Waraana Itoophiyaa: Bakkeewwan Ertiraa daangessanirratti dhukaasni meeshaalee waraanaa gurguddaa ture

Taankii waraanaa

Madda suuraa, AFP VIA GETTY IMAGES

Bakkeewwan daangaa Itiyoo Ertiraaraarratti humnoonni Tigraay Ertiraa irratti haleellaa meeshaalee waraanaa gurguddaan dabaalameen bananii walitti bu'iinsi waraanaa yeroo gabaabaaf ture akka ture BBC'n maddeen irraa mirkaneeffate.

Haleellaan kuni raawwate kan jedhame Dilbata Ebla 30, 2014 bakkee Raamaa akkasumas Baadimma biratti humna waraanaa Ertiraa irrattidha.

Haleellaa kana hordofee humnoota Tigraayiifi waraana Ertiraa gidduu walitti dhukaasuun turuu ibsameera.

Maddeen BBC Maqalee jiran daangaa naannichi Ertiraa waliin daangeessutti walitti bu'iinsi mudatee akka ture BBC'f mirkaneessaniiru.

Qondaalli olaanaa mootummaa Itoophiyaa maqaan isaanii akka hin eeramne barbaadan haleellaan meeshaalee jabaa gama humnoota Tigraayi banamuu eegalee bakkichatti ''lolli tureera'' jedhaniiru.

Haa ta'u malee, walitti dhukaasuun yeroo gabaabaaf kan ture ta'uufi waraana lafoo lakkoofsa guddaa hin qabne kan hirmaachisee akka ta'e ibsan.

Haleellaa meeshaa waraanaa jabaa hordofee dhukaasa yeroo gabaabaa taasifame booda ''humnoonni Tigraay duubatti deebi'anii lolichi dhaabateera,'' jechuun dubbataniiru.

Dabalaniis, haleellaan kuni ''amala dubbii barbaaduu TPLF kan agarsiisudha,'' jechuun dubbatani.

Aanga'aan olaanaa humnoota Tigiraay akka maqaan isaanii dha'amu hin feene tokko BBCf akka ibsanitti, Dilbata kaleessaa Ertiraatiin Addi Kuwaalaa irraa gara Raamaatti meeshaan waraanaa guddaa dhukaafameera.Haata'u malee, meeshaa waraanaa guddaa Ertiraa irraa dhukaafameef humnoonni Tigraay deebii hin kennine jedhan.

Gabaasni humnoota Tigraay fi waraana Ertiraa gidduutti Raamaafi Baadimmeetti dhukaasni ture jedhu 'dhara' jechuun qondaalli waraanaa olaanaa kun BBC'f deebii kennan.

Dura taa'aan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABBUT/TPLF) Dr Dabratisyoon G/Mikaa'el guyyoota muraasa dura xalayaa dhaabbilee idil-addunyaaf barreessaniin waraana Kaaba Itoophiyaa jiruuf furmaata atattamaa barbaaduu akka gargaaran gaafataniiru.

Dabaluunis, uggurri Tigraayirratti ka'ameera jedhan akka xumura argatu yoo hin taasifamne ''filmaata biraa'' barbaaduuf akka dirqaman ibsanii turan.

Gama Eertiraan haleellaa raawwatameera jedhame adda baasuuf yaaliin BBC'n taasise hin milkoofne.

Waraana Kaaba Itoophiyaa ji'oota 18 lakkoofsise keessatti loltootni Eertiraas kan hirmaatan yoo ta'u, wayita waraanichi eegalamu humnoonni TPLF Eertiraa rookeetiin haleelaa turan.

Humnoonni Tigraay mooraa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa damee kaabaa irratti haleellaa qaqqabsiisuu hordofee waraanni eegalame gara naanolee ollaa Amaaraa fi Affaar babal'ateera, waraanni kun ammallee hin goolabamne.

Gargaarsi namoomaa gufuu tokko malee akka namoota rakkoo keessa jiran bira ga'uuf haala mijeessuuf jecha walii galteen dhukaasa dhaabuu erga labsamee booda waraanichi waan tasgabbaa'e fakkaateera.

Haa ta'u malee, haala amma jiruun lolli tasa ka'ee itti fufuu danda'a sodaa jedhutu jira.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Sambata darbe gara Kaaba Lixa biyyattiitti imaluun qophii loltoota achi jiranii daawwatanii akka turan miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Dhiyeenya kana TPLF maatii ijoolleesaanii akka waraana keessatti hirmaachisaniif eeyyamamoo ta'uu didan hidhaa jiraachuu miseensonni maatii rakkoon kun qunnamee BBCtti himanii turan.