Biyyi diigamuun maali? Itoophiyaa keessa yaaddoon biyyi diigamuu ni jiraa?

- Barreessaa, Beekaa Atoomaa Boruu
- Gahee, BBC Afaan Oromoo
Biyyi tokko diigamteetti jechuuf haal-dureewwan sadarkaa idil-addunyaatti kaa'amaniin yoo madaalamtu, beektoonni saayinsii siyaasaa Itoophiyaan biyya balaa diigamuu (state collapse) hamaaf saaxilamte jirtu jedhamuu bira tartee biyya diigamte jedhamuu sadarkaa danda'amurra jirti jedhan jiraatan illeen, motummaan garuu yaada kana hin fudhatu.
Biyya diiguuf socho'u jechuun mormitootaa fi hidhattoota yoo himatu kan dhagaahamu mootummaan Itoophiyaa, Itoophiyaan biyya diigamte sadarkaa jedhamturra jiraachuu itti waliigaluu baatus, biyya balaa diigamuuf saaxilamte ta'uu hin waakkatu.
MM Itoophiyaa Abiy Ahimad 'osoo nuti jirruu haa badan Itoophiyaan hin diigamtu' jechuun irra deddeebiin yoo dubbatan dhagaahamu.
Biyyi tokko diigamteetti jedhamuuf hal-dureewwan kaa'aman maali? Itoophiyaan hoo gama kanaan sadarkaa akkamiirra jirti?
Gaaffilee kanneen deebisuuf, biyyi matuma isaattu maali? gaaffii jedhu deebisuun haa eegallu.
"Biyya (State) jechuun ummata ykn lammii walqixa ta'e kan qabdu, mootummaa keessaa fi alatti beekamtii (legitimacy) qabu kan qabdu, lafa daangaa ofii kan qabdu fi birmadummaa (sovereignty) kan qabdudha" jedhu Michigaan Kolleejjii Albiyoonitti barsiisaa saayinsii siyaasaa kan ta'an Dr Milkeessaa Miidhagaa.
Dr Milkeessaan miseensa paartii Itoophiyaa bulchaa jiruu akkasumas aanga'aa mootummaa kan turan yoo ta'u, miseensummaa paartii fi aangoorraa erga kaafamanii booda mootummaa qeequun ni barreessu akkasumas ni dubbatu.
Biyyi tokko biyya jedhamuuf mootummaa 'monopoly of legitimate violence' ykn tarkaanfi humnaa seera qabeessa fudhachuuf qofaa isaa aangoo kan qabu qabaachuu qabdi kan jedhan ammoo Yuunivarsiitii Koloraadootti barsiisaa saayinsii siyaasaa kan turanii fi wayitaa ammaa Afrikaa fi Jiddugaleessa Bahaa irratti xiyyeeffachuun qorannoowwan gara garaa gochaa kan jiran Dr Yohaannis Waldamaariyaami.
"Mootummaan humna qabaatee guutummaatti biyya bulchu to'achuu kan danda'u yoo ta'e, aangoo fi humni inni dhumaa mootummaa harka kan jiru yoo ta'e, biyyi sun biyya fayyaalessa jedhamuu danda'a" jedhu Dr Yohaannis.
"Biyyi tokko qaama alaa biraan weeraramuu kan hin dandeenye, biyya keessatti ammoo 'monopoly of violence' kan qabu jechuunis meeshaa waraanaa, mana hidhaa, murtee du'aa dabarsuu kan danda'u, seera kabachiisuu kan qabu mootummaa qofa ta'uu qaba" jedhu Dr Milkeessaan.
Biyya sana keessatti seerri kabajamus seera mootummaan kun baase ta'uu qaba jedhan.
Mootummaan 'monopoly of violence' qawwee ykn tarkaanfii humnaan fudhatamu irratti aangoo guutuu kan hin qabaanne yoo ta'e, olaantummaa seeraa kabachiisuu kan hin dandeenyee fi finciltoonni qawwee hidhatanii kan socho'an yoo ta'e fayyaalummaan biyyattii gaaffii keessa gala jedhu hayyoonni lamaan.
"Biyya tokko keessa gareeleen adda addaa qawwee hidhatanii socho'an yoo jiraatan, gareeleen kunneen seera mootummaan sun baasuun hin bulan yoo ta'e, mootummaan sun fudhatama seeraa (legitimacy) hin qabu jechuudha" yaada jedhu qabu qondaalli duraanii mootummaa kuni.
Dabaluunis, biyyi akka kanaa biyya balaa diigamuuf saaxilamtedha jedhu.
Biyya san keessa mootummaa fi finciltoota jidduu lolli jiraatee, humni olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaa haguma dadhabaa adeemuun biyyi sun biyya laaftuu (weak state) irraa gara biyya daddaaqamtuu (fragile state), achirraas gara biyya diigamte (collapsed state) ceeti jedhu.
