Koronaavaayirasii: Yaaliin haaraa mana ofiitti hancufarraa qorannoon Covid-19 taasifamu UK'tti eegale

Meeshaalee itti tufan

Madda suuraa, Getty Images

Yaaliin haaraa namoonni hancufa isaanii qorannoo koronaavaayirasiif ofumaa akka fuudhan yaada godhate UK'tti eegale.

Yaalii kana irratti ogeessoonni waliigalaa 1,400 namoota waliin jiraatan waliin ta'un irratti hirmaatu.

Yaaliin kuni Yunivarsiitii Saawuzaampitaniin kan hogganamudha. Torban afuriifis tura.

Waan haaaraa maal qaba?

Qorannoon hancufaa kuni namoota isa dur funyaan yookiin qoonqoo keessa ogeessonni fayyaa dhangala'aa fudhataniin hin gammadne akka tasgabbeessuu qorattoonni abdii qabu.

Qorannoon kuni namoonni vaayirasii biyyoota walgaheen hubamuu isaanii baruuf gargaara.

Kanneen yaalii kana keessa qooda fudhatan, hojjettoota yunivarsiitiifi barattoonni, torban torbaniin saamuda hancufaa qorannoof ta'u dhiheessu.

Meeshaan saamudni kuni itti sassaabamus mana yookiin bakka hojiitti kan ergamu yoo ta'u, bakka waliigalametti akka taa'u yookiin miseensonni garee yaalii kanaa akka dhaqanii fuudhan ta'a.

Yaaliin namoota vaayirasicha qaban garuu mallattoo osoo hin agarsiisin jiraniifi kaanitti dabarsan adda baasuuf gargaara jedhameera.

Ministirri Fayyaa UK Maat Hankook namoota yaalii kana keessa qooda fudhatan galateeffataniiru.

Namni qorannoo kanaan vaayirasichi irratti argame adda akka of baasu itti himama.

Akka qorattoonni jedhanitti qorannoon hancufaa dhangala'aa funyaan yookiin qoonqoorra fudhamurraa wayyoo qaba.

Kunis, salphaafi saffisa waan qabuufi. Bu'aan qorannoos sa'aatii tokko gadi akka argamu abdatameera.

Haaluma walfakkaatu, Jaappaanittis yaaliin walfakkaataa eegaleera. Kunis, daqiiqaa 25'tti beekama jedhame.

Dhaabbanni fayyaa Shiyonogi jedhamuufi yunivarsiitilee biyyattii wajjiin hojjetaa jiru namoonni manumatti akka of qoratan hojjetaa akka jiru beeksiseera.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa