Talaalliin Covid-19 bu'aa sobaa mul'isu akka hafu taasifame

Talaalliin Covid-19 bu'aa HIV+ mulisee akka hafu taasifame

Madda suuraa, UNIVERSITY OF OXFORD

Talaalliin Covid-19 kan Awustiraaliyana abdii olaanaa irra keeessee turte erga yaaliidhaaf namootaaf kennameen booda bu'aa HIV+ jedhu sobaan waan hirmaattoota irratti mul'iseef akka kufu taasifameera.

Awustiraaliyaanis qoricha kana osoo fiixaan bahee ture doozii gara miilyoona 51 bitachuuf karoorfattee turte.

Haa ta'u malee motummaan biyyatti qorichoota bu'aa qabeessummaansaanii mirkanaa'een guutama jedheera.

Namoonni talaallii dhaabbanni CSL jedhamuufi Yunvarsitiin Kuwiinslaand waliin ta'un gabbisan kan fudhataniis wayita qoratamaniitti bu'aan dhiigasaanii HIV akka waan qabaniitti mul'ise.

Haa ta'u malee saamudni dhiiga namoota kanneenii wayita qoratamuutti ammoo HIV irraa bilisa ta'uun isaanii mirkanaa'eera.

Talaalliin sadarkaa yaalii irra ture kunis gama seenii dhukkuboota ittisan maddisiisuutiin bu'aa qabeessa jedhamee ture.

Haata'u malee talaalli kunis kanaan alattis hirmaattoota yaalii irratti seeliiwwan HIV ittisuu danda'an maddisiiseera. Kana jechuunis hirmaattoota irratti bu'aa HIV qabamu agarsiisu kan sobaatu mallata jechuudha.

Haa ta'u malee wayita HIV dhaaf qoratamaniitti vaayirasiin irratti hinargamne.

Saayintisoonni talaallii kana gabbisanis dogongora amma mudate kana sirreessuuf yoo xinnaate yeroo waggaa tokkoo ni fudhata jechuu isaanitiin wal qabatee qorannichi akka kuffiisamu taasifameera.

Qorattoota pirojaktii kan waliin hogganan keessaa tokko kan ta'an Pool Yaang 'murteen darbee kan qalbii namaa cabsuudha' sababiinsaas baatiiwwan 11 darbaniif qorannicha gaggeessaa turreerra jedhan.

Biyyi Awustiraaliyaa hojiiwwan koronaavaayirasiin ummata keessa akka hin babalanne gochuuf hojjatteen galateefatamte jirti.

Oggeessoonni fayyaa biyyatti weerarri vaayirasichaa ammatti haala kanaan to'atamulleen, bara dhufutti talaalliiwwan qaqaban lamaan gutummaatti to'achuun ni danda'ama jedhu.

Motummaan Awustiraaliyaas tarii qorichoonni biyya keessatti omishaman ga'uu yoo bate jechuun qophii taasisuu himeera.

Qophii kanaaf akka ta'uttis kubbaaniyoota talaalli omishan garaa garaa waliin waliigaltee irra gahuus motummaan biyyatti beeksiiseera.

Ministirri Mummee Iskoot Moriisan ''Yeroo itti ummata keenya gutummaatti talaalchisuuf qabannee gadiitti fiixaan basuu ni dandeenya'' jedhaniiru.

Talaalliiwwan Awustiraaliyaan ajajjee turte keessaa tokko kan ta'e kan Oksifordiifi AstraZeneca waliin ta'un omishan bu'aa qabeessummaan saa mirkannaa'ulleen qaama hayyama kennu irraa deebii eeggataa jira.

Lammiileen biyyattiis bara haaraa faranjiitii kaasee talaallii argachu ni eegalu jedhamee eegama.

Awustiraaliyaan baayyiina ummataa miliyoona 28 kan qabdu yoo ta'u, torban darbee keessa nama tokko qofatu vaayirasii kanaan qabamu himame.

Walumaagalatti hanga ammaatti namoonni kuma 28 biyyatti keessatti koronaavaayirasiin qabamusaanii yoo himamu, 908 ammoo sababiidhu isaatiin du'aniiru.

Lakkoofsi kunis biyyoota guddatan kaan waliin wali bira yoo qabame baayyee gadaanaadha.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa