'Mariin biyyaalessaa hunda hammataan akka milkaa'uuf adeemsi isaa fudhatama qabaachuu qaba'- MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Jemal Countess
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad mariin biyyaalessaa hunda hammataan akka milkaa'uuf adeemsi isaa haala fudhatama qabuun gaggeeffamuu qaba jedhan.
MM Abiy barreeffama Jimaata ganama karaa miidiyaa hawaasaa isaanitiin qoodaniin, ''Adeemsichi fudhatama kan argatu ammoo yoo hundi keenya komishinii marii, kan adeemsicha olaantummaan hogganu, karaa adda addaatiin deeggarreefi onnachiifne qofaadha,'' jedhan.
Itti dabaluunis dhimma kana kallattii faallaan dhaabbatanii ilaaluun ammoo gochaa seenaadhaan nama gaafachiisuudha jedhan.
''Qaamni hundumtuu miira abbummaatiin adeemsa marichaatiif kan gaheesaa gumaachuun hirmaannaa isaa haa mirkanneessu malee kaan affeeraa kan biraa ammoo affeeramaa gochuun ilaaluun ittigaafatamummaa seenaa jalaa bilisa nama hin taasisu.''
Dhaabbilee siyaasaa mormiituu akka maricha irratti hirmaataniif qofaa osoo hin taane ''akka abbaa adeemsichaatti milkaa'ina adeemsichaatiif waan barbaachisu hunda akka taasisaniif kabajaanan gaafadha,'' jedhan.
Haata'u malee dhaabbileen siyaasaa jajjaboon kan akka Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen, Kongireesii Federaalawa Oromoo fi kaan sababiiwwan adda addaa eeruun marii biyyaalesaa Itoophiyaan adeemsisuuf jirtu irratti akka hin hirmaanne himuunsaanii ni yaadatama.
Dura Taa'aan KFO Pirofeesar Mararaa Guddinaa turtii tibbana BBC waliin taasisaniin, sababii mariin biyyaalessaa kun qaama walaba taheen hin gaggeeffamneef akka hin hirmaannee himan.
Mariin biyyaalessaa akkanaa, "qaama walaba taheen geggeeffama malee mootummaan ykn paartiin biyya bulchu ofiin garee uummatee tahuu hin qabu, gareen hunduu irratti waliigaluu qaba," jechuun ture Pirofeesar Mararaan sababii hin hirmaanneef kan BBCtti himan.
Mootummaan komishinii marii biyyaalessaa kun waldhibdee hayyuuwwan siyaasaa biyyattii jidduu jiru furuun, sirna dimokiraasii ijaaruuf ni gargaara jedhee amana. Baatiiwwan muraasaan dura paarlaamaan komishinaroota 11 muuduun ni yaadatama.
MM Abiy barreeffama isaanii kanaan, mootummaan komishiniin marii hanga caasaa bulchiinsa dakaatti ijaarame akka si'ominaan hojjatuuf deeggarsa barbaachisaa akka taasisu himan.
''Bulchiinsoti naannolees qajeelummaa, abbummaafi haala ittigaafatamummaa seenaatiin wantoota komishinichaaf barbaachisan dhiyeessuun haala mijataa uumuu qabu,'' jedhan.
Akkasumas hayyoonni, jaarsooliin biyyaafi abbootiin amantaa yeroo ammaa biyyi waliigaltee itti barbaaddu kanatti gaheesaanii akka bahaniif waamicha taasisaniiru.
















