Ameerikaatti talaalliin Covid-19 marsaa duraa Wiixata kennamuu jalqabuufi

Madda suuraa, Getty Images
Ummanni Ameerikaa talaallii 'Pfizer/BioNTech' dhaan qophaa’e Wiixata fudhachuu jalqabu. Talaalliin kun wal’aansa hatattamaaf akka oolu eeyyama argateera.
Dooziin miiliyoona sadii marroo jalqabaa kutaalee biyyaa hundumaatti Sanbattan kana geeffama jedhan raabsaa talaallichaa kan hordofaa jiran Jeneraal Gustaav.
Talaalliin kun Covid-19 harka 95 ittisa, Dhaabbata Qorichaa fi Nyaataa Ameerikaa (FDA) illeen mirkana argateera.
Gaafa Sanbataa Ameerikaatti namoonni 3,309 sababa Covid-19’n lubbuu dhabaniiru.
Akka ragaan Yunivarsiitii Joon Hoopkiins agarsiisutti yoo tahe kun lakkoofsa du’a namootaa guddaa guyyaatti akka addunyaatti galmaa’e dha.
Baatii Sadaasaa qabee lakkoofsi namoota dhukkubichaan qabamanii gar-malee dabalaa jira.
Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichaa (FDA) talaallii Pfizer/BioNTech'n qophaa’e kanaaf mirkana akka kennuuf gama bulchiinsa Tiraampiin dhiibbaan irratti taasifamaa ture, tarkaanfii ammaa kanas ‘murtoo bu’uuraa’ jedheera.
Talaalliin kun UK keessatti doozii walfakkaataan kennamuu jalqabeera.
Kora Sanbata taa’ameen duula talaallii kanaa bakka bu’uun kan dubbatan Jeneraal Gustaav Peernaan dooziin talaallii kanaa sa’aatii 24 keessatti saamsamuun geejjibaaf qophaa’a jedhan.
‘’Buufataalee 145 irratti kutaalee biyyaa hundumaatti talaalliin kun gaafa Wiixata ni kennama.
''Marsaa biraan gaafa Kibxataa buufataalee 425'tti, gaafa Roobii buufataalee 66 keessatti kennama. Torbee dhuftu kan Pfizer/BioNTech dhiyeessa hunda namoota miiliyoona sadii tahaniif kennuun xumurama,’’ jedhan.
Jeneraal Peernaan dooziin diina keenya Covid’n harka 100 mo’atu haala gaarii taheen geejjibama jedhan.
Ta’us, ’’torbee jijjiiramaa haa tahuyyuu malee hanga lammiin Ameerikaa hundi talaalamutti dubbiin kun hin xumuramu,’’ jedhan.
Dhaabbanni qorichaa Pfizer biyyoota kanneen akka UK, Kaanaadaa, Baahireen fi Saa’udii Arabiyaa irraa fudhatama argateera.
Akkuma biyyoota kunneenii Ameerikaanis, hojjettoota fayyaafi namoota manatti kunuunsi kennamuufif dursa kenniti.
Lammiileen Ameerikaa garee warra dursi kennamuufi keessa hin jirre talaallii kana baatii Amajjii keessa argatu. Akka waliigalaatti immoo Ebla keessa hundumaaf dhiyaata.