Itoophiyaan sadarkaa kamirra jirti?
"Itoophiyaan biyya diigamuuf deemtu ykn kan balaa diigamuuf saaxilamtee jirtu osoo hin taane, biyya diigamtedha jechuun ni danda'ama" jedhu Dr Yohaannis.
Dr Yohaannis kana haa jedhan malee qaamooleen inumaa MM Abiy biyya erga gara aangootti dhufanii booda, biyya diigamuuf turte qarqarara turte oolchuun tokkummaan (Itoophiyaanummaan) akka lubbuu horatu taasiseera kanneen jedhanis jiru.
Dr Yohaannis yaadasaaniif sababa yoo ibsan, "mootummaan jiddugaleessaa Itoophiyaa Tigraay irratti, darbees godinaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaa irratti hagam to'annoo qaba?" jechuun gaafatu.
"Naannoo Amaaraa keessatti humni hidhate Faannoo jedhamu rakkoo guddaa uumeera, naannoon Affaar wayitan humnoota Tigraayiin haleelamu mootummaa federaalaa irraa tumsa hin arganne jechuun komataa ture" jedhu.
Itoophiyaa keessa iddoo hedduu rakkoowwan (fault lines) akka jiran kan himan Dr Yohaannis, "gareeleen hedduun hidhannoo meeshaa waraanaa to'annoo mootummaan ala ta'e qabu" jedhu.
Bu'uura kanaan Itoophiyaa keessaa mootummaa tokko qofa osoo hin ta'iin gareeleen aangoo qaban gara garaa jiraachuu hubanna jedhu.
Mootummaa fi uummata jidduu hariiroon ykn waliigalteen hawaasummaa (social contract) kan lammileen mootummaa irraa tajaajila akka argatan isaan gargaaru jiraachuu kan himan Dr Yohaannis, kana keessaa tokko mirga nagaan bahanii galuu ykn nageenyi isaanii eegamuuti jedhu.
Itoophiyaa keessa bakkeewwan hedduutti namni nagaan bahee dalagatee nagaan galuuf rakkataa akka jiru himu.
Sadarkaa idil-addunyaattis biyyaa nagaa kabachiisuuf abdatamaa turte irraa gara biyya qoqqobbiif barbaadamtuutti cehuun kanaaf akka agarsiiftuutti kaasu.
Itoophiyaan biyya bajatni ishii harki tokko sadaffaan deeggarsaan argamu ta'uu eeruun hariiroon biyyoota Lixaa fi dhaabbilee maallaqaa idil-addunyaa waliin qabdu hammaachaa deemuun biyyattii rakkoof kan saaxile ta'uu himu.

''Itoophiyaan jalqabumarraayyuu impaayera humnaan ijaaramte malee biyya ulaagaawwan guuttatte (viable state) hin turre falmiin jedhu ka'uu danda'a'' jedhu Dr Milkeessaan.
Haata'u garuu, hiikkoo biyyaa sadarkaa idil-addunyaatti irratti waliigalame bu'uura godhachuun haala amma jiru yoo ilaallu "humni mootummaa Finfinnee qofatti waan daanga'ee jiru fakkaata" jedhu.
Sochiin finciltootaa babal'achuu fi to'annoon mootummaa xiqqaachuu ykn ammoo mootummaan qawwee to'achuu (monopoly of violence) dadhabuu irratti dabalataan ulaagaaleen ilaalaman jiraachuu himu Dr Milkeessaan.
Akka isaan jedhanitti Biyyootni Gamtooman (UN) biyyi tokko biyya kufte ta'uu fi ta'uu dhabuu murteessuuf ulaagaaleen akka diinagdee, hariiroo hawaasaa (social cohession), waliigalteewwan biyyaalessaa biyyattii walitti hidhanii jiran jiraachuu, waliigaltee biyyoota ollaa waliin mootummaan qabu, sirni diimokiraasii (democratic nature) biyyattii fi kanneen kana fakkaatan ni ilaalamu.
Ulaagalee kanaan Itoophiyaan yoo ilaalamtu "waliigalteen ykn wal hubannoon akka hapheetti biyyattii walitti qabu (binding agreement), sabaa fi sab-lammii walitti hidhu jalqabumarraayyuu hin turre," jedhu.
"Diinagdee biyyattii yoo ilaallu, mootummaan maal dhiyeessaa jira?, uummanni waan nyaatu argataa jiraa? yoo jennee gaafannu, diinagdeen biyyattii kufee akka jiru hubbanna" jedhan.
Gama olaantummaa seeraa (law and order) kabachiisuutiin namni nagaan bahee galuu dadhabee akka jiru kaasu.
