Koronaavaayiras: Talaalliin Covid-19 dhala horachuurratti dhiibba qaba jechuun hangam dhugaadha?

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Talaalliin Covid-19 dhala argachuurratti dhiibba qabaachuu ragaan agarsiisu hin jiru jedha Qorannoon.
Talaallin Covid-19 dubartoonni dhala akka hin godhanne miidha jechuun hamiin miidiyaalee hawaasaarra deddeebi'u 'bu'uura hin qabu' jedhan qorattoonni.
Miidiyaa hawaasarratti talaalliin Pfizer dubartoota dhala dhabsiisa ykn qaamnisaanii obbaatii(placenta) akka miidhu dammaqsa jechuun kan maxxanfamu sirrii miti jedhan.
Kolleejjii Kiing Landanitti pirofesarri fayyaa walhormaataa kan ta'an Luusii Chaappel, ''Karaa baayolojikaalaatiin dhala horachuurratti dhiibbaa qaqqabsiisuu danda'uusaa ragaan qabatamaan agarsiisu hin jiru jedhan.
Waa'ee hidda obbaatii odeeffannoo dharaa
Namoonni muraasni hamii talaalliin dhala horachuurratti yaaddoo uuma jedhu dhiyeessu.
Namoonni kun talaalliin pirootinii obbaatii tolchuuf oolu of keessaa qaba jedhu.
Miidiyaalee hawaasaarratti hamiin akkas jechuun maxxanfamu dhara- talaallichi pirootinii obbaatiirraa hojjatamu fakkaatu of keessaa qaba, qaamni akka hin beekne taasisuuf garuu wal fakkeenya hangas mara hin ta'e hin qabu.
Talaalliin pirootinii vaayrasicha qaamni akka adda baasuu danda'urratti xiyyeeffame hojjatama.
Piroofesar Chaappel akka jedhanatti, pirootiniin walfakkaatan uumamaa keessatti heddutu jira, dheerinaa fi akkaata tartiiba isaaniitu adda isaan taasisa malee jedhu.
Pirofeesar Chaappel, ispeeshaalistiin fayyaa durbatii ulfaa talaalliin Covid dhala argachuurratti dhiibba yaaddeessaa fidu hin qabu jedhan.
Ittaanaa ittigaafatamaan wal'aansa fayyaa Ingilaand Joonattan Vaan-Taam dhimma kanarratti gaafatamanii wayita BBCtti himan,'' talaalliin dhala horachuu miidhuu akka danda'u dhaga'ee hin beeku''jedhan.
Itti dabaluun, yaadni akkasitti dhiyaatu gatiin kan hin qabne fi haqummaa akka hin qabne dubbatan.
Yeroo ulfaatti talaallin miidhaa qaqqabsiisaa?
Yeroo ulfaatti dubartoonni waa'e fayyaasaanii caalatti dhimmamu, tarii burjaajii dawaa 'thalidomide' jedhamu daa'imman kumaatamatti lakka'aman miidhee fi guddina harkaa fi miila isaaniirratti miidhaa qaqqabsisee ture quba qabaachuu malu.
Haa ta'u malee, hubannoo fi haalli qorichoonni yeroo ulfaatti wal'aansaaf kennaman itti ilaalaman muxannoo duraaniirra hedduu geeddarameera, addadhas.
Gorsi ogeeyyiin yeroo ulfaatti wal'aansaaf kennanille of eeggannoo cimaa of keessa qaba.
Dubartoonni ulfaa guutummaatti wayita yaaliin kilinikaa talaalli Covid gaggeeffamu keessatti hin hammatamne.
Talaalliiwwan Covid dawaa ciccimoo kanneen akka 'thalidomide' irraa adda addummaa gudda qabaatullee, qaamoleen tajaajila fayyaa ofeggaannoo barbaachisaan hojiirra oolchurratti hanqina qabu.
Dhaabbileen tajaajila fayyaa dubartoonni ulfaa Covid dhaaf addatti saaxilamoo yoo hin taane talaalli akka fudhatan hin gorsan.
Mootummaan UK talaallichi dubartoota ulfaa irratti akka hin yaalamne himeera.
Kanaafuu amma odeeffannoon dabalataa kennamutti dubartoonni ulfaa talaallii hin fudhatanii jedhee ibse ture.
Talaallichi akkamitti kan hojjatu?
Talaalliin Covid qaamni pirootinii koronaavaayrasii diigamaa ,kan nama hin miinefi adda ta'e hammaa xiqqaa ta'een qaamni akka tolfatu dhaamsa dabarsa.
Kunis sirni madinummaa farreen qaama alagaa akka oomishu fi seelonni dhiiga adii akka vaayrasichaan lolanifi, yoo deebi'e qaama seenelle adda baasanii akka baran daddammaqsa.
Talaallichi vaayirasii nama hin qabsiisu,akkasumallee odeeffannoo qaccee namaa keessatti argamuus hin miidhu.
Paartikiloonni dhaamsa qaamatti dabarsaniis yeroo gabaabdutti dhaamsa dabarsanii achumaan badu ykn dhabamu.
Sababii kanaaf jecha talaallii Pfizer ofeeggannoo cimaan kuusuun kan barbaachiseef- Waanti qabiyyee dhala sanyii of keessaa qabu ofeeggannoon yoo hin taasifamneef salphaatti fayidaa dhaba.
Pirofesarri qorannoo dhimma vaayirasootaa yunvarsiitii Leed Nikolaas Istoonhoaawus, talaalliin koronaa vaayrasii fayyaa wal hormaataarratti karaaan dhiibbaa uumu akka hin jirre himaniiru.














