Koronaavaayirasi: Yaaliin talaallii haaraa Covid-19 wal’aanuuf abdatame UK’tti eegalame

Madda suuraa, Imperial College
Talaallii haaraa koronaavaayirasii wal'aanuuf oolu UK'tti namoota fedha qaban irratti yaalamuun eegale.
Torban muraasa dhufanitti namoota 300 ta'aniif talaalliin kuni ni kennama jedhameera.
Yaaliin kun Pirofeesar Roobin Shaatokiifi namoota isaan waliin Impeeriyaal Kollejj of Landanitti hojjataniin kan gaggeeffamudha.
Yaaliin talaallii kanaa bineensota irratti yaalamee milkaa'eera. Hamma dandeettii dhukkuba ofirraa ittisus cimseera.
Gama kaaniin, kana dura ekispartoonni yunivarsiitii Okisfordii jiran talaallii nama irratti yaaluu eegalun isaanii ni yaadatama.
Yaaliin talaallii haaraa eegale kuni yaalii talaallii 120 addunyaa guutuutti taasifamaa jiru kessaa tokkodha.
Kaatin, umrii 39, hojjettu faayinaansii yoo taatu kanneen fedhii isaaniin talaalliin akka irratti yaalamu fedhan keessaa tokkodha.
Sababa eeyyama isheetin qooda fudhattef yoo gaafatamtuus vaayirasii addunyaa ittisu keessatti gahee ofii gumaachuuf akka ta'e ibsite.
Yaalii talaallii kanaa booda yaaliin biraa baatii Onkololeessa keessa kan kennamu yoo ta'u yeroos namoonni 6,000 irratti ni hirmaatu.
Gareen kollejjii Impeeriyaal jalqaba bara 2012 talaalliin kuni UK fi biyyoota birootti ergamuu danda'a jedheera.

Farguus Waalsh, gabaasaan Medikaalaa maal jedha?
Dooziin amma yaalamaa jiru jalqaba Ameerikaatti kan oomishame yoo ta'u, xumura waggaa kana gara UK dhufun oomishama.
Yaalii talaallii Okisfordii waliin yeroo walbira qabus Okisforditti kanneen yaalicha keessa qooda fudhatan doozii tokko qofa fudhatu.
Kan Impeeriyaal Kolleej of Landanitti eegale garuu garaa gartee torban afurin doozii lama fudhatu.
Sagantaawwan yaalii talaallii 120 addunyaarra yeroo ammaa jiran keessaa hedduun isaanii sadarkaa laaboraatoriirra hin darbani.
Kanneen yaalii namaarra eegalan 13 keessaa shan Chaayinaa, sadii US, lama UK, akkasumas Awustiraaliyaa, Jarmaniifi Raashiyaatti tokko tokko ni jira.
Lubbuu namoota hedduu baraaruufis waldorgommiin yaalii talaallii garaa garaa taasisan gidduutti osoo hin taane vaayirasicha dorgomuutu barbaachisa.

Pirofeesar Shaatoki: '' Ji'a muraasa keessa yaalii qopheessine sadarkaa namarra yaalurra geenye'' jechuun himan.
'Yaaliin qopheessine dhukkubicha akka ofirraa ittisnu yoo nu dandeessie, haala fuuladuratti weerara dhukkubaa dhufu to'annuf guddaa gargaara,' jechuun dubbatan.
Qorattuun ijoo qorannoo kanaa Dr Kaatirinaa Polook 'osoo kanneen yaalii gaggeessan humna dhukkuba ofirraa ittisuu isaaniirratti jijiirama hin agarsiisan ta'e, yaalii kana keessa hin dalagu' jechuun himte.
Qorannoon kuni mootumaa UK irraa paawundii miiliyoona 41 akkasumas arjomtoonni garaa garaa paawundii miiliyoona 5 gumaachaniiru.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















