Nageenya Oromiyaa: Waa'ee waraana Oromiyaa keessa adeemaa jiruu maal beekna?

Madda suuraa, Russian Federal Security Service
Oromiyaa bakkeewwan garaagaraatti lolli humnootii mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan 'Shanee' jedhee waamu gidduutti adeemaa jiraachuun yaaddoo nageenyaa biyyattii hammeessa jedhu kaasaa jira.
Mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa Ebla 4, 2022 baase keessatti farra nageenya uummataa fi madda jeequmsaatti jechuun akka irratti duuluuf kan inni eere qaama 'Shanee' jedhee waamu kanaa fi qaama 'Finxaaleyyii maqaa Amaaraan socho'an' jedhuun.
''Humni finxaaleeyyii maqaa Amaaraatiin socho'an qabatamaatti diina ummata Amaaraa fi sabaafi sablammii biyya kanaa ta'an, gochaan isaan Naannoo Oromiyaa seenuun ummata Nagaafi qaama nageenyaarratti raawwatan ummata Oromoo dallansee jira,'' jedha ibsi kun.
Duulli haaraan ''qindaa'aan'' amma naannoo Oromiyaa keessatti gaggeefamaa jiru humnoota nageenyaa Oromiyaa fi mootummaa Federaalaa waliin ta'uun kan gaggeessan ta'uu mootummaan naannoo Oromiyaa guyyoota dura ibsee ture.
Duulli kun Godinaalee Wallaggaa, Godinaalee Shawaa Lixaafi Shawaa Kaabaa akkasumas Kibba Oromiyaatti gaggeefamaa akka jirus ibseera.
Pireezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa torbanoota dura yaa'ii Caffee irratti ibsa kennaniin, wayita waraanni Kaabaa jabaate WBO ykn ABO-Shanee hidhaannoo jabeeffattee babal'atee akka ture kaasuun, deeggarsa qaamolee nageenyaa dabalataan duulli tooftaa riphee loltootaa hubate akka eegalamu himanii ture.
Miidiyaan biyyaalessaa EBC mootummaa naannoo Oromiyaa waabeffachuun Sanbattan irra gabaasa hojjeteen duula haaraa mootummaan garee hidhattoota naannoo Oromiyaa keessa soco'an irratti gaggeessaa jiruun miseensonni waraanichaa lakkoofsaan hedduun ajjeefamuu gabaaseera.
Duulli qindaa'aan qaama nageenyaa naannoofi federaalaatiin gaggeefamaa jiru karoora guyyoota 30 mootummaan naannichaa baasee ta'uunis gabaasameera.
Gama kaaniin Waraanni Bilisummaa Oromoo kan motummaan ABO-Shanee jedhuun ammoo lola kana irraa aanaa jiraachuu himata.
Waraabbiiwwan viidiyoo Kibba Oromiyaatti ijifannoo garee hidhattootaa kanneen argatan jedhamuufi hubaatiin loltoota mootummaa irra gahu agarsiisu miidiyaa hawaasaa gubbaa naanna'aa jira.
Haata'u malee dhugummaa viidiyoowwan kanneenii BBCn ofiin hin mirkaneeffanne.
Dubbi himaan Waraana Bilisummaa Oromoo Odaa Tarbii hidhattoonni naannoo ollaa, Somaalee irraa gara Oromiyaatti bobbaafamuun loltoota mootummaa gargaaranii gareesaanii waraanaa jiraachuu tiwiitara isaarratti barreesse.
Qondaalli mootummaa naannoo Somaalee Abdiqaadir Rashiid himannaa kana kuffisuun, garuu hidhattoonni naannoosaanii yoo affeeraman hirmaachuu ni danda'u jechuun BBC'f yaada kennan.
Ji'a darbe keessa waliigalteen walwaraanuu dhaabuu mootummaa federaalaa fi TPLF labsan waraana waliinii Itoophiyaaf furmaata ta'a jedhamee abdatamee ture.
Garuu deeggarsaaf karaa saaquuf jedhamee tarkaanfii fudhatame kan jedhame akkaataa yaadameen hojiirra waan hin oolleef walkomachuun akkuma duraatti motummaa federaalaafi humnootii TPLF jidduu itti fufe.