"Uummanni biyya sanaa nagaan waliin jiraachuu danda'amoo hin danda'u, hariiroon hawaasa jidduu jiru maal fakkaata yoo jenne, wal diinomfachuun (animosity) dabalaa jira" jedhu.
Ulaagaalee kanaan Itoophiyaan biyya diigamte (collapsed state) akka taate dubbachuu dandeenya jedhu Dr Milkeessaan.
Dr Yohaannis gama isaaniin Sabaa fi Sab-lammoota jidduu akkaataan seenaan itti hubatamu garaa gara ta'uu, sabummaan akka malee siyaasaaf oolfamuu fi biyyi akka biyyaatti akkamiin itti haa fuftu kan jedhu irratti waliigalteen dhibuun biyyattii gargar dhiibaa jiraachuu himu.
Waa'ee Tigraay ...

Akka biyya sirna federaaliizimiin bultuutti yoo ilaalles mootummaan federaalaa hariiroon naannolee waliin qabu laaffachaa fi adda citaa adeemuun kanuma mirkaneessa jedhan Dr Milkeessaan.
Akka fakkeenyaatti naannoon Tigraay humna waraanaa ofii isaa hundeeffatee naannicha bulchaa akka jiru, mootummaa federaalaa keessaa bakka bu'iinsa kan hin qabne ta'uu, baajatni mootummaa federaalaa irraa gara sana deemu akka hin jirre, achirraas gibirri sassaabamee gara federaalaa galu akka hin jirre kaasu.
Naannoon Tigraay qaamolee mootummaa federaalaa sadan seera baastuu, seera hiiktuu (mana murtii) fi raawwachiiftuu keessa bakka bu'iinsa dhabuun, naannichi adda bahee akka biyyaatti (defacto state) bulaa jiraachuu agarsiisa jedhu.
Kun ammoo sadarkaa yaad-rimee qofaatti osoo hin taane qabatamaan Itoophiyaan biyya diigamte ta'uu agarsiisa jedhu.
Filannoo eeyyama mootummaa federaalaa malee raawwachuu hordofee Manni Maree Federeeshinii aangoo mootummaa TPLF irraa mulqeera. Bajatas ramadaafii hin jiru.
Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan, waraana Tigraayiitti gaggeeffamuun wal qabatee, Itoophiyaan 'diigamuu malti' yaaddoo jedhu akka qaban dubbatanii turan.
Akkasumas Itoophiyaa keessa meeshaan waraanaa mootummaan to'annoo irratti hin qabne hidhattootaa fi riphee loltoota harka jiru, biyyoota Afrikaa kaan waliin yoo madaalamu akka malee guddaa ta'uu dubbatu Dr Yohaannis.
Gareeleen meeshaa waraanaa hidhatan kunneen baay'achuu isaanii irratti dabalataan yaadamni siyaasaa ykn fedhiin isaanii garaa gara ta'uun kufaatii biyyattii sadarkaa of duuba deebi'uu hin dandeenyerraan gahuu himu.
Gareeleen kunneen mootummaa waliin qofa osoo hin taane walii isaanii waraanuutti seenuuf qarqararra jiraachuu kan himan Dr Yohaannis biyyattiin gara walitti bu'iinsa qaamolee hedduu hirmaachise (multi-actor conflict) seenuuf fiixeerra jirti jedhu.

Biyyi tokko diigamteetti jedhamuuf biyyattiin biyyoota xixiqqoo gara garaatti caccabuun (disintegration) agarsiiftuu ijoo ta'uu mala garuu ammoo dirqama miti jedhu Dr Milkeessaa Miidhagaa.
Biyyi tokko ulaagaawwan biyyaa guutuu yoo hin dandeenye, mootummaa daddaaqamaa fi fudhatama hin qabne kan suphuun hin danda'amne kan qabdu yoo taate biyya kufte/diigamte jedhamuu dandeessi jedhu.
''Biyyi tokko diigamte jedhamuun paartiin biyya bulchu hin jiru, filannoon hin godhamu jechuu miti'' jedhu. Kanaaf ammoo Siiriyaan filannoo gochaa jiraachuu akka fakkeenyaatti kaasu.
Mootummaan maal jedha?
Itoophiyaan gamanumaan biyya diigamtedha jedhamuutti waliigaluu baatus, biyya balaa diigamuuf saaxilamte ta'uu mootummaanis hin waakkatu. Haata'u malee biyyattiin mootummaa cimaa balaawwan kana irra aanuu danda'u akka qabdu amana.
MM Abiy Ahimad yeroo gara garaa 'osoo nuti jirruu gonkumaa Itoophiyaan hin diigamtu' jechuun yoo dubbatan ni dhagaahamu.
