"Sars-Cov-2 kan jedhamu furtuu pirootinii vaayirasii 'spike' jedhamuun seelii qaama namaa cabsee seene. Seeliin qaama namaa vaayirasii kana simate ammoo ACE2 jedhama" jechuun ibsu qorataan vaayirasii pirofeesar Deeviid Roobartisan, Yuunivarsiitii Gilaasgoo irraa.

"Koronaavaayirasiin seelii kana keessa seenuu qofa osoo hin taane, Sars caalaa keessatti wal horuu danda'eera," jedhu.

Koronaavaayirasii shifargaa jalatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Koronaavaayirasii shifargaa jalatti

Namoonni hedduun vaayirasichi gabaa bineeldotaa Wuhaan keessaa akka eegale dhageenye ta'a. Haa ta'u gabaa kana keessatti bineeldi paatojenii ykn jarmiin dhukkuba kana baatu qaama isaa keessatti argame hin jiru.

Ta'us gabaan bineeldotaa iddoo qulqullina gahaahin qabne dhala namaa dabalatee gosti bineensotaa gara garaa itti wal gahan waan ta'eef ka'umsa vaayirasichaa ta'u akka danda'u ogeeyyiin shakkii qabu.

"Bineensonni yeroo kan walitti hin siqne, iddoo gabaatti walitti dhiyaachuu danda'u, yeroo kana vaayirasichi gosa tokko irraa kaanitti utaaluu danda'a" jedhu pirofeesar Kaniingihaam.

Vaayirasii amma addunyaa weeraree lubbuu namaa galaafataa jiru kana namatti dabarsuu hin oolan jedhamanii kan shakkaman, miink, feereet, pangooliin akkasumas qocaanillee ni shakkamti.

Haa ta'u malee weerarri amma kun bineeldota kana tokkoo isaaniin wal qabachuuf ragaan hin jiru.

Ta'us garuu bineeldota bosonaa waliin tuttuqaa qabaachuun ofis, bineeldota kanas balaaf saaxiluudha jedhu ogeeyyiin.

Gabaan bineeldotaa to'atamuu akka qabus ni hubachiisu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa