Talaallii Covid19: Ogeeyyiin qorichaa US talaalliin 'Pfizer' akka hayyama argatu gorsan

Talaallii 'Pfizer'

Madda suuraa, Reuters

Ogeeyyiin fayyaa dhaabbata Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa US (FDA) gorsan talaalliin koronaavaayirasii 'Pfizer-BioNTech' hayyamma akka argatu yaada dhiyeessan.

Gareen ogeeyyii miseensota 23 qabu walgahee talaalliin kun bu'aan isaa miidhaa fiduu malu akka caalu erga mari'atee booda talaallichi rakkoo kan hin uumnee fi bu'a qabeessa kan ta'edha jedhe.

Talaalliin kun amma dura UK, Kaanadaa, Baahireen fi Sa'uudii Arabiyaa keessatti akka tajaajilarra oolu hayyama argateera.

Talaallichi ammallee hogganaa dhimma talaallii FDA'n mirkaneeffamee hayyama argachuu qaba. Kunimmoo guyyoota itti aanan ni raawwata jedhamee eegama.

Yaadi ogeeyyiin dhiyeessan kun guyyaa tokkotti namooti 3000 vaayirasichaan erga du'aniin booda dhagahame. Yeroo ammaa namni hammanaa guyyaa tokkotti vaayirasichaan yoo du'u akka addunyaatti isa olaanaadha.

Ministirri Fayyaa US Aleeks Azaar kora FDA kana booda "guyyoota keessatti talaallii ni qabaanna, torbee dhufu namoota baay'ee saaxilamoo ta'an biraan geenya" jedhan.

'Operation Warp Speed' kan jedhamu sagantaan mootummaan US talaallii raabsuuf qopheesse akka jedhutti talaalliin mirkanoofnaan sa'aatii 24 keessatti raabsuun ni eegalama.

Dhaabbati talaallicha tolche Pfizer akka jedhutti xumura baatii kanaa Ameerikaaf kan kennamu talaalliin doozii miliyoona 6.4 qophiidha.

Namni tokko al lama talaalamuu waan qabuuf kuni nama miiliyoona 3 qofa talaaluuf gaha, uummati Ameerikaa miliyoona 330.

Qondaalonni Jiddugala To'annoo fi Ittisa Dhukkubaa US (CDC) hojjettonni fayyaa biyyattii miliyoona 21 fi jaarroleen iddoo kunuunsaa keessa jiraatan miliyoona 3 ta'an dursa argachuu qabu jedhu.

Haa ta'u malee kutaaleen biyyaa gareelee biroof wal duraa duuba kamiin raabsuu akka qaban irratti walii hin galamne.

Hojjettoonni tajaajilawwan barbaachisoo tilmaamaan miliyoona 87 ta'an itti aansuun talaallicha akka argatan yaadama garuu murteen kun kan kutaalee biyyaa ykn isteetotaati.

Gareelee talaalamuun dirqama hin taaneef ykn ammoo sadarkaan saaxilamummaa isaanii gadi aanaa ta'eef talaalliin kan kennamu Bitootessa bara 2021 booda jedhu qondaalonni.

Talaalliin biraa dhaabbata Moderna jedhamuu fi Inistiitiyuutii Fayyaa Biyyaalessaa USn qophaa'es hayyama mirkaneeffannaa argachuuf iyyataa jira.

Kunis akkuma talaallii 'Pfizer' al lama talaalamuu kan gaafatudha.