Koronaavaayiras: Akaakuun vaayirasii haaraa 'addunyaa mara waliin gahuu' mala jedhame

Fakkii vaayirasichaa

Madda suuraa, Getty Images

Akaakuun vaayirasii koronaa jalqaa Keentii keessatti argame addunyaarratti isa cimaa ta'uu mala jedhan hooggantuun Sagantaa Qorannoo amala qaccee sanyii UK.

Pirofesar Shaaroon Piikook BBCtti akka himteetti, akaakuun vaayirasii haaraa kun 'biyya keessa tatamsa'aa jira' jira, akkasmuallee 'guutummaa addunyaarratti tattamsa'uuf' jira,' jedhan.

Hojiin hordoffii akaakuu vaayirasichaa sirritti adda baasuun ramaduu yoo xinnaate waggoota 10 barbaada jedhan.

Akaakuun koronaavaayirasii Keentii keessatti argamae kunis ammaa biyyoota 50 keessatti mul'ateera.

Yeroo jalqabaatiif Fulbaana 2020 keessaa kibba-baha Ingilaand keessatti kan argame yoo ta'u, baatiiwwan itti aanan keessatti hariitiin waan tatamsa'aa tureef jecha Amajjii darbee seerri hugguraa marsaa lammaffaan guutuu UKtti labsame.

Daarektarri Gamtaa 'Covid-19 Genomics UK', Pirof. Piikoo akkka jedhaniitti, ''ammaatti kan nu miidhaa jira daddarbuu isaatti.''

Tokkicha waa'ee vaayirasicha kan dhukkubbiif sababii ta'uu kana yoo sirriin baratame garuu waa'ee isaa yaadda'uu dhaabuu dandeenya jedhan oggeettiin kun.

''Haata'u malee, waanan kan bara kanaarraa hubadheen, waggoota 10 dhufaniif kanumarra hojjachuu qabna akka ilaalcha kiyyaatti,'' jedhan.

Talaalliiwwan amma jiran kan omishaman akaakuu vaayirasii dura tureetiin, garuu ammoo qorattoonni sirriin ta'uu baatulleen talaalliiwwan kunneen akaakuu vaayirasii haaraa kanaafis ni hojjata amantaa jedhu qabu.

Pirof. Pikook akka jedhaniitti, talaalliiwwan akka hojiirra oolaniif UK keessatti mirkanaa'an, biyyattii keessatti akaakuu vaayirasii haaraa irratti sirriin hojjetaa jiru.

Prof Shaaroan Pikook

Madda suuraa, COG-UK

Gamtaa 'Covid-19 Genomics UK' kunis neetworkii qaama fayyaa hawaasaafi laaboraatorii yoo ta'u, wayita ammaattis guyyaatti bu'aawwan qorannoo +ve ta'an kuma 30 qorata.

Bu'aan qorannoo kunis tibba Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akaakuu koronaavaayirasii haaraa wallaanuuf biyyoonni talaallii Oksiford/AstraZeneca akka fayyadamaniif yaada kenneetti.

Haata'u malee, talaalliin Oksford milkaa'ina inni akaakuu haaraa irratti qaburratti qeequmsi irratti ka'aa jira.

Daataa yaalii jalqabaa Afriikaa Kibbaatiitti gaggeefameen, milkaa'inni qorichi kun dargaggoota akaakkuu vaayirasii haaraa kanaan qabamuun dhukkubbii gadaanaafi jidduugalaa irriatti agarsiisee ''ittisa gadaanaadha'' jedhameera.

Haata'u malee, Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daareektarri Talaallii Dr Kaatiriin O'Brien qorannoon Afriikaa Kibbaa kan ''murtoorra hingahamneedha' jechuun, talaalliichi ammalleen akka dhibbee cimaa ittisuu danda'u ''amanamas'' jedhan.

Qorattoonni Oksfoord ammallee talaalliin isaanii namoota dhukkubbii cimaa Covid-19 fi wallaansa hospitaalaa barbaadan fayyisuu akka eegu.

Haaluma walfakkaatuun, MM Ingilizii Booriis Joonsan torban kana namoonni miliyoona lamaa talaalii Covid fudhachu qaban akka dhaqanii fudhataniif waamicha taasisan.

Motummaan UK hanga Guraandhala 15tti talaallii marsaa tokkooffaatiin qofa namoota miliyoona 15 kanneen umuriin isaanii waggaa 70 fi olii, hojjattoota fayyaa fi namoota saaxilamoo ta'aniif kennuuf karoorfatee hojjataa jira.

Hanga Kibxata darbeettis namoonni miliyoona 13,058,298 talaallii marsaa tokkooffaa fudhachunsaanii barameera.