Koronaavaayirasii፡ 'Gosti koronaavaayirasii haaraan' Ingiliiz keessatti argame

Koronaavaayirasii

Madda suuraa, Getty Images

Akaakuun Koronaavaayirasii haaraan akkaataa kanaan dura hin beekamneen kutaalee Ingiliiz keessa saffisaan tatamsa'aa jiraachuu qondaaltonni fayyaa ibsan.

Ministirri Fayyaa UK Maat Haankook miseensota mana maree biyyattiif akka ibsanitti, gosti koronaavaayirasii haarofti kun yoo xiqqaate iddoowwan 60 ta'anitti argamuunsaanii gabaasi nu ga'eera jedhan.

Maat akka jedhanitti mootummaansaanii waa'ee vaayirasii kanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti gabaaseera.

Qorattoonni UK waa'ee vaayirasii kanaa qorachuu eegalaniirus jedhan.

Odeeffannoo Ministeerri Fayyaa biyyattii hanga ammaatti qabuun gosti vaayirasii kun kan kanaan duraa caalaa balaafamaa ta'uu fi talaalliiwwan koronaavaayirasii haaraan as ba'aa jiran kan dandamatu ta'uusaa wanti akeeku hin jiru jedhan qondaalli kun.

"Keessattuu Kibba Ingiliiz keessatti namoonni kuma tokko caalan gosa vaayirasii haaraa kanaan qabamuu barreerra'' jedhan.

Kanaafuu talaallii hatattamaan hawaasa biraan ga'uun tatamsa'ina vaayirasichaa hir'isuun dirqama jedhan.

Ogeessi fayyaa biyyattii Pirofeesar Kiriis Wiitii, qorannoon gosa vaayirasii haaraa kanaaf taasifamu kan duraan turerraa adda miti jedhan.

Pirofesar Kiriis yeroo dhiyoo as naannawa Kibba Ingiliizitti lakkoofsi namoota gosa koronaavaayirasii haaraa kanaan qabamanii hedummaachaa jiraachuu mirkaneessan.

Gosa vaayirasii haaraa kana keessatti qabiyyeen pirootiinii koronaavaayirasii kan heddummaatu yoo ta'u, hammi pirotiinii dabaluun ammoo amala vaayirasichaarratti hagam jijjiirama akka fidu hanga ammaatti bira hin ga'amne.

Yuuniversitii Barmiingihaam keessatti qorataa damee kanaa kan ta'an Pirofeesar Alen Maaknaalii, ''waan baay'ee rifachuu qabnu natti hin fakkaatu, kana jechuun vaayirasichi saffisaan tatamsa'a jechuu ta'uu dhiisuu danda'a. Yookiin ammoo daran balaafamaa ta'uu dhiisuu danda'a.'' jedhan.

Tibbana UK fi US keessatti talaalliin Covid-19, Pfizer/BioNTech lammiileef kennamuu eegaleera.

Talaallii vaayirasicharraa nama fayyisuunsaa harka 95 ta'uun mirkanaa'e kana hojiirra oolchuun UK'n biyya jalqabaati.