Guyyaa J/ Taaddasaa Birruu Niilsan Maandellaa itti leenjise yeroo yaadatamu

B/J Taaddasaa Birruufi Nilsen Maandellaa

Madda suuraa, MAYIBUYE ARCHIVES

Guyyaan qabsaa'aa farra sirna Appaartaayidii kan tureefi boodarra pirezidantiin Afrikaa Kibbaa ta'uun biyya kan bulchan Niilsan Maandellaan gara Itoophiyaa dhufuun Janaraal Taadasaa Birruu irraa leenjii itti fudhacuu eegalan har'a (Waxabajji 29, 1962).

Kun ammoo waggoota 58 dura jechuudha.

Niilsan Maandellaa Faawondeeshiniin ammoo fuula marsariitii isaarrattis guyyaa kana suura Janaraal Taaddasaa Birruufi Niilsan Maaddellaa waliin ka'an maxxansuun guyyaa Maandellaan Itoophiyaatti leenjii waraanaa itti fudhate jechuun maxxansuun yaadataniiru.

Galmee seenaa mee haa ilaallu.

Niilsan Maandellaan dhoksaan gara Itoophiyaa dhufuun yeroo leenji’an leenjii isaanii olaantummaan kan hogganaa ture qabsaa’aa beekamaa Oromoo Janaraal Taaddasaa Birruuti.

Leenjii Ajaja J/Taaddasaa Birruu jalatti raawwate

Mootiin H/Sillaasee kolonii Afrikaa mormaniifi Tokkummaa Afrikaa deeggaraniin Niillsan Maandellaan bara 1960 keessa Itoophiyaatti affeeran.

Waggaa lama boodas, Bara 1962 damee waraanaa Paartii Kongirasii Afrikaa (ANC) kan ta’e ‘Umkhonto we Sizwe’ ajajaa ta’un tajaajiluuf Niilsan Maandellaan Itoophiyaa keessa leenjii waraanaa fudhachuu eegalan.

Yeroos Itoophiyaan humna waraanaa Afrikaa keessatti cimaa ta’e ijaarratte qabdi turte.

Loltonni ishees UN jala gara Kongoofi Kooriyaa imalanii ture.

Niilsan Maandellaan leenjii saayinsii waraanaa, ergama fashaleessuu, waraana gaggeessuufi akkatti qawwee fayyadaman Itoophiyaatti leenji’aniiru.

Boodarra kitaaba isaanii mata-duree ‘’Walk to Freedom’’ jedhamun barreessan keessatti leenjii fudhataniifi keessaa waan jaalatan katabaniiru.

Janaraal Taaddasaa Birruun qondaalli waraanaa ergama dhoksaan Niilsan Maandellaa akka leenjisan filatan ammoo Koloneel Fiqaaduu Waakkenne jedhamu.

Leenjiin Niilsan Maandellaas ajaja J/ Taaddasaa jalatti gaggeeffame.

Janaraal Taaddasaa Birruu yeroos Komishinara Poolisii Itti – aanaa kan turan.

Koloneel Fiqaaduun garuu bara 1962 nama siyaasaa Afrikaa Kibbaa irraa dhufaniifi akka waraana leenjisan itti himame kana nama guddaa ta’uu hin hubanne ture.

‘’Wanti nuti beeknu inni alarraa akka dhufeefi keessummaa keenya akka ta’e, akkasumas yeroo muraasa nu waliin akka dabarsu qofaadha,’’ jechuun kana dura BBC’tti himan.

‘’Wanti hunduu iccitii guddaan qabame,’’ Jedhan.

Shugguxii Taaddasaan Maandellaaf kenne

Leenjiin Niillsan Maandellaa silaa ji’a jaha tura jedhamee ture. Haata’u malee, torban lama booda paartiin isaanii Afrikaa Kibbaatti isaan waame.

Yeroo Maandellaan Itoophiyaa gadhiisan Janaraal Taaddasaan shugguxii rasaasa 200 waliin Niilsan Maandellaaf kennanii ture.

