Namootni alaarjikii qaban talaallii Covid-19 akka hin fudhanne akeekkachiisame

Madda suuraa, Getty Images
Namootni dhibee alaarjikii cimaa qaban talaallii koroonaavaayirasii haaraa fudhachuu hin qaban jedhe Ejernsiin Bulchiinsa Qorichaa fi eegumsa Fayyaa UK.
Kun erga kaleessa hojjettootni Tajaajila Fayyaa Biyyaalessaa NHS lama talaallicha fudhatan irratti alaarjikiin mul'ateeti.
Ejensiin bulchiinsa Qorichaa fi eegumsa fayyaa MHRA gorsi kun nama kamiyyuu alarjikii nyaataa, qorichaa fi talaallii qabu hundaaf tahuu ibse.
Namootni lama talaallii Pfizer/BioNTech akkuma fudhataniin alarjikiin isaanii itti ka'uu hordofuun murtee kana dabarse. lamaan isaaniiiyyuu yaalii argachuun amma haala gaaarii irratti argamu.
Alaarjikiin isaan mudate kun hooqsisuu, afuura baafachuu dadhabuu fi dhiibaan dhiigaa gadi bu'uu dabalata.
Namootni lamaaniyyuu kana dura alaarjikii hamaa qabu ture. Medikaal Daarikterri Tajaajila Fayyaa Biyyaalessaa Ingilaandi, Pirofeeser Istiifen Poowis, namotni lamaan bayyaannachaa jiru jedhan.
Talaallii haaraa irratti waan baratame tahus, of eeggannoo jalqabaa taasifamuu waan qabuuf erga namootni lameen kunneen alarjikiif saaxilamanii namootni alaarjikii qaban kaan talaallicha fudhachuu akka hin qabne gorsina jedhan.
Waan akka kanaa waan dhaabataa miti, garuu talaallii qufaa cimaa 'flu] waggaan kennamu irrattiyyuu ni mul'ata jedhan hoggantuun MHRA Dr Juun Raayin.
Yeroo yaaliin talaallii kanaa namota 20,000 irratti gaggeeffame mallattoon akka kanaa hin mul'anne ture. Garuu namootni mallattoo alarjikii qabanis keessatti hammatamuu qabu ture jedhan.
Kaleessa yeroo UK'n talaallii Covid bufa duulaan kennuu jalqabdetti namootni kumaatamni talaallicha argataniiru.
UK'n adunyaa irratti biyya jalqabaa talaalliiPfizer/BioNTech fayyadamuu jalqabdedha. Margareet Keenaan nama jalqabaa adunyaa kanaa irraa talaallicha idileen fudhatan yoo tahu torban dhufu umuriin isaanii ganna 91 guuta. Talaallichi namoota umuriin isaanii 80 ol tahaniif jalqaba kennamuu eegale.















