Waraana Tigraay: Keessoo jireenya Magaalaa Maqalee addunyaarra adda cittee

Madda suuraa, AFP
Deeggarsa namoomaa gara naannoo Tigraay akka galuuf jecha wal dhabdee namoomaa dhaabuun torbaniin dura motummaan labsames, waraanni baatii 17 gaggeeffamaa ture dhuma argataa laata abdii jedhu umeera.
Naannoon Tigraay baatiiwwan hedduuf waan hundumarraa adda cituun jiraatonni naannichaa miliyoonaan lakkaa'aman dhiyeessii nyaataafi wantoota murteessoo ta'an irraa adda bahaniiru.
Jiraattonni magaalaa guddoo naannichaa Maqalee, kan to'annoo TPLF jala jirtuu keessaa waa'ee jireenyasaanii BBC'tti waan himan qabu.

Guyyaa guyyaan waan ittiin jiraatamu argachuu baayyee yaaddeessaadha.
Akka abbaa ijoollee xixiqqoo lamaatti, maatii kiyyaaf waan barbaachisu dhiyeessuu dadhabuu kiyyaaf qalbiikoo baayyee na caba. Kunis hanga tokkoon sababii baankiiwwan cufamaniifu maallaqan qabullee baasee fayyadamu hin dandeenyeefiidha.
Rakkoon kunis baayyee keenya mudataa kan jiru waan ta'eef maallaqa argachuun baayyee rakkiisaadha.
Erga Waxabajjii waggaa darbeetii kaasee akkaawuntii kiyya keessaa maallaqa argachu hin danda'u. Kanaafuu hiriyyootaafi firoota irraan maallaqa liiqeeffachuun maatiif waan nyaataan bitaaf.
Firoonni biyya alaa jiran nu gargaaruu barbaadanis garuu sababii bilbilli fi intarneetiin hin jirreef argachuun rakkiisaadha.
Kana malees gatiin nyaataa baayyee dabaleera.
Xaafii fi daakuun qamadii, mixmiixiifi zayiitiin nyaataa kanneen bitachuuf baayyee gatiinsaanii jabaa ta'e keessayi.
Waggaa tokkoon dura xaafiin kiloo 100 gara birri kuma afurii ($80) kan ture amma gara birrii kuma torbaafi dhibba sanii ($146) ta'eera.
Warri bitachu danda'an xaafii xinnoo bitachuun daakuu qamadiifi garbuutti makuun buddeen tolfatu.
Garuu ammoo namoonni baayyeen gonkumaa xaafii bitachu hin danda'an.

Gorduubee keenya keessa ashaakiltii akka dhaabbannu nutti himame, nuti kana hojjataa jirra. Rakkoon isaa ammoo bishaan argachuudha.
Duraan bishaan leetirii 200 torban guutuuf bitanna turre, garuu amma kana bitachuuf hin dandeenyu waan ta'eef boolla biishaaniitii fa'i arganna.
Ammatti daa'imaaf waa'ee kophee ykn uffata bituu akkasumas foon nyaachisuu yaaduun hin danda'amu.
Bishaan qulqullu ujummoo fi ibsaan baayyee xiqqaa waan ta'eef uummata wal hin gahu. Yeroo tokko tokkos guyyoota muraasaaf jiraachu dhabuu danda'a.
Namoonni baayyeen hojii hin qaban, irra caalaan suuqiiwwaniifi jiddugalli daldalaa Maqalee keessaa cufamaniiru ykn kaan isaanii ykn kiraa kanfaluu hin danda'an ykn dhiyyeesii mi'aa qabu.

