Yunivarsiitiin Okisfoord akkamiin ariitii kanaan talaallii Covid-19 hojjachuu danda’e?

Madda suuraa, JOHN CAIRNS/UNIVERSITY OF OXFORD
Hojiin ganna 10 fudhatu baatii 10 keessatti xumuramee jira. Garuu adeemsa diizaayinii, yaaliifi omishaa keessatti wantoonni hafan hin jirani.
Himoonni lamaan kunneen waan wal-dha’an fakkaatu. Sababni isaas talaalliin Yunivarsiitii Okisfoordi Covid-19 ittisuu irratti bu'aa olaanaa qaba jedhamuunsaa oduu mishaa ta’us, yeroo gabaabaa kana keessatti hojjatamuusaatiin namoonni hedduun gaaffii akka kaasan godheera.
Dhibeen Iboolaa Afriikaatti mudatee ture qorattoota hedduuf barnoota kan kenne fakkaata.
Iboolaan dhangala’aa xiqqaa nama vaayirasichaan qaberraa ba’uun namatti darbuu danda’uufi mallattoolee hin baramne qabaachuun rakkinicha to’annoon ala taasisa.
Sababni isaas bakka namoonni sochii itti baay’isanitti carraan vaayirasichi itti daddarbu saffisaa waan taasisuufi.
2014-2016’tti Lixa Afriikaatti mudatee kan ture Iboolaan, ka’umsisaa araddaa xiqqoo Giinii keessatti argamtu yoo ta’u, daa’ima wagga lamaatu dhibee kanaan dursee qabame.
Olloonni Giinii Seeraaliyooniifi Laayibeeriyaan ummanni maagaalaa keessa jiraatu hedduu duraa kan hubame yoo ta’u, fageenya km hedduurra kan jirtu Dimokraatiik Riippabliik Koongoonillee dhibee kana jalaa hin miliqne.
Talaalliin iddoowwan sodaachisoodha jedhaman kunneeniif qophaa’ee UK fi Noorweeyin fudhatama argatus, qaamoleen hundi irratti waan waliif hin galleef ammallee hin kennamne, 300,000 kan ta’u of-eeggannoof jedhamee kaa’ameera.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas namoota baay’ee saaxilamoo ta’aniifi ogeessota fayyaaf qofa akka kennamu akeekkachiisee ture.
2014-2016’tti weerara ka’eef deebiin kenname hedduu barfatee waan tureef, namoonni 11,000 ta’an lubbuu dhabanii jiru.
Qorannoo talaallii Okisfoordi dursaa kan jiran Piroofeesar Saaraa Giilbarti ‘‘Addunyaan sana caala gochuu dandeessi turte,’’ jedhu.

Madda suuraa, JOHN CAIRNS/UNIVERSITY OF OXFORD
''Muuxannoo Iboolaarraa argamerraa ka’uun talaallichi qaama namaa keessatti dafee akka hojjatu gochuuf karoorfannee kaane. Karoora keenya xumuruu baannus hojii boonsaa hojjannee jirra."
Amajjii 1, 2020
Ummanni addunyaa hedduun bara haaraa kabajuuf asiif achi wayita jechaa turetti, oduun badaa tokko gurra piroofeesara kanaa ga’ee ture. Dhibeen utaalloo fakkaatu Chaayinaarraa ka’uu.
Yeroo sanatti Saayintistoonni waa’ee vaayirasichaa hedduu beekuu baatanus namarraa namatti darbuu akka danda’u tilmaamanii turani.
Talaallii hojjachuun keenya hin oolu kan jedhe gareen Yuni. Okisfoordis ‘‘Akkuma piroojektii biraatti qabannee turre, vaayirasichis ofiisaan nibada tilmaammii jedhutu ture, ’’ jedhu Piroofeesar Saaraan.
Vaayirasiiwwan koroonaa kana dura ka’anii turan garee kanaaf beekumsa kennanii darbaniiru. Fknf vaayirasiin SARS 2002’tti akkasumas 2012’tti kan ka’e MARS.
Maallaqa
Talaallii hojjachuuf maallaqa guddaatu barbaachisa.
"Keessumaa marsaan jalqabaa hedduu ulfaataa ture, tibba ta’e akkaawuntii baankii keenya keessa qarshiin homtuu hin turre," jedhu piroofeesarittiin.
"Hanga Bitootessaatti hojiin keenya guddaan maallaqa barbaaduu ture. Namoonnis hojii keenya akka deeggaraniif carraaqqii hedduu gochuun nurra ture.
Biyyoonni hedduun sababa weerara kanaatiin dinagdeen isaanii midhamee waan tureef garuu qarshii argachuun rakkisaa ture," jedhaniiru.
Akkuma talaallii yaalii isa jalqabaa hojjataniin Xaaliyaanitti akka omishamuuf murteeffamee achitti omishamuun isaa xiqqoo gargaaruu dubbatu. Sana duuba beeyiladoota irratti hatattamaan yaalame. Bitootessa 23 irrattis namarratti yaalani.
Talaalliin tokko bu’a qabeessa akka ta’uufi miidhaa cinaa akka hin qabaanne taasisuuf gulantaawwan sadii keessa darbuu qaba.
Talaalliin Yun. Okisfoordis gulantaawwan kunneen keessa darbuuni asirra kan ga’e. Namoonni 30,000 ta’an fedhiidhaan qorannoo gulantaalee sadan kanarratti hirmaatanii jiru.
Adeemsa kanaanis hojii silaa ganna 10 fudhatu baatii 10 keessatti dalaguu danda’anii jiru. Talaalliin kunis %70 vaayirasicharraa nama ittisa jedhamee jira.
Talaalliiwwan ‘Pfizer’ fi ‘Moderna’ jedhaman %95 vaayirasicha ittisu jedhamuun ni yaadatama. Haata’u malee, talaalliin Okisfoorditti hojjatame kun gatiin omishaafi geejjibaa rakasa waan ta’eef filatamaa isa taasise jedhame.
Talaalliin Yun. Okisfoordi kunis tamsa’ina koroonaavaayiras xiqqeessuuf haalaan gargaara jedhameera.
Mootummaan UK’s talaallii qaruuraa miiliyoona 100 ta’u bituuf gamanumaan dursee waliigaluutu himame.
Sunis namoota miilyoona 50 ta’aniif kan ooludha. Talaallchi torbanoota sadii gidduutti si’a lama fudhatama jedhame.
Qaruuraa miiliyoona afur ta’u kan fudhate yoo ta’u, kan hafe miiliyoona 96 dhiyootti omishtootarraa kan fudhatu ta’uutu himame.
Namoota jireenyasaanii UK fi Biraaziil godhatan kuma 20 ta’an irratti yaaliin talaallii kanaa taasifameera.

Madda suuraa, JOHN CAIRNS/UNIVERSITY OF OXFORD
Talaalliin kun garuu hayyama warra dawaa to’atuu osoo hin argatin faayidaarra hin oolu. Miidhaa cinaa akka hin qabaanne mirkaneessuuf ammoo, to’attoonni torbanoota muraasa barbaadus jedhameera.
UK’tti talaallii kana dursanii kan argatan warra umuriin raaganifi hojjattoota fayyaa namoonni kun itti yaalaman akka ta’es himameera.
Talaallichi yeroo hagamiif akka nama keessa turu waan hin beekamneef. Warri yaaliin irratti godhame hordofamaa jiru.
Talaalliin kun warra umuriin jaareef faayidaa caalaa qaba jedhamus ammallee hin mirkanoofne. Gama biraatiin, namoonni qabaman akka daran hin dhukkubsanne godhamoo akka hin daddabarre godha kan jedhus hin baramne.
Nageenyummaan isaawoo?
Talaallichi hanga yoonaa nageenyummaan isaa gaaffii hin kaasifne. Ta’us qorsi guutummaa guutuutti mudaa irraa bilisa ta’e hin jiru.
Hirmaattonni tokko tokko tibba talaallii kana fudhatanitti mataa bowwuu, dadhabbiifi dhukkubbii muraasni akka itti dhaga’ame ibsaniiru.
Talaalliiwwan hanga yoonaatti argaman lamaan dandeettii olaanaa qabu jedhamus bu’aan xumuraa isaanii hin baramne, jijjiiramuus mala jedhamaa jira.
Haata’u malee talaalliin Moodeernaa meeshaa qabbaneessituu keessa kaa’uuf salphaa ta’utu himama. Moderna'n ji’a tokkoof firiijii keessa turuu kan danda’u yoo ta’u, kan Pfizer garuu guyyoota shan qofaaf tura.
Talaalliin Ispuutiniik Ruusiyaan argadheera jettes %92 dandeettii ittisuu akka qabu himameera.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














