Waraana Kaaba Itoophiyaa: Hanqinni wal'aansa fayyaa Tigraay, Amaaraafi Affaar na yaaddesse- Koree Fannoo Diimaa

Ambulaansii

Madda suuraa, ICRC

Naannolee Amaaraa, Tigraay fi Affaar keessatti namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman yaala fayyaa lubbuun turuuf isaan barbaachisu dhabuun daran isa yaaddessuu Koreen Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa beeksise.

Tigraay keessatti sababa qorichi hin jirreef dhukkubsattoonni qoricha yeroon irra darbe fudhachuuf dirqamaniiru jedhe.

''Dhaabbileen fayyaa sababa waraanaan manca'aniiru, dhiyeessiin meeshaalee fayyaa fi qorichootaas sababoota waraana adeemaa jiru, rakkoo nageenyaa fi ulaan cufaa ta'uun hanqinni guddaan jira,'' jedhe Koreen Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa.

Naannoo Amaaraa keessatti sababa dhiyeessiin qorichaa hin jirreef hospitaalonni tokko tokko cufamuu fi namoonni dhukkuboota lubbuuf yaaddessaa qaban guyya guyyaa du'aa jiraachuu himeera koreen kun.

Dhaabbileen fayyaa tajaajila waan hin kennineef, hedduun isaanii bishaanii fi ibsaa waan hin qabneef haadholiin manatti dahuuf dirqamaa jiru jedhe.

Korichi ibsa Kibxata kaleessaa baaseen, ''Tigraay keessatti hakimoonni meeshaalee wal'aansa fayyaa akka giloovii fi meeshaalee baqaqsanii hodhuu silaa yeroo tokko qofaaf tajaajilan, bishaaniin dhiqanii nama biraaf itti fayyadamaa jiru,'' jedhe.

Wanti madaa ittiin dhiqan waan hin jirreef bakka tokko tokkotti hakimoonni madaa dhiquuf ashaboo fayyadamaa jiru, bakka kaanitti ammoo qorichoonni yeroon irra darbe sababa hanqinni jiruuf dhukkubsattootaaf kennamaa jiraachuu hime.

Rakkoon kun lubbuu namoota kuma dhibbaan lakkaa'amanii balaaf saaxilee jira jedheera ibsichi.

Qaamoleen waraana Kaaba Itoophiyaa keessaa qooda qaban marti gargaarsi namoomaa barbaachisaan osoo hin barfatiin kanneen rakkoo keessa jiran akka dhaqqabu haala mijeessuu akka qabanis gaafateera Koreen Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa.

Iddoowwan namonni sababa waraanaan miidhaman jiranitti gargaarsa yaala fayyaa fi kan namoomaa itti fufee akka jiru kan hime koreen kun haleellaa qilleensaan namoonni miidhamuu dabalatee lolli itti fufuun akkaan yaadda'uu isaa ibseera.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa gamasaan, naannoo Tigraay bakkeewwan akkaan miidhamanii, uummanni gargaarsa fayyaa barbaaduuf meeshaalee wal'aansaa dhiyeessuu akka dhorkame tibbana ibseera.

Hoogganaan dhaabbatichaa Dr Teedroos Adihaanoom, meeshaalee wal'aansa fayyaa dhiyeessuuf deddeebi'anii mootummaa Itoophiyaa gaafatanis eeyyama akka dhorkaman ibsanii turan.

Mootummaan Itoophiyaa garuu himannaan qondaala fayyaa addunyaa kana kuffisuun, inumaa deebisee isaan himateera.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa xalayaa Boordii Hoji-raawwachiistuu Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf barreesseen, Dr Teedroos ''safuu, seeraafi naamusa ogummaa cabsaniiru,'' jechuun akka gaafatamaniif iyyatateera.

Itoophiyaan Dr Teedroosiin qaama fayyaa addunyaa isa olaanaaf kaadhimamaa taasiftus, ''isaan garuu amanamummaa akkasumas waan ogummmaan isaanirraa eegu hin raawwanne,'' jechuun kaadhimummaasaanii keessaa biyyattiin akka harka baafattu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.

Meeshaalee wal'aansa fayyaa naannoo Tigraayiin ga'uu mootummaan akka isaan dide irra deddeebiin tiwiitarii isaaniirratti kan ibsan Dr Teedroos, ''Rakkoon Tigraay keessa jiru 'Jaannama', addunyaarra eessattuu kan hin agarre, rakkoon achi jiru hammaataadha" jedhan.

''Mootummaan waggaa tokkoo oliif uummata isaa nyaataa fi qoricha dhorke ... kun dhaabbachuu qabas," jedhan.

Waraana Kaaba Itoophiyaa ji'oota 14 dura eegaleen kumaatamaan kan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru, miiliyoonni hedduun qe'eerraa buqqa'aniiru, hedduun rakkoo hamaaf saaxilamanii harka addunyaa eeggatu.

Waraanni Tigraayitti eegalee, booda gara naannolee Amaaraa fi Affaar babal'ate, Sadaasa darberraa eegalee waan qabbanaa'e fakkaatus, daangaa naannolee kunneen sadaniirratti ammallee dhukaasi itti fufuun lammiileen dararamaa jiraachuutu himama.

Mootummaan federaalaa bakkeewwan TPLF qabatee ture erga walaboomsee booda gara naannoo Tigraay akka hin imalle ibsee, loltoonni bakkuma jiran akka turan ajajeera.

Gabaasi waa'ee haleellaa qilleensaa naannoo Tigraay garuu adda citee hin beeku.