'Guyyaa guyyaadhaan caasaan nageenyaa akka baalaatti harca'aa jira' - Shimallis Abdisaa

Pireezidantii naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa

Madda suuraa, OBN

Mootummaan naannoo Oromiyaa galiin ji'oota torba darban argate kan waggaa darbee biiliyoona 10'n caalus rakkoon nageenyaa aarsaa guddoo baasisaa jira jedhan pireezidantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Yaa'ii Caffee Oromiyaa gaggeeffamaa jiru irratti gaaffilee miseensonni Caffee guyyaa Wiixata dhiyeessaniif deebiifi yaada yoo kennan kana dubbatan.

Miseensonni Caffee haaraan filannoo bar darbe gaggeefameen filataman haala hin baratamneen hirmaannaa ho'aa yoo godhan, gaaffilee faayidaa uummata bakka buuna jedhanii dhiyeessuufis carraa wal-saaamaa turan.

Dhimmoota dameewwan misoomawwan bu'uraa hunda irratti yaadniifi gaaffileen dhiyaatanii hooggantoota dameewwan kanaan deebiin irratti kennamaa oole.

Addatti garuu akkuma amma duraa dhimmi diinagdee fi nageenyaa xiyyeeffannoon irratti dubbatamaa oole.

Pireezidant Shimallis yaada yoo kennan kanneen dubbatan keessa tokko dhimma waraana Kaaba Itoophiyaafi diinagdee biyyaati.

Diinagdee

''Uummatni keenya waraanichas waraanee diinagdee isaas hojjetee galiin naannoo Oromiyaa ji'oottan torba darban biiliyoona 10'n dabale kan bara darbeerra. Kun Oromiyaa keessattis ta'e naannoo kamittuu hin taane. Eenyutu godhe? Uummata keenya.''

Waggoota sadan darban galiin mootummaa naannoo Oromiyaa dachaa sadiin dabalee jiraa jedhan Obbo Shimallis.

''Biliyoona kudhan lakkaawuu bira dabarree biliyoona shantama karoorfachuu fi raawwachuu bira geenyeerra. Hanga guyyaa har'aatti biliyoonni 34 sassaabamee jira'' jedhan.

Bajatni naannoo waggoota laman darban dachaa lamaan dabalee jedhanii kun garuu fedhaa fi humna misoomuu naannichaan yoo wal-bira qabamu gad-aanaadha jedhan.

Jijjiiramni kun kan dhufe mootummaan naannoo bilisummaa yaadaa qabaatee dhiibbaa malee karoorsee raawwachaa waan jiruuf ta'uu dubbatan Obbo Shimallis.

Nageenya

Hojiileen misoomaa naannichaa kanaa ol akka hin milkoofne garuu ''alaa fi keessaan itti duulamaa jiraa'' jedhanii, ''ABO-Shanee qaama isa ergatuun'' danqaa guddaa uumaa akka jiru ibsan.

''Guyyaa guyyaadhaan uummatni keenya aarsaa kaffalaa jira. Guyyaa guyyaadhaan caasaan nageenyaa akka baalaatti harca'aa jira. Qaamni nageenyaa madaa'ee, aarsaa kaffalee jiru lakkoofsa hin qabu,'' jedhan.

Obbo Shimallis qaamolee diina keenya ittiin jedhaniin meeshaan waraanaa ABO-Shaneef dhiyaachaa akka jiru Caffeetti himan.

''Qawween Shanee 2010'n dura hin turre eessaa as yaa'e amma?...uummatni keenya yeroo miliyoonotaan buqqa'u hin turre eessaa as yaa'e har'a? kabajamaa caffee kanaaf kaniin ibsuu barbaadu qawwee kana diinota keenya hundatu harka tokkoon ijaaramee qindeessee nurratti bobbaasaa jira'' jedhan.

Obbo Shimallis amma dura yaalii qaamolee hidhatan waliin nagaan rakkoo furuuf godhame yaadachuun ''mootummaan naannoo Oromiyaa qaama kam waliin iyyuu nagaadhaan mariidhaan dubbii kamiyyuu hiikuuf qophiidha yeroo kamiyyuu'' jedhan.

Qaamolee dogoggoraan hidhattoota kanatti makaman akka simataniis dubbatan. ''Warri TPLF juuntaarraa ergama fudhatee hoogganamee, achi jalatti leenji'ee karoorsee hojjetummoo karaa qabachuutu irra jira'' jedhan.

Dhiibbaa siyaasaarraa kan ka'e baroota darban bulchiinsi naannichaa qaama nageenyaa jabaa ijaaruuf rakkachuu isaas dabalanii ibsaniiru.

Kun ta'ee osoo jiruu waraanni hidhattoota TPLF yeroo gara gidduugala biyyaa dhiyaatu, ''humni Shanee hamma danda'u hunda hojjete'' jedhanii goototni keenya milishoonni, poolisiin, humni addaa hiree kana tiksuuf jecha akka baalaatti harca'anii as nu teechisan'' jechuun galateeffatan.

Humna nageenyaa naannichaa cimsuun barbaachisaa ta'uu kaasanii ''dubbii kana garuu qawwee duwwaan hin hiiku, siyaasatu xumura'' jedhan.

Kana yeroo jedhan aanga'oonni sadarkaan jiran uummata mariisisuufi amansiisuu irratti xiyyeeffannoo kennuu ta'uu ibsaniiru.

Sochii hidhattootaa dhaabuufis karoorrii addaa qophaa'uu Obbo Shimallis miseensota Caffeetti himaniiru.

''Tooftaa lolaa riphee loltootaa dura dhaabachuuf karoorri adda addaa qophaayee hojiitti galamaa jira, ji'oota muraasa keessatti jijiiramni guddaan akka dhufu abdii guddaa qabna.''

''Humni dararaa uummata kanaaf hin mallee irraan gahaa jiru kun buqqa'uutu irra jiraata, ni buqqa'as'' jedhan.

Mootummaan Federaalaas humna riphee lolaa kana dhaabuuf deeggarsa gochaa akka jiru himaniiru. Hirmaannaan mootummaa federaalaa bifa kamiin akka ta'e garuu ifa hin goone.

Waggoota sadan darban dhimmi ijoon nammootni siyaasaa naannichaa fi dhaaba biyya bulchuu irratti mari'atan nageenya ta'uu kaasanii ''Samiidhaa gaditti waan godhamuu qabu hunda goonee uummatni keenya akka nagaa argatu ni goona'' jedhan.