Teedroos Adhaanoom: WHO himata Itoophiyaan Dr Teedroos irratti dhiyeessite hin ilaaliin hafe

Madda suuraa, FABRICE COFFRINI
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) himata mootummaan Itoophiyaa, Direektarrii WHO haa qoratamu jechuun dhiyeesse hin ilaaliin hafe.
Dhaabbatichi kana kan beeksise Wiixata, Amajjii 24/2022 walga’ii Jeneevaatti taasifame irratti yoo ta’u, dhaabbatichi gaffii Itoophiyaan hogganaan WHO haa qoratamuu jechuun dhiyeessite, yeroo kanatti ilaaluu dhiisuuf murteessuu isaa qondaala dhaabbatichaa tokko waabeffachuun Rooyitars gabaaseera.
Dr Teedroos marsaa lammaffaaf WHO hogganuuf dhimma kadhimamuu isaanii irratti mari’achuuf, marii boordii hojii raawwachiiftuu waamame irratti, gaaffiin Itoophiyaa gara duubaatti dhiibamuu isaa qindeessaan marii boordichaa Paartik Amoot himaniiru.
“Dhimmi kun baay'ee walxaxaa fi akeekaa siyaasaa waan qabuuf, adeemsa hojii koree kanaan aladha,” jedhan Omoot.
"Kanaratti hundaa’uun gaffiin kun gara duubatti dhiibamuun isaa barbaarbaachisaa ta’ee argame, qaamni dhimmichi isa ilaalaattu deebii kennuu qaba yaada jedhun qaba,” jedhaniiru.
Miseensotni boordicha 34 hundi kan akka hin mormine Reuters kan gabaase ta’us, Jeneevaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Zannabaa Kabbadaa Qorichoo maricharratti Dr Teedroosiin qeequun haasaa taasisuuf yaalanis, si’a lama akka dhorkamanii fi dhumarrattis akka addan kutaman taasisifamuu isaanii gaabasichi ni eera.
“Dhimmicha irratti marii dabalataa taasisuun kan sirrii hin taanee akkasumas qajeelfamaa fi seera kan hin hordofnedha,” jechuun Omoot ibsaniiru.
Dubbii himaan mootummaa Itoophiyaa Laggasaa Tulluu, murteen kun Dhaabbati Fayyaa Adunyaa dhimmicha irratti akka qaama of danda’aa hin taane kan agarsiisudha jechuun dubbachuu isaanii Rooyitars gaabasa isaa irratti eerera.
Ta’us Dhaabbati Fayyaa Adunyaa Teedroos irratti qorannoo akka gaggeessuuf Itoophiyaan irra daddeebiin ni gaafatti jechuun dubbi himaan kun beeksisaniiru.
Itoophiyaan Dr Teedroos maaliin himatti?
Mootummaan Itoophiyaa hoogganaan WHO odeeffannoo dogoggora ta’aan tamsaasuun, ejjennoo walabaa fi of danda’aa ta’u dhaabbaticha gaaffii keessa galchaa waan jiraniif, qorannoon irratti akka banamuuf gaafatee ture.
Itoophiyaan Dr Teedroos yakka namuusaa, hojii fi seera cabsaniiru akkasumas itti gaafatamummaa isaanii ba’uu dhiisuun akka itti gaafatamaniif, boordii eegumsaa olaanaa dhabbatichaaf iyyata komii galchiteetti.
Dr Teedroos yeroo adda addaatti, mootummaan Itoophiyaa gargaarsi gara Tigraay akka hin seenneef akka dhorku kan dubbatan yoo ta’u, dhiyeenyas haala Tigraay keessaa jiru jaannama waliin wal fakkeessuun dubbataniiru.
“Hanqinni qorichaa Tigraay keesa jiru, namootni guyya guyyaan akka du’an taasisaa jira. Hanqinni nyaataan guyya guyyaan nama ajjeesa. Kana hundarra darbeemmo, guyyaa guyyatti haleellaan dirooniin taasifamuu fi lammileen sodaan gadi gugguufani akka jiraatan gochuun sirrii miti,” jechuun dubbataniiru.
Dr Teedroos Adhaanoom, hoogganaa WHO ta’anii filatamuu isaaniin dura ministeera haaja alaa fi ministeera fayyaa Itoophiyaa ta’uun waggootii dheeraaf tajaajilaa turuun isaani ni yaadatama
Waraanichaan wal qabatee naannoo Tigraayitti tajiijooltni bu’uuraa kan akka ibsaa, bishaan, bilbila, geejjibaa fi baankii ammas akka addaan citanitti jiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti waajjirri dhimma mirga namoomaa OCHA, Amajjii 21/2014 gabaasa baaseen, konkolaatonni mi’a gargaarsaa fe’en Amajjii irraa eegale gara Tigraay hin seenne.
Sagantaan Nyaata Addunyaa, naannichatti namoota miiliyoona shan gargaara barbaaan bira ga’uuf, torbanitti konkolaattonni mi’a gargaarsaa fe’an 100 tokko naannicha seenuu qabu jedhus, akka gabasaa OCHA’tti naannicha kan seenuu danda’e garuu %12 qofadha.
Dhuma Onkololeessa bara darbee keessaa naannoo Tigraayitti eegalee gara naannoo Amaraa fi Affaaritti waraanaa ce’een, namootni kumaan lakka’aman du’anii, lammileen miiliyoonaan lakka’aman qe’ee isaanii irra buqqa’uun, gargaarsa namooma guddaa akka eeggatan isaaan taasiseera.
Waraanni ji’oota 14 ol lakkoofsise kun akka dhaabbatuuf Ameerikaa dabalatee Gamtaan Afrikaa akkasumas bakka bu’aan Waldaa Gaanfa Afrikaa fi pireezdaantii duraanii Naayjeriyaa kan ta’an Oluseegoon Obosaanjoo akkasumas biyyootiin biroon yaali taasisanis bu’aa hin arganne.