Raayyaa Ittisa Biyyaa seenaa Itoophiyaa keessatti amma dura hin turre, balaa keessaa fi bakkee dhufu kamuu qolachuu danda'u mootummaan isaanii ijaaraa akka jirus dubbataniiru.
Dabalataan mootummaan yeroo garaa garaa 'ergama qaamolee alaa fudhachuun biyya diiguuf socho'u' jechuun qaamolee hidhatanii socho'an komata.
Kanaaf ammoo adda durummaan kan himataman paarlaamaa mootummaa Itoophiyaan shororkeessitoota kan jedhaman TPLF fi Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaan 'ABO-Shanee' jedhee waamudha.
Biyyoota Lixaa bira osoo hin hafiin fedhiin 'Itoophiyaa biyya laaftuu gochuu' jiraachuu kan himu mootummaan, hidhattoonni kunneen 'farda qaamoleen alaa biyya diiguuf itti fayyadaman' jechuun ibsa.
Gama kaaniin milkaa'ina gama ijaarsa hidha haaromsaan argame akkasumas, waraana Tigraayiin wal-qabatee dhiibbaa dippiloomaasii biyyoota Lixaa dandamachuu danda'uu akka fakkeenyaatti kaasuun Itoophiyaan yeroo kamiyyuu caalaa biyya jabduu fi tokkummaa qabdu jechuun kanneen falman jiru.
Humnoota siyaasaa fi uummata jidduu wal-hubannaa fi waliigalteen biyyaalessaa akka barbaachisu mootummaanis ni amana.
Kanaafis jecha marii biyyaalessaa walaba ta'eefi hunda hirmaachisu gochuuf komiishinii marii biyyaalessaa ijaaruun sochiitti galeera.
Haata'u malee, hirmaachisummaa marichaa fi adeemsi komiishiniin ittiin ijaarame walaba ta'uu irratti dhaabbileen mormituu muraasni gamanumaan gaaffii kaasaa jiru.
Abdiin jiraa?
Gama mootummaatiin fedhiin (political will) sirriin jiraatee mariin bilisa ta'e godhamee, qooda fudhattoonni wal hubannaarra gahuu kan danda'an yoo ta'e badii amma gahe kana duubatti deebisuun ni danda'ama jedhu Dr Milkeessaan.
"Garuu qabatamaan yoo ilaalle mootumman biyya bulchaa jiru, fedhiis ta'e gahuumsa isaa hin qabu, qaamoleen siyaasaas sana ni godha jedhanii amantaa irraa hin qaban," jedhu.
Motummaan garuu ammalleen marii biyyaleessaa kanaan nagaa waaraa buusuuf kutannoo qabaachuufi komishiin hundeessuun alattis haala mijeessuuf jecha qondaaltota paartiilee siyaasaa mormituu hidhaarraa hiikuu akka fakkeenyaatti kaasa.
Humnoonni siyaasaa biyyattii akkasumas, lammiileen biyyattii fi qaamoleen idil-addunyaa dhiibbaa uumuun mootummaan gara marii qajeelaatti akka seenu dirqisiisuun ni danda'ama jedhu.
Dr Yohaannis garuu Itoophiyaa biyya fayyaalettii gochuuf barfateera yaada jedhu qabu.
Naannoo Tigraay keessatti lakkoofsi namoota ajjeefamanii fi yakkoonni raawwataman uummata keessatti eela irraanfachuu hin dandeenye, madaa hin fayyine uumeera jedhu.
"Itoophiyaa keessa namoonni 'Itoophiyummaa' akka arrabsootti ilaalan jiru" kan jedhan Dr Yohaannis, waraana Kaaba Itoophiyaa jiruun wal qabatee miira biyyummaa dhalattoota Tigraay biratti uumame akka fakkeenyaatti kaasu.
Rakkoon Itoophiyaa hawaasa idil-addunyaa biratti xiyyeeffannaa gahaa argatee dhiibbaa siyaasaatiin furmaata akka hin arganneef waraanni Yuukireen dhalachuun sababa ta'uu himu.
Rakkooleen amma jiraan haaluma kanaan kan itti fufan yoo tahe, biyyi diigamuu qofa osoo hin tane, hokkora fi miidhaa hamaan uumamuu danda'a kan jedhan Dr Milkeessaan, kun ammoo Itoophiyaa bira darbee sadarkaa Gaanfa Afrikaatti rakkoo guddaa uumuu danda'a jedhu.
Biyyoonni Gaanfa Afrikaa saba wal keessa jiraatu qabaachuun isaanii waraanichi biyyoota ollaatti akka babal'atu gochuu akka malu, kun ammoo rakkoo godaantotaa (refugee crisis) olaanaan akka uumamu taasisa jedhu.


















