Koronaavaayiras: Doonaald Tiraamp hariiroo Ameerikaan WHO waliin qabdu adda kutan

Tiraamp Waayit Haawus irraa yoo dubbatan

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidaantiin US Doonaald Tiraamp hariiroo biyyattiin Dhaabba Fayyaa Addunyaa waliin qabdu adda kutuusaanii ibsaniiru.

Pireezidaantichi Dhaabba Fayyaa AddunyaaBeejiing weerara koronaavaayiras to’achuu dhabuusheetiif tarkaanfii fudhachuu dhabeera jechuun himatu.

“Chaayinaan WHO to’annaashee jala galfatteetti,” jechaas bahan pireezidaant Tiraamp.

Waashingitan deeggrsa maallaqaa dhaabbata kanaaf kennitu kana booda qaamolee biraatiif dabarsitee kennuufi.

Ameerikaan biyya kophaashee dhaabbatichaaf maallaqa guddaa kennituudha – bara 2019 doolaara miiliyoona 400 dhaabbatichaaf gumaachiteetti.

Pireezidaant Tiraamp Ameerikaatti weerara kana to’achuu dhabuusheetiif namni jalqaba qeeqan isaani. Isaanis yeroo hedduuf weerara kana to’achuu dhabuuf Chaayinaa qeeqaa turan.

Ameerikaa keessatti namoonni 102,000 sababa Covid-19 lubbuusaanii dhabaniiru. Kunis biyyoota addunyaarraa lakkoofsa namoota du’anii qabaachuudhaan biyyattiin tokkoffaa akka taatu taasiseera.

Pireezidaant Tiraamp maal jedhan?

“Har’arraa jalqabnee hariiroo fi deeggarsa maallaqa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiif taasisnu ni dhaabna,” jedhan.

“Balleessaa mootummaa Chaayinaatiin addunyaan rakkataa jirti. Chaayinaan weerara du’a lammiilee Ameerikaa 100,000 oliif harka keessaa qabdi.”

Hoogganaa Dhabbata Fayyaa Addunyaa

Madda suuraa, AFP

Pireezidaantichi Chaayinaan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waa’ee vaayirasichaarratti “addunyaa akka dogoggorsiisuf” dhiibbaa gooteetti jechuun himatu.

Doonaald Tiraamp ji’a darbe ture deeggarsa maallaqa dhaabbatichaaf taasisuuf yeroo muraasaaf adda kutuu akka yaadan kan ibsan.

“Tarkaanfiin sirrii hin taanee atii fi dhaabbanni kee fudhatetuu addunyaaf weerara kanaan akka miidhamtu kan taasise,” jechuun daayirektara dhaabbatichaa kan ta’aniif Dr Teediroos Adihaanoom’f Caamsaa 18 xalayaa kan barreessan.

Boodarra Dhaabbanni Fayaa Addunyaa “saree Chaayinaati” jechuun ibsan.

Chaayinaan tatamsa’inna vaayirasichaa Ameerikaatti ta’eef Ameerikaa mataashee himatte.

Miseensonni WHO weerara koronaavaayiras irratti qorannoo walabaa akka taasifamuuf walii galaniiru.