Marii biyyaalessaaf 'tarkaanfiiwwan wal-amantaa uuman' fudhatamaa hin jiran - WBO

Loltoota WBO Zoonii Kibbaa

Madda suuraa, Getty Images

Waraanni Bilisummaa Oromoo(ABO-WBO) mariin biyyaalessaa Itoophiyaa keessaatti gaggeefamuuf jedhu haala amma jiruun tarkaanfilee wal-amantaa uumaniin waan hin utubamneef bu'aa barbaadamu fiduu caalatti waraana jiru hammeessa jedhe.

Rakkoolee siyaasaa biyyatti mudatan furuuf mariin biyyaalessaa akka gaggeefamu mootummaan murtaahee komishiniin 'walaba ta'ee' fi of danda'e adeemsa hundeeffamuutti jira.

Paarlaamaan Itoophiyaa labsii hundeeffama komishinii kanaa dhiyaateef raggaasee komishanaroota eeruu uummataan muuduuf yaada uummataa sassaabaas ture.

WBO kan mootummaan ABO-Shanee ittiin jedhuu fi paarlaamaan biyyattii TPLF waliin dhaaba shororkeessoo jedhee labse, ibsa haaraa baaseen haala amma jiruun mariin kun tarkaanfilee wal-amantaa uumaniin waan hin utubamneef bu'aa barbaadamu fiduu caalatti waraana jiru hammeessa jedhera.

Oromiyaa keessatti hidhannoon humnoota mootummaa lolaa kan jiru qaamni kun, mootummaan tarkaanfilee humnoota siyaasaa gidduu amantaa uuman fudhachuu qaba ittiin jedhe jaha tarreesseera.

Guutuu biyyattii keessatti waliigaltee irratti hundaa'ee dhukaasni dhaabachuu, dhiibbaa Eertiraa iggituu fi humnoota ishee Itoophiyaa keessaa baasuu, hidhamtoota siyaasaa guutuu biyyaa keessa jiran hiikuu, bakka hundatti ulaa gargaarsaa banuu, labsii WBO fi TPLF shororkeessitoota jedhee labse kaasuu kan jedhan keessatti argamu.

Ibsa kana keessatti qabxiileen kun WBO marii biyyaalessaa keessatti hirmaachuuf haalduree kaahe ta'uufi dhiisuun isaa hin ibsamne.

Mootummaan Itoophiyaa haleellaa dirooniin dabalatee kutaalee Oromiyaa gara garaa keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf hojjetaa jira jedha ibsi kun.

Gama tokkoon waraana hammeessaa, gama kaaniin ammoo waa'ee marii biyyaalessaa fi nagaa haasa'aa jira jechuunis mootummaa qeeqa.

Mootummaan Itoophiyaa kan mariin biyyaalessaa kun akka milkaahu haala mijeessu malee qaama raawwatu akka hin taane himu, marii kana keessatti humnoonni waraanaan isa lolaa jiran ni hirmaatu moo hin hirmaatan kan jedhu irratti ejjennoon akka mootummaatti qabate maal akka ta'e ifatti hin himamne.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad marii hawaasa diyaaspooraa waliin masaraa mootummaatti godhanii turan irratti marii biyyaalessaa irratti TPLF waliin mariin godhamuu akka malu dubbachuu isaanii APn gabaasee ture.

MM Abiy marii kanarratti yoo dubbatan qaamoleen adda addaa haalduree kaahaa jiraachuu himanii, 'haaldureen jiraannaan mariin hin barbaachisu' jedhanii turan.

Haata'u malee dubbi himaan Ministeera Haajaa Alaa ambaasaaddar Diinaa Muuftii ibsa Kamisa darbe miidiyaaleef kennannin mootummaan "dhaabbilee shororkeessitoota waliin ni mari'ata jedhamee wanti ibsame hin jiru" jedhan.

WBO fi TPLF ji'oota dura wayita humnoonni TPLF gidduugala biyyaattiitti dhiyaachaa dhufanitti waliin mootummaa MM Abiy kuffisuuf waliigaluu ibsanii turan.

Dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eel(PhD) guyyoota dura BBC waliin gaaffii fi deebii yoo taasisan mootummaa waliin marii al-kallattii ta'e gaggeessaa akka jiran himaniiru.

Haat'au malee gama WBO mootuummaan naannoo Oromiyaa irra deddeebiin hidhattootni karaa nagaa akka harka kennatan waamicha gochuun alatti yaadni marii jiraachuun hin beekamu.

WBO ibsa isaa kana keessatti kaayyoon mootummaa Itoophiyaa marii biyyaalessaan qabatee tokkumma akeessoo isaa cimsuufi biyyoota lixaarraa deeggarsa argachuudha jedheera.

Mariin biyyaalessaa kun tarkaanfiiwwan amantaa uuman irratti bu'uureffamee yoo hin gaggeefamiin bu'aan isaa ''waraana waliinii hammeessuu malee xumura itti gochuu hin ta'uu'' jedheera.