Adeemsa dhaalaa: 'Abbaan koo duunaan obboloonni koo dhiiraa waan hunda fudhatan'

Naayijeeriyaa keessatti keessattuu kutaalee Kibba-baha biyyattiitti dubartoonni akka qabeenya maatiisaanii hin dhaalleef dhiibbaa guddaatu irra ga'a. dhaaluu hin danda'an, Manni Murtii biyyattii isa kanaan loogummaadha jedheera.
Dubartiin Onyinye Igwe jedhamtu kun abbaanshee dureessa turan dubbatti. Haata'u malee erga abbaanshee du'aan addunyaa kanarraa boqotee rakkoo diinagdeetiin baayyee dararamaa jiraachu himti.
Qabeenyaawwan akka mana, lafa, maallaqa waan hunda abbaanshee dhiisaanii deeman obbolootashee dhiiraatu qooddatan.
Namoonni durii yeroo baay'ee wayita du'an rakkoon akka hin mudanneef jedhanii dursanii qabeenyaa fi waa'ee maatiisaaniitti fala hin godhan, abbaanshees wayita lubbuun jiran qabeenyasaanii ijoolleesaaniif qoodanii qixeessanii hin turre.
Aangoon qabeenya qoodu kanuma ijoollee ta'e jechuudha, kana keessa dubartiin kun akkaan miidhamte.
Dubartiin umrii waggaa 29 Onyinye Igwe abbaasheef hangafa taatullee qabeenya maatiishee homaa hin hirmaanne.
Obboloonnishee dhiiraa sadan qabeenya hunda wayita dhaalan ishee fi obboloonnishee dubaraa shan harka duwwaatti hafan.
Akkaa aadaa saba Igbootti dhaalli dhiira qofaaf eyyamama.
''Isin heerumtanii mana nama biraa deemtanii jiraattu waan ta'eef qabeenya abbaa keenyaa fudhattanii achi deemuu hin qabdan nuun jedhan. Aadaa waan ta'eef ittiin hin falmine'' jette.
Sababa rakkoon diinagdeetiin yuuniversitii deemuu kan dadhabde Onyinye Igwe naannoodhuma jirtutti hojii biizinesii xixiqqoo hojjechuun of-jiraachisaa jirti.
'Addanatti dhiirotatu hunda dhaalu'
Onyinye Igwe waliin naannawa tokko kan jiraatan Evelyn Onyenokwalu, obboloota afur keessaa hangafa.
Wayita abbaanshee du'an obboleessi tokkichi isheen qabdu, namni dhumarratti dhalate, mana maatii dabalatee qabeenya abbaashee hunda dhaale.
"Obboleessi koo kun mana kutaa tokko akkan keessa jiraadhuuf akka naa iyyamuuf namni naaf hin gaafanne hin jiru. Dhumarratti mana kutaa tokko naaf eyyame, garuu akka hin cufne naan jedhe''
"Kutaa hunda kireessee ofii irraa fayyadama, an ammoo maallaqa dhabeen dararama''
Obboleessi ishee Oskaar Noonsoo weellisaa yoo ta'u yeroo ammaa qe'ee dhaale keessatti hojii biizinesii eegaleera, kun aadaadha waan ta'eef waanin dogoggore tokkollee hin qabu jedhe.

"Addanatti dhiironni qabenya hunda dhaalu, waan fedhasaanii dubartootaaf kennu'' jedhe.
''Qabeenya abbaa kootii dhaaluuf atakaaroo uumuu jechuun dubartoonni qabeenya lama argachuuf ifaajuu jechuudha. Dubartiin mana abbaa manaashee deemti. Kan abbaashees ni dhaalti taanaan qabeenya lama qabdi jechuudha. Nutimmoo kana malee hin qabnu''
Heerri mootummaa Naayijeeriyaa loogii haala kanaan dubartoota irra ga'u ni dhorka, garuu hawaasi Igboo aadaasaaniitti cichaniiru.
Akka aadaa dhaalaa hawaasa kanaatti hammeentaan qabeenyaa dhiironni argatan umrii irratti hundaa'a, hangafti quxisoo caalaa argata, dubartoonni gonkumaa hin argatan.
Bakka tokko tokkotti dubartonni kan argatan yoo ta'e qabeenya karaa haadhaa jiru qofatu eyyamamaaf, sanas ta'ee manaa fi lafa dhaaluu hin danda'an.
Abbaan manaa dubartii fuudhee suuta suuta qe'ee dhaala jedhanii waan sodaataniif dubartiitti manaa fi lafa hin kennan.
Yoo maatii keessa dhiirri hin jiru ta'ellee dhiira fira dhiyoo keessa jirutti dabarsu.
Garuu dubartoonni Naayijeeriyaa hunduu aadaa kanatti amananii fudhatanii hin jiran.
Falmiin waggoota 20 oliif dhimma kanarratti gaggeeffamaa ture bara 2014 furameera, dubartiin tokko maatiin ishee dhaalchisuu dhabuun himattee turte irra aanteetti.
Manni Murtii naayijeeriyaa aadaadhaanis ta'e fedhii maatiitiin dubartoota dhaala keessa baasuun seeraan ala ta'uu ibseera.
Ta'us garuu gama kanaan jijjiiramni bu'uuraa hin argamne, aadaan sun ammas hojiirra oolaa jira.

