Deeggarsi Tigiraayi akka hin qaqqabne TPLF gufachiisaa jiraachuu mootummaan hime

Madda suuraa, Reuters
Mootummaan Itoophiyaa deeggarsi naannoo Tigiraayi akka hin qaqqabne akka hin daangessine himuun, deeggarsi namoomaa hawaasa bira akka hin geenye TPLF gufuu ta’eera jechuun himate.
Gama biraan waraanni naannicha keessatti itti fufuu irraa kan ka'e erga walakeessa ji'a Muddee eegalee konkolaataan WFP deeggarsa namoomaa fe'e tokkollee akka naannicha hin galle Sagantaan Nyaata Adunyaa himeera.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa akka jedhutti, mootummaan Federaalaa dhukaasa dhaabu labsuun waraana naannoo Tiigraayi keessaa erga baase booda deeggarsi namoomaa hawaaasa bira daangaa tokko malee kallattiin Affaar karaa Abihaalaa akka qaqqabu taasisu ibse.
Haaluma kanaan A.L.I walakkeessa Adoolessaa bara 2013 irraa kaase konkolaattonni fe’iisaa 10,000 ol ta’an qaamolee deeggarsa kennan waliin mootummaan deeggarsa naannicha qaqqabsiisera jedhan.
Haata’u malee‘’gartuun TPLF konkolaatota 1010 deeggarsa fe’anii naannicha seenan achitti hambisuun wayita naaannolee Affaari fi Amaaraa weeraran loltoota ittiin geejjibaa turani,’’jechuun mootummaan himate.
Kana malees, gartuun TPLF Kombolchaa fi iddoowwaan kaanitti ‘’man-kuusaa mootummaafi dhuunfaa argaman saamuun booda ulaa gargaarsi naannicha seenu karaa Abihaalaarratti haleellaa banuun ji’a Muddee irraa kaasee dhiyeessi gargaarsaa gufachiisera jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa kan himate.
Konkolaatoonni gargaarsaa 1,000 ol, ta’an deeggarsa naannicha geessan otoo hin deebi’iin hafanillee, mootummaan konkolaattootni biroo gargaarsa naannicha akka geessan eeyyamuu eeruun dhiyeessi gargaarsarratti TPLF gufuu ta’uu himate.
Haala kanaan konkolaattoonni fe’iisaa Sagantaa Nyaata Addunyaa(WFP) lakkoofsaan 118 deeggarsa akka fe’an gochuun mootummaa nageenya isaanii wabii ta’u hime.
TPLF gama isaatiin deeggarsi namoomaa Tigiraay akka hin seenne uggura karaa hundaan mootummaan kaa’e kaasuuf jecha waraana naannolee oollaatti babal’isuu himee ture.
Yeroo ammaattis taanaan uggurri kun akka itti fufe eeruudhaan hawaasni addunyaa dhimmi gidduu akka seenu TPLF gaafachaa jira.
Sagantaan Nyaata Adunyaa [WFP] maal jedhe?
Waraanni naannicha keessatti itti fufuu irraa kan ka'e erga walakeessa ji'a Muddee eegalee konkolaataan WFP deeggarsa namoomaa fe'e tokkollee akka naannicha hin galle Sagantaan Nyaata Adunyaa himeera.
Nyaata madaalamaa ijoollee fi dubartoota hanqina nyaata madaalawaaf saaxilamaniif qophaa'an akka hin geenye himuun midhaan fi zayita nyaataa torban dhufu keessa akka rabsu ibseera.
Baha Afrikaatti Daariktera Sagantaa Nyaata Adunyaa kan tahan Mikaa'el Duunfoordi, ''qaamoleen waraanicha keessatti hirmaatan hundi dhiyeessii deeggarsa namoomaaf hula hundaa banaa akka taasisaniif gaafanna,'' jedhan.
''Deeggarsi namoomaa saffisaa fi hamma barbaadameen dhaqqabaa hin jiru. Hanqinni nyaataa fi boba'aa amma mul'ataa jiru uummata deeggarsa barbaadu keessaa %20 qofa akka dhaqqabaa jirru agarsiisa.''
Mootummaan Federaalaa bara darbe ji’a Waxabajjii gara xumuraatti addatti dhukaasa dhaabu labsuun waraana naannoo Tigiraayi keessaa baasuu horodofee, humnoonni Tigirayi naannoolee ollaatti haleellaa banuu isaaniitiin waraanni hammaate dhiyeessii gargaarsaa gufachiise.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii, dhaabbileen gargaarsaafi mootummoonni biyyoota biroo Tigraayitti namoota rakkina keessa jiran deeeggarsi namoomaa gufuu tokkko malee akka qaqqabsiisu mootummaan Itoophiyaa irra deddeebiin gaafataa turan.
Dhimma kanaan walqabatee Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dawaafi meeshalee tajaajila fayyaaf oolan gara Tigiraayitti erguuf irra deddeebiin mootummaa Itoophiyaa gaafatulle akka hin milkoofneef beeksisera.
Daarektarri Dhaabbatichaa Teedroos Adahaanom(PHD)uummanni milyoona 7 ta’u waggaa tokkoof haala rakkisaa ta’e keessa jira jedhanii dubbachuun isaanii gabaafameera.
Taatullee ‘’mootummaan deeggarsi naannicha akka hin qaqqabne ugguraa jira’’ jechuun himannaa TPLF dhiyeessu simachuun Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa kan ibsu mootummaan Itoophiyaa ‘’fudhatama hin qabu’’ jedheerqa.
Mootummaan Itoophiyaa deebii himaanna Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf wayita kennu’’TPLF naannoolee Amaaraafi Affaar wayita weeraruun hospitaalota fi dhaabbilee fayyaa saamuu fi maancaasu, akkasuma namoota nagaa gudeeduuf ajjjesuu gocha TPLF dhaabbatichi hin balaaleeffanne’’ jechuun qeeqe.
Kanatti dabaluun mootummaan Itooophiyaa deeggarsi hawaasa Tigraayi bira akka qaqqabu hojjachaa jiraachuu eeruun, hawaasni addunyaafi qaamoleen biroo gocha TPLF deeggarsa namoomaa gufachiisuuf raawwatu akka balaaleeffatan gaafateera.
Erga waraanni Kaaba Itoophiyaa jalqabeen as uummatni miliyoona 9.4 tahu deeggarsa namoomaa barbaadu jedhe WFPn.
Kun ammoo ji'oota afur keessatti namootni deeggarsa barbaadan miliyoona 2.7n dabaluu isaanii agarsiisa jedhe.
WFPn naannoo Tigiraay keessatti uummata miliyoona 2.1 tahaniif deeggarsa dhiyeessuuf akka karoorse himeera. Naannoo Amaaraa keessaa namoota 650,000, naannoo Affaar keessaa namoota 534,000 tahaniif deeggarsa dhiyeessuuf karoora akka qabu ibseera dhaabbatichi.














