DR Kongootti hojjettoonni WHO 21 haleellaa saalaa dubartootaan himataman

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo weerara dhukkuba Iboolaa Demokraatik Rippablik of Koongootti, hojjettoota deeggarsaa 83 dubartootarra haleellaa saalaa qaqqabsiisan keessaa, hojjettoonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessatti argamuun himame.
Haleellaa kana keessaa sagal gudeeddii yoo tahu kunis hojjettoota biyyaalessaa fi idil-addunyaan bara 2018-2020’tti raawwate.
Dhimmi kuni kan ifatti bahe erga dubartoonni 50 ol haleellaan saalaa irra gahuu gabaasaniin boodadha.
Hogganaan olaanaa WHO Dr Teedros Adhaanoom Gabirayasuus kuni ’waan dhiifamaan darbamu miti’ jedhan.
Gabaasni fuula 35 qabu kun qorannoo komishiniin walabaa taasiseen booda bahe.
Komishinichi dubartoota danuu erga dubbiseen booda, hojii argachuuf saal-qunnamtii geeddaraa akka gaafataman himaniiru jedhe. Kanneen haleellaa qaqqabsiisan jedhaman 83 keessaa 21 hojjettoota Dhaabbata Fayyaa Addunyaa-WHO turan.
Akka gabaasa kanaatti dubartoonni naannoo dhugaatiidhaan dirqisiifamanii hospitaalatti gudeedamaniiru, kanneen keessaa lama ulfaa’aniiru.
WHO’n kanneen himataman keessaa afur akka ari’uufi tarkaanfii dabalataa akka fudhatu himeera.
Dr Tedros ibsa Kibxata kennaniin gabaasni dubbisan akka isaan yaaddesse himuun, warreen kanaan miidhaman kallattiin dhiifama gaafataniiru.
''Hojjettoota WHO isin tajaajiluufi eeguudhaaf qacaramaniin miidhaa isinirra gaheef dhiifama,’’ jedhan.
‘’Warreen kana raawwatan dhiifamni akka hin godhamneefi akka gaafataman gochuun jiruu koo isa dursi kennamuufi dha,’’ jedhaniiru.
Kanaanis miidhamtoota deeggaruufi eeguudhaaf itti gaafatamumma akka fudhatan himuun caasaafi aadaa waajira WHO haaromsuuf kakataniiru.
Hoggantuun WHO Afrikaa Matshidiso Moeti ‘’gochaan hojjettoota keenyaan warreen miidhamtan dhiifama,’’ jetteetti.
Bu’aa qorannoo argameen ‘naheera, lapheen koos cabeera’ jette.
Komishinichi biyyoota gidduugala Afrikaatti dhaabbatichi ‘’caasaa badaafi haleellaa akkasii hordofuudhaaf qophii tahe hin qabu,’’ jedhe.
Kanaaf immoo sababiin inni tokko xiyyeeffannoon inni guddaa weerara Iboolaa balleessuurratti waan tureefi jedhe.
DR Koongootti namoonni 2,000 ol tahan weerara Iboolaatiin lubbuun isaanii darbeera.
WHO’n weerara kana dhaabsisuuf hoggansa biyyaalessaa kennaa kan ture yoo tahu, weerarichi akka hin jirres bara darbe baatii Waxabajjii keessa labseera.