Egodi Igwe dhaabbata miti-mootummaa 'Women Aid Collective (Wacol)' jedhamu hoogganti, waggaa waggaan himata dhimma dhaalaa irratti dubartooti dhiyeessaniif haala mijeessaa turuu himti.
Aadaa badaan dubartoota moggaatti dhiibu kun ammallee hawaasa baayyee keessatti hojiirra oolaa jira. Dubartii tokkoon qabeenya maatii keessaa hin qabdu jechuun, miseensa maatii kanaa miti jechuudha''
'Dubartoonni murteessuu qabu'
Dubartiin dhaala dhorkamte kallattiin mana murtiitti iyyachuu qabdi, garuu baasiin adeemsa seeraaf ba'u guddaa ta'uun ammoo kanatti gufuu ta'uu mala. Kanatuu maatii keessatti daba kana uume.
Dubartoonni daba irratti raawwatamu seeraan ga'achuuf humna wayita dhaban, gara jaarsa biyyaa deemu, jaarsi biyyaa ammoo garuma aadaa sanatti deema, haala kanaan dubartoonni harka duwwaatti hafu.
''Hanga dhiironni dirree siyaasaa fi kaan dhuunfatanii jiranitti jijjiirama yaadame bakkaan ga'uun rakkisaadha. Jijjiirami akka dhufu yoo barbaanne dubartoonni murteessuu danda'uu qabu. Qaamolee murtee dabarsan keessa galuu qabu''
Barmaatilee akkanaa dhabamsiisuuf kutannoo bulchiinsaa cimaatu feesisa, garuu dhiironni hedduunsaanii aadaa ganamaa kun jijjiiramuu hin qabu ejjennoo jedhu qabu jetti dubartiin kun.
Jaarsa biyyaa fi bulchaa aadaa ganda Eke ganda bulchiinsa Enugu keesatti argamtuu kan ta'an Igwe Chiwendu Onuoha, dhaalarratti dubartoota moggaatti baasuun loogii miti jedhan.
"Dhiironni eegdota q'ee fi dachee, gaachana aadaati'' jedhan.
''Hawaasa kan eegu dhiirota. Lolli yoo jiraate kan duulu isaani. Aadaa irratti atakaaroon yoo jiraate dhiiratu sirreessa. Gama aadaatiin gochi kun loogummaa hin qabu. Duudhaa durdurii hawaasaati. Loogumma wanti jedhamu natti hin mul'atu.''
'Dhiironnii fi dubartoonni uumamaan wal-qixa'
Aadaan dhiironni qofti akka qabenya maatii dhaalan eyyamu kun naannawa hedduutti kan mul'atu ta'us, hawaasa kaan biratti ammoo kufeera.
Bulchitoota aadaa(mootolee) hawaasa naannoo bulchan keessaa tokko kan ta'an Igwe Godwin Ecko bulchiinsa isaanii Ihe jedhamtu keessatti aadaan kun akka badu godhaniiru, darbaniis Enungu keessatti akkas godhan.

"Dubartoonnii fi dhiironni wayita uumaman walqixa jenneetu amanna. Kanaafuu dubartoonni qoollifatamaniiru taanaan waanti dabe jira jechuudha. Hawaasa kiyya keessatti dubartoonni dhaaluu danda'u, lafa dabalatee.''
Hanga mootiin kun bara 1993 aangoo qabatanitti dubartoonni dhaaluu hin danda'an ture. Isaan garuu akkuma aangoo qabataniin aadaa kana jijjiiruutti cichan.
"Namoonni rakkoo keessa galta naan jedhaa turan. Aadaa kana jijjiiruuf yaaluun qormaata jechaa turan. Garuu homaa na hin mudanne. Inuman jijjiire.'' jedhan.















