Koronaavaayiras: Namni Covid-19'n qabame tasa dhageettiisaa dhabe

coronavirus up close

Madda suuraa, Getty Images

Namni umrii waggaa 45, lammiin Biriteen koronavaayirasiin qabamee erga hospitaala seenee booda tasa gurrisaa dhagahuu dide.

Doktaroonni UK haalli kun yeroo jalqabaaf akka mudate dubbatu.

Kanaan dura koronaavaayirasiin miira waa dhandhamuu dhala namaa miidha kan jedhu malee, dhageettii namaarraan miidhaa ga'a kan jedhu dhagahamee hin beeku.

Dandeettiin gurraan waa dhagahuu dhala namaa, darbee darbee dhibeewwan daddarboo kanneen akka qufaa (flu)tiin wayita miidhamu ni mul'ata, koronaavaayirasiin walqabatee wayita mudatu garuu kun isa jalqabaati jedhan doktaroonni.

Ogeessi gurraa-funyaanii-fi-kokkee (qoonqoo) akka dubbatanitti, qorichoonni istirooyidii jedhaman yeroon yoo fudhataman balaa kana hambisuu danda'u.

Namni Covid-19'n qabame kun akkamiin dhageettiisaa dhabe?

Namni durumaanuu dhibee asmaa qabu kun mallattoo Covid-19'n agarsiisee hopitaala Landan seene.

Harganuun waan itti ulfaateef kutaa namoonni akkaan dhukkubsatan keessatti yaalaman seene.

Erga koronaavaayirasii qabaachuunsaa mirkanaa'ee, meeshaa harganuuf gargaaru ventileetaraan harganuu eegale.

Namni kun osoo bayyanatee ventileetara keessaa hin ba'iniyyuu qorichoota hedduu fi dhiiga nama biraa kallattiin fudhachuutu irra ture.

Meeshaan ittiin harganu (ventilator) irraa baafamee, kutaa keesatti yaalamu keessaa ba'uuf torbeen tokko yeroo hafu, gurri isaa itti huursuu eegale.

Yeroo xiqqoo booda gurrisaa mirgaa duude.

Akkaataa qorannoo dhageettiisaarratti taasifameen, miidhaan dhageettiisaarra ga'e narviin miidhamuu waliin walqabata.

Waa'ee Covid-19'n dhibamuusaa malee waan dhageettiisaa mudaterratti odeeffannoo guutuu akka hin argatin kan himan doktaroonni, nama kanaaf dawaa kennanis irraa fooyya'uu hin dandeenye.

Vaayirasiin kun hawaasa adunyaa guutuu keessa faca'ee jiraachuusaatiin walqabatee, dhiibbaan inni dhageettii namaarraan ga'u yoo jiraate qorannoon bal'inaan gaggeeffamuu feesisa jedhan, gareen ogeeyyii fayyaa Yuuniversitii Kolleejjii Landan fi hospitaala dhimma fayyaa funyaan, kokkee fi gurraa.

Vaayirasiin kun seelota sirna hargansuu keessatti argaman keessa seenuun, siribduuwwan ujummoo qilleensaa irra qubachuun miidhaa geessisa.

Siribduuwwan kanaan walfakkaatan kutaalee gurra namaa keessaa isa giddu galeessaa keessattis ni argamu jedhu qorattoonni.

Kanaafuu ogeeyyiin fayyaa wayita qorannoo Covid-19 taasisan, dhageettii nama sanaas haalaan sakatta'uu qabu jedhan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa