Covid-19: Ameerikaan talaalliin Pfizer %95 amansiisaa ta'uu mirkaneessite

Madda suuraa, Getty Images
Bulchitoonni US talaalliin Pfizer/BioTech' %95 bu'aa qabeessa tahuu mirkaneessuun tajaajilichi atattammaan hojiirra oolfamuuf daandii bana jedhaniiru.
Bulchiinsi Nyaataafi Qorichaa [FDA] talaallichi akka hin mirkanoofneef yaaddoon nageenyaa dhorku hin argamne jedheera.
Waa'een talaallicha lilmoon kennuu fi kan UK namoota baay'eef fayyadamuu jalqabdee kana ilaachisee odeeffannoon gadi fagoon kanaa kun yoo kennamu kan yeroo jalqabaati jedhameera.
Bulchiinsi Nyaataa fi qorichaa kurtee seera qabeessa taasisuuf Kamiisa wal gahuuf jira.
Ejensichi talaallicha ammayyu kan hin raggaasifne yoo tahu odeeffannoo yeroo talaallichi yaalii irra ture tti fufinsa kan qabuu tahuu fi yaalii ariifachiisaaf fayyadamuu akka danda'amu eeyyamera.
Qaamni bulchiinsi Qorichaa UK, MHRA ammoo torbee darbe ture akka talaalichi fayyadaarra oolfamu kan mirkaneesse.
Biyyootni lameen bu'aa qabeessummaa fi nageenya talaallichaa irratti odeeffannoo gahaa qabu.
Torbee darbe Antooniyoo Fawuchii, ogeessi dhibee daddarbaa Ameerikaa, adeemsa UK'n talaallicha fayyadamuuf raggaasiste ilaalchisee yaada qeequmsaa kennaniif dhiifama gaafataniiru.
Antooniyoon BBCtti akka himanitti ''adeemsi Ameerikaan talaalicha mirkaneessuuf fudhatte kan UK caalaa yeroo dheeraa kan fudhatedhas'' jedhan.
Dhugaan isaa kana. Kana jechuun koo dadhabina qaba jechuukoo miti bifa kanaan hojiirra oolus'' jedhan. Yeroo yaada jalqabaa kennanis Ameerikaan ''guyyoota muraasa'' duubatti hafti jedhanii ture.
Odeeffanno bal'aan FDA maxxanse talaallichi %95 bu'aa qabeessa tahuu kan agarsiisudha.
Ittisa guutuu kennuuf dooziin [hammantaan kennamu] si'a lama tahus kan jalqabaa dhukkubbii cimaa tahe %89 ittisuu danda'a.
Akkasumas talaallichi ittisa wal fakaataa tahe namoota Covid-19 dursanii qabamaniifis kenna.
Ragaan wal gahii FDA Kamisa dhufu dursee maxxanfame miidhaa wal fakkaataa namootni talaallicha fudhatan agarsiisan kan akka dhukkubbuu qaamaa, irraa namaa bakka lilmoon waraaname dhiita'uu fi diimachuu qabaachuu ibseera.
Dabalataan dadhabbii yeroo gabaabaa, mata bo'uu fi dhukkubbii maashaa qabaachuu ibseera. Mallattolee saslphaa kanaan ala fayyaa namoota talaalamanii fi garee to'atu gidduutti mul'ise hin qabu.
Qorannoo kana keessatti dubartootni ulfaa fi ijoolleen waggaa 16 gadii hin hammatamne. Kanaaf talaallichi warren kanaaf ammayyuu hin raggasifmane ykn hin eeyyamamne jechuudha.
Adeemsi UK fi Ameerikaan talaallii haaraa raggasisuuf fayyadaman xiqqoo garaagarummaa qaba.
Lamaan isaaniiyyuu qorannoo keessoo gaggeessuunu boordii gorsa kennu mariisisu. FDA ammoo dabalataan ragaalee dheedhii galmaa'aniifi barreeffamoota yeroo yaalii ilaala.
Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa kun ragaalee dheedhii kanneen fayyadamuun akkuma kaampaanii Faarmaasii kaanii guduunfaa wal fakkaataa irra gaha.
Yoo talaalliin kun US keessatti eeyyamame nageenyi isaa ammoo kan hordofamaa deemu taha.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















