Erga baatii Muddeetii as yeroo jalqabaatiif deeggarsi namoomaa Maqalee qaqqabe

Konkoolaataa deeggarsa namoomaa fe'an

Madda suuraa, WFP

Konkolaataawwan deeggarsa nyaataafi dhiyyeessiiwwan biraa fe'an 13 Elba 1, 2022 nagaan magaalaa guddoo naannoo Tigraay galuusaanii Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksise.

Deeggarsi karaa lafootiin gara naannoo waraanaan baatiiwwan 17f miidhamte Tigraayiitti ergame kunis erga Muddee darbeetii kan jalqabaati jedhameera.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) akka jedhetti, konkolaataawwan deeggarsaafi boba'aa fe'an dabalataa Sambata ganama gara naannichaa ni imalu.

Deeggarsi amma gara naannichaatti ergame kunis erga waliigalteen namoomaaf jecha waraana dhaabuu mootummaa federaalaafi humnootii Tigraay jidduutti taasifamee torbaniin boodadha.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasifamulleen daandiin Affaar irraa gara Tigraay geessu torban kana keessa cufaa ture. Kanaafis qaamoleen wal waraanan lamaanu wal himataa turan.

''Jijjirama gaariitu jira, garuu ammoo caalaattu hojjachuu barbaachisa. Fedhii nyaataa namoota miiliyoona shanii guutuuf guyyaa guyyaan konkolaataawwan deeggarsa fe'an nagaan akka gara sana imalan barbaadna,'' jedhe dhaabbanni WFP barreeffama toora tiwiitara isaarratti baaseen.

"Haalli kun akka itti fufu gochuu qabna. Akka dhiyeessiin daandiiwwan karaa Affaariin nagaadhaan geeffamuun itti fufu gochuuf aanga'oota hunda irraa deeggarsi akka itti fufu barbaadna,'' jedhe.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan gama isaaniitiin deeggarsi namoomaa dhiheenya keessa naannoolee Tigraayiifi Affaariif geeffamuu simanneerra jedhan.

Itti dabalunis Bilinkan ''qaamoleen hundumtuu tarkaanfii gaarii kanarratti dabaluudhaan Itoophiyaan gara nagaa, tasgabbii fi badhaadhinaatti akka imaltuuf akka mirkanneessan gaafannas'' jedhan.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

Konkoolaataawwan 13 deeggarsa namoomaa fe'an gara naannichaa seenuu hordofees qondaalli Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) kan baatiiwwan 17 darbaniif mootummaa waliin wal waraanaa turanii, Geetaachoo Raddaa ''tarkaanfii gaariidha'' garuu ammoo ''deeggarsi namoomaa kun akka adda hincinneef sirni diriirfamuu barbaachisaadha,'' jedhee ture.

Haata'u malee barreeffama Obbo Geetaachoon tiwiitara irratti barreessani jalatti, guyyaatti deeggarsi konkolaataa 100 barbaachisuuf konkolaataan 13 baatii Muddeetiin booda ergamun akka waan guddaatti ilaalamuu hin qabu jechuun namoonni hedduun barreessaa turan.

Mootummaan Itoophiyaa gamasaatiin deeggarsi nagaan akka geeffamu taasisuuf qophii ta'uu himeera.

Waraanni naannoo Tigraayitti Sadaasa 4, 2020 eegalame miiliyoonota bakka jireenyaatiit buqqaasuun, badiinsa lubbuu kumaatamaatiif sababa ta'eera.

Kana malees naannoo Tigraay keessatti qofaa harki 90 ummata naannichaa deeggarsa nyaataa akka barbaadu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksiseera.