Sareen qabeenya warrashee guddise dhaaltee miliyeenara taate

Madda suuraa, CBS
Sareen kun amma miliyeenara taateetti. Maallaqa ittiin duroomte kana garuu kan argatte halkanfi guyyaa dhamaatee miti.
Sareen kun jaalala guddaa nama ishee guddiseef qabdu agarsiisuu isheetiif maallaqa dhaaluun duromte.
Abbaan saree kana guddise maallaqa dolaara miliyoona shan dhaalaan isheef kennee du'e.
Maqaa saree kanaa Luuluu jedhama. Namni ishee guddise ammoo dureessa maqaan isaa Biil Dooriis jedhamudha.
Luuluun Ameerikaa Naashiviilii Teenees keessa jiraatti. Luuuun amma umuriin ishee waggaa saddet yommuu ta'u, Biil Dooriis yeroo du'u maallaqa guddaa kana dhaalaan kenneef waan turee amma miliyeenara jedhamteetti.
Maartaa Barten ammoo hiriyyaa Biil Dooris kan turte yommuu ta'u, yeroo ammaa kana ammoo Luuuudhaan dhaabbataadhaan kunuunsiti.
Waa'ee kanaa kan gaafatamte Maartaan, "Dhugaa dubbachuudhaaf maaltuu akka natti dhaga'amu beekuu hin danda'u," jette.
Waa'ee waant tokkoo garuu sirriitti mirkaneeffatteetti, Biil Dooriis osoo hin du'iin dura saree Luuluu jedhamtu kanaaf jaalala guddaa qaba ture.
Jaalalli Biil Dooriis Luuluuf qabu jabduu akka ture himti namni amma imaanaa kunuunsuu fudhatte kun.
Biil Dooris dhaamsa yeroo du'a kaa'een Maartaa Barten Luuluu kunuunsuudhaaf baasii ji'a ji'aan baastu kan "sababii amansiisaa ta'e" shallagamee akka kaffalamuuf jedhe.
Dhaalmaatiin maallaqani hanga kanaa miliyoonaan kennameef Luuluun saree akkamii yoo taatedha?
Maartaa Barten, "Amala shaggaa qabdi [Luuluun]," jetti. Maartaa Barten Luuluu kunuunsuudhaaf dolaara miliyoona shan jijjiirtee waan fixxu itti fakkaataa?
"Egaa maal godhan, nan yaala malee," jechuun kokkolfaa deebii kennite kunuunsituun Luuluu.
Luuluu akka guddisaashee Biil Dooriis yoo duutellee maallaqni kunuunsa isheef taasifamurraa hafe maalirra akka oolu wanti beekame hin jiru.
Bara 1992 sareen akkuma Luuluu kana carra qabeessa ta'e tokko dhaala maallaqa dolaara miliyoona 80 akka argate gabaafamee ture.
Bara 2002 ammoo barreessaan Maayilas Bilaakweel jedhamu lukkuu isaa Giiguu jedhamtuuf hanga lubbuun jirtutti ittiin bashannani jechuun dolaara miliyoona 15 dhaalaan kenneefiif ture.
Yoon nyaadhee fixuu baadhee haadheen balleessa jechuu baannaan lukkuun kunis maallaqa hanga kana gahu eessa geessiti laata.
















