Covid-19 qabamuun madinummaa qaamaa ‘saffisaan hir’isa' - Qorannoo

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni koronaavaayirasiin erga qabamanii booda aantiibodiiwwan qaama isaanii keessa jiran saffisan akka hir'isan qorannoon ibse.
Aantiibodiiwwan sirna ittisa dhibee qaama namaa ykn madiinummaa qaamaa keessatti wanta ijoo fi vaayirasiin gara seelii akka hin seenne haguugee kan ittisuuf fayyadaniidha.
Sababa kanaan aantiibodiiwwan saffisaan hir'achuun madinummaa qaamaa laaffisuun carraa irra deddeebiin vaayirasichaan qabamuu dabala jedhu qorattoonni.
Gartuun qo’attoota kolleejjii impeeriyaalaa Landan akka himanitti hammi aantiibodiiwwanii namoota qorannoo taasifame irratti hirmaatanii ji’oota Waxabajjii fi Fulbaana giddutti harka 26n hir’ateera.
Oduun kun kan dhaga’ame biiroon istaatistiiksii UK Onkoloolessaa 16 booda lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamuun du’anii harka 60’n dabaluu wayita ifoomsetti.
Ragaan biiroon kun baase akka agarsiisutti, biyyattii keessatti namoonni 60,000 caalan Covid-19n du’aniiru.
Amma yoonaatti Ingilaand keessatti namoota 350,000 caalaniif qorannoon aantiibodii taasifameefi jira.
Qorannoo marsaa jalqabaaf Adoleessa taasifame irratti namoota 1,000 keessaa 60 kan ta'an aantiibodiin isaanii salphaatti argamuun danda'ameera.
Qorannoo Fulbaana darbe kana taasifameen immoo lakkoofsi kun 60 irraa gara 44'tti hir'ateera.
Ogeessi qorannoo kana gaggeessan Pirofeesar Heelan Waard, ’’madiinummaan qaamaa saffisaan gadi xiqqaate, ji'oota sadi qofa keessatti dhibbeentaa 26n hir'ateera’’ jedhan.
Antiibodiin dargaggoota fi kanneen vaayirasichaan qabamanii dhukkubsatan caalaa, namoota umriin isaaanii ganna 65 ol ta'ee fi kanneen vaayirasichaan qabamanii mallattoo hin agarsiifne irratti saffisaan hir’ateera.
Ogeeyyiin fayyaa hedduun vaayirasichaaf saaxilamummaa waan qabaniif namoota biroo caalaa aantiibodii olaaanaa qabu jedhu qorattoonni.

Aantiibodiiwwan dirra koronaavaayirasiitti maxxanuun vaayirasichi qaama seelotaa akka hin seenne ittisu. Vaayirasichi seelota keessa yoo hin seeniin miidhaan geessisu guddaa hin ta'u.
Hammii aantiibodii gadii hir’achuu kallattiin guutummaa sirna madiinummaa qaamaarratti maal akka fidu sirnaan hin baramne
Sirna madinummaa qaama keessatti gartuun Seelota-T jedhamanis seelota vaayirasicha faalaman ajjeesuudhaanii fi deeggarsa seelota ittisoo gaaafachuu keessatti qooda qabu.
Haa ta'u malee aantiibodiin vaayirasicha namarraa ittisuu irratti milkaa'oodha.
Kanaaf ragaa jirurraa ka'amee 'aantiibodiin hir'isuun madinummaan qaamaa hir'isuudha' jedhu pirofeesar Waandii Baarkilee
Qorattoonni akka jedhanitti, farreen qaama alagaa namoota kamtu vaayirasichaaf hin saaxilamne isa jedhu raaguuf ni fayyaduu jedhan.
Gosonnii koronaavaayirasii nama qabuu danda’an biroo afur kan jiran yoo ta’u, deddeebi’anii nama qabu akka danda’utu himama.
Isaaniis malattoo salphaa qufaan walfakkaatu kan agarsiisanii fi ji’oota 6 amma 12 gidduutti deebi’anii nama qabu danda’u.
Namoonni hedduun mallattoo salphaa agarsiisuu ykn sirumayyuu mallattoo hin qaban.
Ragaa qorannoon biiroon Istaatistiksii biyyatti reefu maxxanse akka agarsiisutti namoota vaayirasichaan qabaman sadii keessaa lama mallattoo hin agarsiisan.
Qorattoonni kunis kan mudate madinummaan qaama hir’achuun akka walqabatu kaasan.
















