Dhaabbata Fayyaa Addunyaa: Boordiin WHO Dr Teedros Adihaanom dhaabbaticha lammata akka hoogganan kaadhime

Daarektara Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teedros Adihaanom

Madda suuraa, WHO

Boordiin Hojii Raawwachiiftuu Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) lammiin Itoophiyaa Dr Teedros Adihaanom marsaa lammataaf dhaabbaticha akka hoogganan kaadhime.

Dhaabbata UN dhimma fayyaa adda-durummaan hordofu kana hoogganuuf nami biraa kaadhimame hin jiru.

Bu'aan filannoos baatii Caamsaa keessa akka ifa ta'u ibsameera.

Dr Teedroos bara 2017 nama Afrikaarraa yeroo jalqabaaf dhaabbaticha hoogganuuf filatamuu isaaniin dura Ministira Dhimma Alaa, akkasumas Ministira Fayyaa Itoophiyaa ta'un tajaajilaniiru.

Waggaa shan dura yeroo dhaabbaticha hoogganuuf dorgommii taasisaa turan mootummaa Itoophiyaa akkasumas Gamtaa Afrikaarraa deeggarsa cimaa argatanii turani.

Haata'u malee, yeroo ammaa sababa warana Kaaba Itoophiyaa Tigraayitti eegaleen mootummaa Itoophiyaarraa mormiin isaan mudateera.

Mootummaan Itoophiyaa Dr Teedros aangoo isaanii fayyadamuun paartii isaanii duraanii TPLF'f tumsa taasisaniiru jechuun himate.

Boordiin Fayyaa Addunyaa Jeenevitti walgahii taa'uu dura mootummaan Itoophiyaa Dr Teedros TPLF waliin hidhata qabaachuun isaanii akka qoratamu gaafatee ture.

Haa ta'u malee, boordichi dhimma kana osoo hin ilaalin hafe.

Dr Teedroos marsaa lammaffaaf WHO hogganuuf dhimma kadhimamuu isaanii irratti mari'achuuf, marii boordii hojii raawwachiiftuu waamame irratti, gaaffiin Itoophiyaa gara duubaatti dhiibamuu isaa qindeessaan marii boordichaa Paartik Amoot himaniiru.

"Dhimmi kun baay'ee walxaxaa fi akeekaa siyaasaa waan qabuuf, adeemsa hojii koree kanaan aladha," jechuun Amoot dubbachuu isaanii Rooyitars gabaaseera.

Dubbii Himaan mootummaa Itoophiyaa Dr Laggasaa Tulluu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dhimmicharratta ejjennoo walabaa akka hin qabanne agarsiisa jechuun dubbachuun isaanii gabaafameera.

Akka gabaasa Rooytarsitti, dhaabbatichi Dr Teedros irratti qorannoo akka taasisu mootummaan Itoophiyaa irra deddebbiin ni gaafata jedhaniiru.

Ministeerri Haajaa Alaa Itooophiyaa yaa'ii boordii hoji raawwachiiftuu WHO irratti yaada mormii qabdu akka miseensa tokkootti ibsachuuf hiree dhorkamuu ishee fudhatama kan hin qabneedha jehcuun ibsa baaseen beeksiseera.

Mootummaan Itoophiyaa Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) odeeffannoowwan dogongoraa tamsaasuun, walabummaafi bilisummaa dhaabbatichaa gaaffii keessa galchan jechuuni akka qorataman kan gaafate.

Dr Teedros Adihaanom akkuma itti gaafatama fudhataniin weerarri Iboolaa jalqabe. Eegasii weerarri koronaavaayirasii addunyaa yaaddesseera.

Bu'aa bayii keessa ta'anii dhaabbaticha waggoota dabalataa shaniif hoogganuuf fedhii kan qaban Dr Teedroos, deeggarsa Itoophiyaa garuu hin arganne.

Kanaan ala hojjettoonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Rippablika Dimookiraatawaa Kongootti haleellaan saalaa raawwatan jedhame maqaa dhaabbatichaa rakkoo keessa galcheera.

Bara bulchiinsa Donaald Tiraamp Dr Teedros guddaa komatamaniis eegasii bulchiinsi Joo Baayidan dhaabbatichatti deebi'uun deeggarsa taasisuus akka itti fufu ibseera.

Ta'ullee, rakkoo biyya isaanii Itoophiyaa waliin seenanii hin dhaabbanne.