Sababii kanaatiin namoonni qabeenyaa saanii kan akka kunkolaataa, meeshaa manaafi faayasaanii gurgurachuun nyaata bitatu. Kana baayyee gatii gadaanaatti gurguruuf dirqaman.
Fakkeenyaaf qubeellaan warqii kaaraatii 21 kan doolaara 64 baasu hanga doolaara 12tti gurguramu danda'a. Akkasumas konkolaataan silaa gara doolaara 16,000 baasuu amma doolaara 7,000tti gurgurama.
Namoonni baayyeenis amma waan gurguran erga fiixaniin booda kadhachu eegalan. Kanaafuu namoonni kadhatan hedduutu daandiiwwan irratti argama. Irra caalaan isaanii ammoo haadhooliifi daa'imman.
Taajilliwwan wallaansaas qoricha fixataniiru. Namoonni dhukkuboota cimaa dhukkubsatanis hir'inuma wallaansaatiin du'aa jiru.
Namoonni Vaayirasii HIV waliin jiraatanis qoricha kan argatan darbee darbee qofa.
Qophiiwwan akka ayyaana amantaa fi cidhaa kabajuun taateewwan hawaasaa yaadannoo qofa ta'aniidha.
Ani guyyaa hunda kanan raawwan- akkan yeroo manni barnootaa hanga deebii'ee banamuutti, rafaan oola.
Kanas kanan godhuuf alkan keessa ka'een sursagaleewwan oduun argadhee hunda sababii dhageeffadhufidha.
Oduu haaraa battalatti argachuu baayyee rakkisaadha.
Ani intarneetii hin qabu. Kanaafu oduuwwan argachuuf gara daldaltoota daandiiwwan cinaatti sur-sagaleefi sagaleewwan waa'ee taateewwan haaraa tokkoo tokkoo isaa gara doolaara 0.20tti gurguranii deemuun qaba.
Yeroo tokko tokkoos kitaabootan dubbisa, akkasumas baheen miilaan deema ykn hirriyoota waliinan haasa'a.
Boba'aa bitachuuf gatiin hin danda'amne
Amma erga mucaan koo mana barnootaatti deebii'ee booda miilaan baayyeen deema. Appiin bilbila kiyyaas akkan guyyaatti jidduugalaa tarkaanfii 9,000- 12,000 deemee natti hima.
Yeroo hunda ganama mucaakoo mana barnootaan gahuuf kiloometira lama miilaanan deema. Sa'aatii laaqanaatti ammoo haadha warraa kiyyatu miilaan deemee isa fida.
Duraan konkolaataanan deema ture, amma garuu sababiin bob'aa bitachuu hin dandeenyeef baatiiwwan 18 oliif akkuma dhaabbatetti jira.
Gabaa gurraacha irraa bitachu ni dandeessa. Ammatti boba'aan leetira tokkoo gara doolaara 10tti gurgurama. Waraanaa dura garuu buufata boba'aa irraa gara doolaara tokko gadi ture.
Taaksii ykn baajaajiin deemuun waan hin yaadamneedha. Imalli baajaajiinii tokkochi gara doolaara 2 gaafata.
Amma gaarii fardaan harkiifamuti akka geejiba ummataatti tajaajilaa jira.

Namoonni baayyeenis bishikiliitii fayyadamu eegalan garuu ammoo gatii bishikiliitiis ni dabale.
Ummanni asii wal dhabdeen karaa nagaatiin akka furamu barbaadu. Torban darbe yoo oduun wal dhabdee dhaabuu jedhu dhagahameetti baayyee gamadoo turan.
Haata'u malee hanga ammaatti lafarratti jijjiramni qabatamaan akka dhiyyeessiii deeggarsa dabalataa, ykn daandiiwwan deebiisanii saaquu, waan hin taaneefu ummanni abdii kutannaatu itti dhagahamaa jira. Kanaafu waadaadhuma duwwaadha jechaa jiru.
Waanan lubbuun jiraadhee seenaa kiyya qoodeef baayyeen gammada. Garuu ammoo baayyeen haala kan kiyyaa irra rakkoo cimaa keessatti argamaniif kaan isaanii du'aa jiranis beeka.
Haalli kun hundis tarii abdii hin eegamne uumaa jira: ummanni ammalleen wal gargaaraa jira.
Jechi Afaan Tigree keenyaatii ''kan qophaa nyaatu qophaa du'a'' jedhu jira, ummannis isa hordofaa jira.
Boru kan beela'an yoo ta'elleen har'a waan qaban waliisaaniif ni qoodu. Waliin lubbuun hafuuf tokkommaa cimaa waliin dhaabachutu jira.
Sababii nageenya isaaniif jennee maqaan jiraataa kanaa hin caqasine.
















