Mootummaa fi TPLF dhukaasa dhaabuu labsanis 'ammallee danqaan jira' - ICRC

Asxaa ICRC

Madda suuraa, ICRC

Koreen Waldaa Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) meeshaalee wal'aansa fayyaa gara Tigraay erguuf ammallee akka rakkataa jiru hime.

Torbee darbe mootummaa fi humnoonni Tigraay deeggarsi namoomaa akka hin gufanneef jecha dhukaasa dhaabuu ibsanis ammallee qormaati isa mudachuu hime jaarmiyaan kun.

Waldaan fannoo diimaa kun dhorkaa ji'ootaa booda gara Tigraayitti meeshaalee wal'aansaa akka geessuuf eeyyamameef.

Waldaan kun garas akka hin imalle Amajjii bara darbe dhorkamee kan ture yoo ta'u, ammas afaaniin haa eeyyamamu malee konkolaattonni meeshaalee wal'aansaa fi kaan fe'an tokkollee garas imaluu hin dandeenye jedhe.

Ji'oota sadan darban xiyyaaronni jaarmiyaa kanaa 38 ta'an meeshaalee wal'aansa fayyaaf oolan qabatanii gara Tigraay imalaniiru.

Haata'u malee fedhii jiru waliin yoo walbira qabamu ''gargaarsi ga'e kun akka copha bishaan keessaati,'' jedhan Itoophiyaatti dubbi himtuun jaarmiyaa kanaa Fatima Sator.

Hanqina meeshaalee wal'aansa fayyaarraa kan ka'e doktaroonni Tigraay jiran haguugduu harkaa (gloves) fi meeshaalee fayyaa si'a tokko qofaaf eeyyamaman irra deddeebiin fayyadamuuf dirqamaniiru jechuun BBCtti himan qondaalli kun.

Jaarmiyaaleen deeggarsa kennan, mootummaan ulaa nutti cufeera jechuun irra deddeebiin wayita komatan dhagahamu, mootummaan Itoophiyaa garuu himannaa kana ni haala.

Mootummaan gamasaan akka uummanni hin gargaaramneef ulaa gargaarsaa kan cufu TPLF jechuun himata.

Torbee darbe Kamisa (Bitootessa 24, 2022) wayita mootummaa fi humnoonni Tigraay dhukaasa dhaabuu labsan, deeggarsi namoomaa gara Tigraayitti taasifamu dabaluun miiliyoononni rakkoo keessa jiran ni gargaaramu jedhamee abdatamee ture.

Haata'u malee qaamoleen lameenuu erga dhukaasa dhaabuu labsanii booda wal komachuu isaanii ittuma fufan.

Kanarraa kan ka'e ulaa deeggarsaa banuun deeggarsa namoomaaf haala mijeessuurratti jijjiiramni mul'ate hagas mara miti.

Sator akka jedhanitti, silaa dhukaasa dhaabuun ulaa deeggarsaa bananii konkolaattonni akka seenan gochuun hundaaf bu'a qabeessa, jaarmiyaan kun akka deeggarsa isaa guddisuufis gargaara ture jedhan.