Covid-19: Aanga'oonni Waayit Haawus talaallii Covid-19 'Pfizer' fudhachuuf

Madda suuraa, EPA
Aanga'oonni olaanoon US kan Pirezidaant Doonaald Tiraamp waliin aangoorra jiran, talaallii koronaavaayirasii biyyattii keessatti yeroo jalqabaaf kennamu ''Pfizer'', nama kamuu dursanii fudhachuuf akka jiran ibsan.
Akka qondaaltonni kunneen ibsanitti miseensonni Waayit Haawus muraasni torbee kanarraa eegaluun talaallii ''Pfizer/BioNTech'' ni fudhatu.
Yeroon aangoosaanii obba'uuf yeroon muraasni kan hafu Doonaald Tiraamp Dilbata kaleessaa akka ibsanitti garuu talaallichi hundaaf osoo hin taane haalota baayy'ee barbaachisoo ta'an keessatti kennama.
Dhibee Covid-19 irraa namarraa ittisuun isaa harki 95 kan mirkanaa'e talaalliin kun bu'a qabeessummaa fi nageenyummaansaa Jimaata darbe US keessatti mirkanaa'e.
Marsaa jalqabaan talaalliin doozii miiliyoona sadi ta'u kutaalee US bakkeewwan garaagaraatti raabsamaa jira.
Talaalliin yeroo jalqabaaf biyya US gale inni jalqabaa kaleessa Bulchiinsa Michigaan seeneera, hojjettoonni fayyaa fi jaarroleen har'a yeroon talaallicha ni fudhatu jedhamee eegama.

Madda suuraa, Reuters
US keessatti erga ji'a Sadaasaatii as lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii akkaan dabaleera.
Guyyaa guyyaan lakkoofsi namoota qabamanii 3,309'n dabalaa akka jiru gabaasa Sambata darbe ba'een beeksifteetti biyyattiin.
Dhibeen balaafamaan kun hanga ammaatti US keessatti lubbuu namoota 300,000 galaafateera.
Dhaabbati Dhimma Nyaataa fi Qorichaa US Jimaata darbe talaallii kana mirkaneessuu isaa akka milkaa'ina guddootti fudhate.
Dhaabbatichi yeroo dheeraaf dhiibbaan bulchiinsa Doonaald Tiraamp irraa isa mudataa akka ture ibseera.
Talaalliin ''Pfizer'' UK keessatti torban darbe kennamuu eegale.
Talaalliin kun biyyoota akka Kanaadaa, Bahreen fi Sa'uudii Arabiyaa keessattis bu'a qabeessummaan mirkanaa'eera.
















