Turtii baqannaa Hayilesillaaseefi yaadannoo Ingiliz

Madda suuraa, Bath In Time
Qadaamaawwii Hayilesillaaseetiif yeroo Xaaliyaaniin Itoophiyaa weerartetti baqannaan biyya Ingliiz turan.
Mootiin dhumaa Itoophiyaa kun yeroo baqannaarra turan sanatti turtii isaanii waggaa shanii bakka Baaz jedhamtuufi daawwannaa isaan 'Westoon Suupper Meey' jedhamtutti taasisaniif mallattooleen cuquliisa lama maqaa isaaniitiin kaa'ameeraaf.
Yeroo Xaaliyaan Itoophiyaa to'attetti bara 1936 hanga 1940 A L I mootichi baqannaarra turuun isaanii ni yaadatama.
Yeroo biyya Ingliiz keessa baqannaarra turanittis Weesteen Suupper Meey bakka jedhamu deemuudhaan bishaan daakuudhaanis bashannannaa akka turan himamama.
Yaadannoo kun namoota hojii hin dagatamne gara garaatiin yaadatamaniif akka yaadannooti kan kaa'amu yommuu ta'uy 'Biluu Pileek' jedhama.
Mallattoonni kunis namoota akkas yaadachuudhaaf jecha bakka namoonni itti walitti qabaman kan taa'u ta'ee mallattoo cuquliisadha.

Sirna mallattoo kana kaa'uu kan qopheessa Hawaasa Siivikii Weestoon yommuu ta'u ilmi ilma mootii Hayilesillaasee Li'uul Mikaa'el Mokonnon argamanii mallatticha ifatti bananiiru.

Madda suuraa, Bath In Time
''Mootiin Hayilesillaasee turtii yeroo baqanna biyya Ingliiz keessa turanitti bakkawwan turan sana akka mana isaaniitti lakkaa'anii jiraataa waan turaniif isaa yaadachuufi kabajas kennuufiifidha kan kana hojjenne jedhan," mallattoo kaa'uu kana warra qopheessan keessaa tokko kan ta'an Dr. Shoon Soobers.
Sirnicharratti kan argaman Bulchaa Bulchiinsa Magaalaa Weest Suupper Meey Maalkoom Nikolsan "magaalaan keenya maqaa mootota Itoophiyaa waliin ka'uu isheetiif guddifnee itti boonna," jedhan.














