Covid: UK fi Raashiyaan talaalliiwwan isaanii walitti makanii yaaluufi

Madda suuraa, Getty Images
UK fi Raashiyaan gahumsa ittisaa talaallii Covid 19 cimsuuf talaalliiwwan isaanii walitti makanii yaaluufi.
Saayintistootni UK fi Raashiyaa garee tokko ijaaruun talaallii AstraaZenekaa fi Ispuutniik V kan Raashiyaatti hojjetame walitti makuun dandeetti dhibee kana dandamachuu cimsuuf waliigalaniiru.
Akka saayintistootni jedhanitti talaalliiwwan walfakkaatan walitti makuun dandeetti dhibee dandamannaa nama daranuu jabeessa.
Talaallii kana lamaan walitti makanii namoota umriin isaanii 18 ol ta'an irratti Raashiyaatti yaaliin gaggeefamuuf kan jiru yoo ta'u namoota hangamii irratti talaalliin kun akka yaalamu hin beekamne.
Okisfoordi dhiyeenya adeemsa yaalii talaallii isaarratti gabaasa maxxanseen talaallichi milkaahaafi fudhachuufiis yaaddoo kan hin qabne jedheera.
Qorattootni amallee milkaahina talaalliin kun namoota umriin isaanii siiqee irratti qabu sassaabaa jiru. Qaamni to'annoo qorichaa UK's hayyama ni kenna jedhamee eegama.
Talaalliin UK'tti walta'iinsa dhaabbata AstiraaZeneekaa fi Okisfoordiin hojjetamee fi talaalliin Raashiyaatti Inistitiyuutii qorannoo Gamaleeyaan hojjetaman lachuu qaccee sanyii Sars-cov-2 jedhumurra wanta fudhatan waan qabaniif walfakkaatu.
Talaalliiwwan walfakkaatan lama ammoo yoo walitti makaman gahumsi isaanii dabaluun hubaatii kan hin qabnees ta'uu maluu jedheera AstiraaZeneekaan.
Talaalliin kun talaallii Pfizer-BioNTech kan UK, Kaanaadaa, Baahireeniifi Saawidii Araabiyaan akka kennamu ragaasaaniifi US'tti adeemsa hayyama argachuurra jiru irraa adda.
Raashiyaan biyyoota addunyaa dursuun talaallii Covid-19 Ispuutniik V jedhamu argachuun torban darbe magaala Mooskootti talaaluu eegalte.













