Covid-19: Obaamaa, Buush fi Kilintan wayita talaallii fudhatan viidiyoon waraabuufi

Former US presidents Obama Bush and Clinton

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantonni duraanii US Baraak Obaamaa, Joorji W Buush fi Biil Kilintan wayita talaallii Covid-19 fudhatan hawaasi akka daawwatuuf karaa foddaa TVn akka darbuuf fedhii qabaachuu ibsan.

Qondaaltonni (lama dimokiraatotaa fi tokko rippaabilikaanii) kunneen talaalliin kun akkuma mirkanaa'ee fudhatamuu eegaleen marfee waraannachuun akka hawaasatti agarsiisan waadaa galan.

Kunis hawaasi bu'a qabeessummaa fi nageenyummaa talaallichaarratti ofitti amanummaa akka horatuuf yaadameeti.

Haala qabatamaan ragaan jiru kan akeeku lammiileen US hedduun talaallii kana fudhachuurratti rincicaa jiraachuudha.

Wayita talaalliiwwan Pfizer fi Moderna jedhaman Onkoloolessa darbe keessa yaaliif dhiyaatan qorannoon gaggeeffamee ture akka mul'isutti yoo ta'e lammiilee Ameerikaa 10 keessaa ja'atu talaallicha fudhachuuf fedhii agarsiisan, Fulbaana keessa garuu dhibbeentaa 50 kan ta'an fudhachuuf fedhii hin qaban ture.

US keessatti hanga ammaa talaalliin mirkanaa'e hin jiru, garuu mootummaan talaalliiwwan Pfizer fi Moderna jedhaman torbeewwan itti aanan keessa yaaliif dhiyeessuuf jedha.

''Talaallichi namoota daran hin dhibamneefi yaaddoo keessa hin jirreef kennamuu eegallaan anatu dura fudhata, waadaan gala'' jedhan Baraak Obaamaan.

"Wayitan talaallii fudhu akka waraabamu yookiin karaa foddaa TVn akka darbun fedha. Yeroo kana namoonni akkan saayinsiitti amanu hubatu. Kan ani hin amanne talaallii fudhachuu osoo hin taane Covid-19'n qabamuudha'' jedhan.

Pirezidaantonni duraanii kunneen ofii akkuma talaalliin hojiirra ooleen fudhachuu akka eegalanii fi hawaasnis karaama kana hordofuu akka qabu dhaamaniiru.

Ogeeyyiin fayyaa hawaasaa akka jedhanitti talaallii irratti hawaasi rincicuun, duulaan tlaalsifamuu fida, talaalliin duulaa karaa ittiin facaatii vaayirasichaa ittisan keessaa tokko.

Biyya talaalliin Pfizer itti mirkanaa'e UK keessatti, pirees sekreetariin MM Booriis Joonsan wayita talaallii fudhatan karaa foddaa tv akka darbuuf waadaa seenaniiru.

Kana gochuudhaan hawaasa amansiisuuf jedhan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa