Koronaavaayirasii: Arjantiinaan miidhaa Covid dandamachuuf dureessota 12,000 irra gibira keesse

Madda suuraa, Reuters
Arjantiinaan dureessota biyya isheerra gibira addaa keesse.
Galiin gibira kana irraa argamuus meeshaalee wallaansa fayyaafi kanneen sababii koronaavaayirasitiin miidhaman deeggaruuf oola jedhameera.
Miseensonni mana maree biyyattis 'gibira miliiyenarootaa' kan yeroo tokkichaan kanfalamu kanas deeggarsa sagalee 42/26'n raggaasisaniiru.
Haaluma kanaanis soreessonni qabeenyaa hanga doolaara biiliyoona 2.5'tti tilmaamamu qaban gibira kana kanfalu qabu.
Biyyattii keessattis namoonni qabeenya hanga kanaa qaban kuma 12 ta'u jedhameera.
Arjantiinaan biyyoota addunyaa koronaavaayirasiin garmalee miidhaman keessaa tokko dha.
Ragaa hanga ammaa jiruun lammiileen ishee miliyoona 1.5 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, kuma 40 kan ta'an ammoo lubbuusaanii dhabaniiru.
Biyyi ummanni ishee waliigalaa miliyoona 45 qofaa taate Arjantiinaan, baay'ina lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniin addunyaarraa sadarkaa shanaffaa irratti argamti.
Kunis haala baay'ina ummata ishee waliin wal bira yoo qabamu, biyya xiqqoo namoonni miliyoonaan lakkaa'aman vaayirasichaan qabaman taatee jirti.
Uggurawwan facaatii vaayirasichaa to'achuuf biyyattiin keessee turte dhiibbaa olaanaa taasisuu himama.
Biyya hojii dhabdummaan keessatti baayyateefi hedduun hiyyuummaa keessa itti jiraataniitti uggurri kaa'amee caalaa haalicha harbesseera.
Arjantiinaan bara 2018 irraa kaasee kufaatii diinagdee keessatti argamti.
Kanneen seera gibira kana raggaasisan keessaa tokko akka jedheetti seerichi namoota gibira kanfalan keessaa kan 0.8 0% ta'an qofaa ilaalatta.
Abbootiin qabeenyaa biyya keessa jiraatan %3.5, kanneen biyya biraa jiraatan ammoo %5.25 akka kanfalaniif murteen kan darbe.
Maallaqa gibiraan walitti qabamu keessaas kan harka 20 ta'u bittaa meeshaalee wal'aansaaf, harki 20 daldaltoota daldala xixiqqaatiif, harki 20 kanfaltii manneen barnootaa ijoolleef, harki 15 ammoo misooma hawaasuummaaf yoo ta'u, kan hafe dhibbantaa 25 ammoo hojiiwwan boba'aa uumamaatiif akka ooluu AFP'n gabaaseera.
Pirezidantiin biyyatti Albertoo Farnaandeez maallaqa biyyatti pesoom biiliyoona 300 walitti qabuuf karoorafataniiru.
Haa ta'u malee, gareen paartii mormiitootaa gama isaanitiin kun gibira yeroo tokkichaa ta'u waan hindandeenyeef, invastaroota biyya alaa sodaarra buusuu danda'a jechuun qeequ.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