Shugguxiin sun bara 1963 yeroo qondaaltonni paartii Kongirasii Biyyaalessaa Afrikaa (ANC) hidhaman lafa qonnaa keessa owwaalamte jedhamee amanama.

Niilsan Maandellaan mataan isaanii Hagayya 05, bara 1962 karaa seeraan alaa biyya gadhiisuun akkuma imala biyyoota Afrikaa booda Afrika Kibbaatti deebi’aniin hidhaman.

Nama Maandellaan loltuu akka ta’u leenjise

Koloneel Fiqaaduun kan yeroos rogeessa siyaasaa Afrikaa Kibbaa kan ture Maandellaatin tooftaa lola waraanaa Goorillaa jedhamuun beekamuufi akkatti waan dhuka’u owwaalanis barsiisaniiru.

Dameen waraanaa paartii ANC kun dhuma bara 1961 keessa sibiilota annisaa elektirikii dabarsan hedduu Afrikaa Kibbaatti gubanii turan.

Amajjii 11 bara 1962 immoo, Neelsan maandellaan iccitiifi seeraan ala Afrikaa Kibbaatii bahanii biyyoota Afrikaatti imaluu eealani.

Kaayyoon isaa hoggantoota siyaasaa Afrikaa argachuun deeggarsa maallaqaafi leenjii waraanaa paartii isaaniif walitti qabachuuf ture.

Ofiis nama waraanaa ta’uuf yaada qabu turan.

Yeroo kanatti ture Itoophiyaa si’a lama kan daawwatan. Garuu, qondaaltota waraanaa yeroos magaalaa Finfinneetti qunnaman waliin walitti dhufeenya jabeeffatan.

Koloneel Fiqaaduun waa’ee Maandellaa maal jedhan?

Qondaalli waraanaa bakka leenjii waraanaa Kolfee jedhamuufi yeroo ammaa Finfinnee dhihootti argamutti Maandellaa leenjisan barataa cimaa akka ta’e yaadatu.

‘’Niilsan Maandellaan nama cimaa, nama gorsa fudhatu, akkasumas nama akkaan jaalatumadha,’’ jechuun kana dura BBC’tti dubbatan.

Koloneel Fiqaaduun yeroo Maandellaa leenjisan miseensa poolisii humna addaa malee sadarkaa koloneelummaarra hin geenye ture.

Maandellaan nama tasgabbaa’aa akka ture kan dubbatan qondaalli kuni ‘’Maandellaan baay’ee kolfanii nama kofalsiisu turan,’’ jechuun yaadatu.

Leenjiiwwan kanneen akka jijjigsuu, haleellaa raawwachuufi baqachuu, akkasumas kaan akka leenjisan Koloneel Fiqaadun himu.

Guyyaa guyyaa leenjii saayinsii halkan halkna immoo hojiidhaan leenjicha akka agarsiisan ni taasifama ture jedhu qondaalli kuni.

‘Nama haasaan beekan turan’

Maandellaan gara Itoophiyaatti kan ergaman dhoksaan ture. Garuu, hojjaan isaanii poolisoota kaanirra dheerata ture. Gatiittin isaaniis bal’aa ture.

Bara sanatti bakka leenjii sanatti damee muusiqaafi diraamaa kan hogganan ogeessi beekama aartii Tasfaayee Abbabaa jedhaman Maandellaa sirriitti yaadatu.

‘’Eegumsi cimaa ture. Itti siquunu nuuf hin eeyyamamu ture,’’ jedhu.

Garuu, gaafa tokko yeroo laaqanaatti itti dubbachuu isaanii yaadatu.

Maandellaan, ‘’nama haasaa beeku’’ kan jedhan Obbo Tasfaayeen dhimmi appaartaayidiifi akkamiin lolaan qabsaa’uuf akka yaadan itti himuu BBC’tti dubbataniiru.

Baandiin isaanii Maandellaaf yeroo taphates gammaduu isaanii himu.

Neelsan maandellaan Mudde bara 2013 du’aan addunyaarra boqochuun isaanii ni yaadatama.