Lolli Oromiyaa keessatti babal'ataa jiru ammoo goolama siyaasaa fi namoomaa biyyattiin keessa jirtu daran hammeessa jedhamee sodaatama.
Keessattuu kutaalee Oromiyaa garaagaraa kanneen akka Wallaggaa, Shawaa, Boorana fi Gujii keessatti sababa sochii hidhattootaan lubbuun namaa gaaga'amuu fi manneen fi qabeenyi gubachuun kana dura gabaasuun keenya ni yaadatama.
Mootummaa dhimma WBO, ABO-Shanee maal jedha?
Mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoolee godinaalee Wallagga Bahaa fi Horro Guduruu Wallaggaa keessatti dhalataniif hidhattoota 'Finxaaleyyii Amaaraa', ABO-Shanee fi Naannoo Beenishaangul irraa dhufan jedhuun himata.
Uummanni ammoo loltoota mootummaa dabaltee hidhattoota ABO -Shanee fi finxaaleeyyii Amaaraatiin kallattii sadiin dararamaa jiraachu himata.
Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa yaa'ii caffee dhiheenya gaggeeffamerratti rakkoon nageenyaa aarsaa guddoo baasisaa jiraachuu eeran.
''ABO-Shanee qaama isa ergatuun'' danqaa guddaa uumaa akka jiru ibsan.
''Guyyaa guyyaadhaan uummanni keenya aarsaa kaffalaa jira. Guyyaa guyyaadhaan caasaan nageenyaa akka baalaatti harca'aa jira. Qaamni nageenyaa madaa'ee, aarsaa kaffalee jiru lakkoofsa hin qabu,'' jedhan.
Obbo Shimallis qaamolee diina keenya ittiin jedhaniin meeshaan waraanaa ABO-Shaneef dhiyaachaa akka jiru Caffeetti himan.
Dhiibbaa siyaasaarraa kan ka'e baroota darban bulchiinsi naannichaa qaama nageenyaa jabaa ijaaruuf rakkachuu isaas dabalanii ibsaniiru.
Sochii hidhattootaa dhaabuufis karoorrii addaa qophaa'uu Obbo Shimallis miseensota Caffeetti himaniiru.
''Tooftaa lolaa riphee loltootaa dura dhaabachuuf karoorri adda addaa qophaayee hojiitti galamaa jira, ji'oota muraasa keessatti jijiiramni guddaan akka dhufu abdii guddaa qabna,'' jedhan.
Mootummaan Federaalaas humna riphee lolaa kana dhaabuuf deeggarsa gochaa akka jiru himaniiru. Hirmaannaan mootummaa federaalaa bifa kamiin akka ta'e garuu ifa hin goone.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Guraandhala 22, 2022 paarlaamaa biyyattiirratti haasaa taasisaniin, Waraanni Bilisummaa Oromoo mootummaan isaanii ABO-Shanee jedhee waamu "garee galma qabsaa'uf kan hin beekne, namoota ugguree kan maallaqa saamu, dhala namaaf kabaja kan hin qabne" jedhan.
Mootummaan hidhattoota kana wajjin waraana keessa tureen wareegama guddaa kanfaleeras jedhan.
"Gareen kuni dhokatee kan haleellaa raawwatu malee kan kallattiidhaan lolatti kan seenu miti. Kana balleessuun akkuma jedhamu salphaa miti. Amma ammoo gargaarsa, leenjisaafi meeshaa kan dhiheessuf qaba. Garuu gareen kunis kaanis Itoophiyaa diiguun hin danda'amu," jedhan.
Godinaaleen akka Wallagga Bahaa, Wallaggaa Lixaa, Qeellam Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Gujii fi Booranaa bakkeewwan Waraanni Bilisummaa Oromoo kan motummaa ABO-Shane jechuun TPLF waliin shororkessummaan faraje waggoota hedduuf keessa socho'uun beekamaniidha.
Dhiheenya kana ammoo gareen kun gara giddu-gala biyyaatti babalifataa jiraachuu himata.
















