Gargaarsi Fannoo Diimaa ji'oota shan booda yeroo jalqabaaf Tigiraay qaqqabe

Ogeessonni fayyaa naannoo Tigraay hanqina meeshaa wallaansa fayyaa dhabanii rakkachaa jiru

Madda suuraa, AFP

Ji'oota shanii booda yeroo jalqabaatiif gargaarsa fayyaa naannoo Tigraay kan waraanaan miidhamte qaqqabsiisuu isaa Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) hime.

Baatii 15 dabran waraana keessa kan ture naannoo Tigraay hanqina dhiyeessii bu'uuraa jireenyaaf barbaachisoo ta'an dhabdee rakkachaa kan ture yoo ta'u, oduun gargaarsaa achi qaqqabe jedhu kun abdii xiqqoo itti horeera.

Itoophiyaatti qindeessaan fayyaa ICRC jijjiiramni kun "boqonnaa guddaadha" jedhan.

Qorichawwan barbaachisoo dabalatee meeshaa gargaarsa fayyaa xiyyaaronni qabatan Roobii magaalaa guddoo naannoo Tigraay Maqalee qaqqabaniiru.

Torban tokko dura Koreen Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa beeksise naannolee Amaaraa, Tigraay fi Affaar keessatti namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman yaala fayyaa lubbuun turuuf isaan barbaachisu dhabuun daran isa yaaddessuu ibsee ture.

Tigraay keessatti sababa qorichi hin jirreef dhukkubsattoonni qoricha yeroon irra darbe fudhachuuf dirqamaniiru jedhee ture.

ICRCn guyyoota itti aanan keessa xiyyaarota dabalataafi konkolaataawwan garasitti erguudhaafis haala mijeeffachaa jiraachuu hime.

Ta'us garuu waraanni akka haaraatti gama daangaa naannolee Tigray fi Affaaritti jalqabame gargaarsa daandii lafoon dhiyeessuu caalaa rakkisaa taasisuu mala jedhameera.

Deeggarsi ammaa kun naannoo Tigraay akka qaqqabu kan ta'e mootummaan giddu-galeessaa dhiyeessii barbaachisuu akka nyaataafi fayyaa xiyyaaraan akka geeffamuuf haala nan mijeessa jechuun waadaa galuu isaa hordofeeti.

ICRCn kanaan dura sababa hanqina dhiyeessii wantota bu'uuraa irraa kan ka'een doktoroonni Tigraay gilooviifi meeshaalee baqqasanii wallaanuutiif gargaaran dhabanii kan nama biraa ittiin wallaanan irra deebiyanii fayyadamuuf dirqamaniiru jedhe.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dhiyeenya akka jedhetti, bara darbe Caamsaa irraa kaasee meeshaalee fayyaa gara Tigraay erguuf osoo hin hayyamamiiniif tureera.

Adoolessa darberraa kaasee meeshaalee wal'aansa fayyaa naannoo Tigraay kan akkaan waraanaan miidhame biraan ga'uuf hayyama akka dhowwatame himee ture WHO ibsa torban lama dura baaseen.

Dhaabbatichi meeshaalee wal'aansa fayyaa naannochaan ga'uuf irra deddeebiin gaafatus, garuu akka didame hoogganaan dhaabbatichaa Doktar Teedroos Adihaanoom karaa tiwiitarii isaanii ibsaniiru.

Haata'u malee, naannolee Affaar fi Amaaraatti bakkeewwan waraanaan miidhamaniif meeshaalee fayyaa qaqqabsiisaa jiraachuu dhaabbatichi ibsee ture.