Nelsan Maandeellaa: Qisaasa sirna awwaalcha Maandeellaatiif namooti 15 to'ataman

Madda suuraa, AFP
Afriikaa Kibbaatti namoonni 15 sirna awwaalcha pirezidaantii duraanii Nelsan Maandellaa kan bara 2013tiin walqabatee himannaa malaalamtummaatiin himatamuuf.
Namoota kanneen keessatti miseensoonni gameeyyiin paartii biyya bulchuu Kongrasii Biyyaalessa Afriikaa kan bulchiinsa Baha Keep ni argamu.
Isaanis himannaa kanarratti yaadi kennan omtu hinjiru.
Abbaan alangaas malaammaltummaa maallaqa doolaara kuma 700 ykn paawundii miliyoona wallaakaatiin himateen.
Maandellaan erga bara 1994tti sirni Appaartaayidii kufeen booda hogganaa gurraacha biyyattii turan.
Himannaan kunis jalqaba bara 2014tti kan eegalee yoo ta'u, sirni awwaalcha Maandellaa Qunu Baha Keepiitti erga Muddee 2013 gaggeeffameen baatiiwwaniin booda ture.
Sirni awwaalcha hogganaa kanaas aanga'oota addunyaa guutuu irratti argamanii ture.
Namoota himannaan irratti banamee keessattis Ministirri fayyaa bulchiinsa Keep, Sindiswaa Gombaa, daldaltoonni hedduufi miseensoonni mana maree paartii ANC ni argamu.
Kana malees, dura taa'aan naannoo Pumlaani Mkoloo, Kantiibaan Metiro Magaalaa Buffaloo Zukiswaa Ncithaa fi dubi himaan mana maree Lulekaa Simoon-Ndzele kanneen himataman keessatti ni argamu.
Abbootiin alangaas jarreen kun namoota awwaalcha dhaqaniif tajaajila awwaalchaa kennuuf akkasumas galmawwan magaalaa tajaajilawwan yaadanoof olanii ilaalchisuun kanfalii sobaa gaafatan jedhan.
Shakkamtoonni kunneenis wabiin kan hayyamameef yoo ta'u Bitooteessa 5 mana murtiitti akka dhiyaatan eegamu.














