Covid: 'Fiigicha talaallii Covid-19 argachuu keessa biyyootni hiyyeeyyiin akka hin miidhamne'- WHO

Madda suuraa, Reuters
Biyyootni addunyaa hiyyeeyyiiniifi saaxilamoon fiigicha talaallii Covid-19 argachuuf godhamu keessatti akka hin miidhamne, hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa akeekkachiisan.
Dr Tediroos Adihaanom talaalliiwwan milkaawoo haala madaalawaa ta'een qoodamuu qabu, kanaafis maallaqni doolaara biiliyoona 4.3 ta'u ni barbaachisa jedhan.
Gaaffiin jiru ''addunyaan qooddachuu dandeessii laata kan jedhu osoo hin taane.... qooddachuu dhiisuu dandeessi,'' kan jedhuudha jedhan.
Hanga ammaatti talaalliiwwan sadarkaa yaalii isa dhumaarra jiran afur, bu'aa gaarii agarsiisuun gabaafameera.
Talaaliiwwan namni Covid-19'n qabame mallattoo akka hin qabaanne ittisan lama kan Yunivarsiitii Okisfordi fi kan AstraZeneca hojjetaman, gatiin omishaa isaanii rakasa yoo ta'u, kanneen biroo lama ammoo mi'aa ta'uu isaaniin addunyaarratti dhiibbaa ni qabaatu jedhameera.
Talaalliin Oxford akka qorattootni jedhanitti 90% ittisa jabaa kan qabuudha.
Talaalliiwwan biroo lamaan Pfizer-BioNTech fi Moderna vaccines caalas geejibaaf mijataa, kuusaafis salphaadha jedhameera.
Biyyoota guddata jiraniif gatii madaalawaan dhiyaachuu akka danda'us himamaa jira.
Talaalliin Raashiyaan hojjette Ispuutniik V jedhamus yaalii sadarkaa sadaffaa irratti gaggeeffameen bu'aa gaarii agarsiisuun beekameera.
Raashiyaan talaallii kana maatii pireezidant Vilaadmiir Puutiinirraa eegaluun kennuu erga eegaltee bubbuleera.
Haala talaalliin irra jiru ilaalchisee Dr. Teediroos maal jedhan?

Konfiransii gama intarneetaan qophaaye irratti kan dubbatan Dr. Teedroos ''dukkana dheeraa duuba calaqqeen ifaa mul'atu guddachaa jiraachuu isaa agarsiisa,'' jechuun haalli talaalliiwwan dhibee kanaa irra jiran abdachiisaa ta'uu ibsan.
''Seenaa keessatti saffisa kanaan talaalliin argame hin jiru,'' jechuun argannoon saayinsaawaan amma galmaahes seena qabeessa ta'uu dubbatan.
Talaalliiwwan kunniin tarkaanfiiwwan fayyaa hawaasaa ammaan dura yaalaman waliin yoo walitti ida'amu ''weerara kana dhaabuuf ni gargaaru'' jedhan.
Mootummootni sooreyyiin waan danda'an hundaan nageenya lammiilee isaanii eeguuf, waanta gochaa jiran akka hubatan himanii, talaalliiwwan milkaahoo amma jiran hunda bitatanii biyyoota hiyyeeyyii harka qullaa hambisuun garuu kan isaan yaachisu ta'uu ibsan.
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa ibsa BBC'f kennee tureen duulli ittisa Covid-19 ''gamtaan ta'uu akka qabu'' ibseera.
Akka ragaan hanga ammaa sassaabame mul'isutti, talaalliin inni kum irra caala bu'a qabeessa akka ta'ellee osoo adda hin bahiin, Indiyaan, Gamtaan Awrooppaa, US, Kaanaadaafi UK'n biyyoota talaalliiwwan mikaahoo jedhaman hedduu bitataniidha.
WHO'n akkamitti biyyoota hiyyeeyyii gargaaruu yaade?
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa akka addunyaatti sirna qoodinsa talaallii Covid-19 tokko diriirseera.
Sirni kun moggaasa Covax jedhu kan qabu yoo ta'u, hanga ammaatti biyyootni 187 qaama sagantaa kanaa ta'aniiru.
Dr. Tediroos ammallee biyyootni biroon sagantaa kanatti akka makaman gaafachaa jiru.
Sagantaa kanaan hanga dhuma bara 2021'tti talaallii doozii biiliyoona lama addunyaa guutuutti raabsuuf karoorfateera.
Haata'u malee wanti qormaata itti ta'e biyyoota addunyaa galii gadaanaa qaban 90 ta'aniin gahuuf maallaqa barbaachisu argachuudha.
Dr. Tediroos ammayyuu kenninsa qorannoo Covid-19 jabeessuuf doolaarri biiliyoona 4.3 atattamaan barbaachisa jedhan. Piroojektiin raabsa talaallii kun ammoo bara 2021'tti dabalataan doolaara biiliyoona 23.8 barbaada jedhaiirun.
Biyyootni sagantaa raabsa talaallii idila addunyaa Covax keessatti miseensa ta'an akka UKfi Kaanaadaa, ammallee sagantaa kanaan alatti kaampaaniiwwan waliin akka dhuunfaatti mariyachuun, talaallii dabalataa argachuuf yaalaa jiru.
''Covax keessatti arjummaan hirmaachaa jiru, haata'uutii gabaa fedhiin guddaa fi dhiyeessiin xiqqaan jiru keessa, talaallii jiru fudhachuutiin ammoo miidhaa jiru,'' jedhan Yunivarsiitii biyya US Duke keessatti qorataa kan ta'an Andiriyaa Teeyleer.














