Koronaavaayiras: UKn namoota fayyaa Covid-19n akka 'qabaman gochuun' yaalii talaallii gaggeessuuf

Madda suuraa, Getty Images
UK’n qorannoo namoota fayyaa 90 beekaa Covid-19’n faaluun yaalii talaallii gaggeessuuf qophaa’uun biyyaa ishee jalqabaa ta’uuf jirti.
Qorannoo kun Amajjii eegalamaa jedhamee kan yaadamu yoo ta’u yaalii talallii Covid-19 argachuu ni arifachiisaa jedhamee yaadama.
Hojii kanaaf mootummaan baajata pawondii miiliyoona 33.6 ramadeera.
Ogeessonni of eeggannoon filannoo isa jalqabaa ta’uu qaba jechuun akeekkachiisaniiru. Karoorri kun naamusa (ethics) kan eeggatee ta’uu akka qabu utuu hin eegalamiin dura raggaasifamuu qaba.
Qarannoon akkanaa, taalallii yaaluuf mala ariifataadha. Sababiin isaas namootni uumamaan dhibichaaf hanga saaxilamanitti eeguun waan hin barbaachisneef.
Jalqaba qorattoonni vaayirasii koronaavayirasii hagamtu dhibee kana tola oltoota ganna 18-30 ta’an Covid-19 qabsiisuu danda’a kan jedhu adda baasu.
Namootni vaayirasiin kun karaa funyaani kennamuuf kun, sababa umuriifi fayyina isaaniin miidhaan irra ga’u xiqqaadha.
Itti aansuun saayintistoonni talaalliin Covid dhibee kana ittisuu danda’a yoo ta’e ni yaalu.
Kolleejii Empeeriyaal Landan irraa qorannoo kana kan dursu Dr Kiriis Chiwuu “gartuunkoo qorannoo akkanaa vaayirasoota hargansuu miidhan irratti milkaa’inaan waggooti 10 oliif gaggeessaa turaniiru.
‘’Qorannoon kamuu balaarraa bilisa hin ta’u, garuu qorattonni “Human Challenge Programme” balaa uumamuu danda’u hanga danda’ameetti xiqqeessuuf ciimsinee ni hojjenna,” jedhu.
Qorataan qorannichaa biraafi daarektarri the ‘Human Challenge Consortium,’ Piroofessar Piitar Openshaaw akka jedhanitti, namoota fayyaa beekaa dhibeen faaluun ‘wanta akka salphaatti fudhatamu miti.’
“Ta’us garuu, qorannoowwaan akkanaa odeeffannooo bal’aa kennu. Talaalliifi qoricha covid-19 argachuuf hanga danda’ametti ariitiin hojjachuun barbaachisaadha,” jedhu.
Talaalliwwaan Covid-19 dhibbaan lakkaa’aman addunyaa keessatti qoratamaa kan jiran yoo ta’u, kanneen akka kan Yunivarsitii Oksifordiin uumamanii fi biroon ammo yaalii sadarkaa dhumaarra ga’uun dursaa jiru.
Kanneen keessaa qorannoon haaraa kun usuu hin eegaliin bu’aa argatanii hojii eegaluu kan danda’an yoo ta’u, qorattoonni akka jedhanitti qorannoon kun talaalli inni kam caalaatti hojjata isa jedhu madaaluuf ni fayyada.
Weerara Covid kana mo’achuuf talaalliwwan garaa garaafi wal’aansi bu’aa qabeessi akka nu barbaachisu ogeessoti ni himu. Akkasumas namoota dhibee kanaaf caalatti saaxilamoo ta’an kan akka maanguddootaafi namoota dhibee biroo qaban irratti yaalamu qabu.
Hojiin qorannoo kanaa sadarkaan jalqabaa walta’uumsa Kolleejii Impeeriyaalii Landan, ogeessota Hospitaala Royaal Firii, gartuu qorannoo Landaniifi dhaabbata hVIVO jedhamuun gaggeefama.
Erga Covid-19’n qabamanii booda tola ooltonni kun hanga dhibee kanarra bilisa ta’anitti wiirtuu baayoo teekii keessa turu.
Namootni kun yeroo isaaniif maallaqani kan kennamuuf yoo ta’u qorannoo kanarratti erga hirmaatanii boodaa miidhaan akka irraa hin geenyeef gara waggaa tokkoof hordoffiin ni taasifamaafi.
Beekaa nama tokko Covid’n qabsiisuun yaaddoo xiinsammuu keessa nama galcha, keessumaa dhibamtoota wal’aanuuf qorichi waan hin jirreef, ta’us garuu qorichootni gariin wal’aanu danda’an jiru.
“Talaalli bu’a qabeessa ta’e ariitiin hojjachuu keessatti wantoonni namuusa namaa gaaffi keessa galchan ni jiraatu.
“Wanta amma rakkoorra jiru waliin yeroo ilaallu garuu, qorannoo akkanaa gaggeesuu dhiisuutu naamusa dhabuu ta’a,” jetti Yunivarsitii Oksiforditti oggeettiin naamusaa Piroofesar Juliyaan Savulesku.
Ministeerri Daldalaa Alook Sharmaa “Koronaavaayirasii ittisuuf, saayintistootaafi qorattoota keenya talaallii argachuuf yaalan dabalatee, wanta dandeenyu mara hojjachaa jirra,” jedhu.















