Mararaa Guddinaa: KFOn maaliif marii biyyaalessaa irratti hin hirmaatu?

Madda suuraa, Ubuntu
Dhaabni Kongireesii Federaalawaa Oromoo marii biyyaalessaa Itoophiyaan adeemsistu irratti akka hin hirmaanne dura taa’aan dhaabichaa Piroofeesar Mararaa Guddinaa BBCtti himan.
Piroofesarichi hirmaachuu dhiisuu isaaniif sababa kan jedhan immoo mariin biyyaalessaa akkanaa, "qaama walaba taheen geggeefama malee mootummaan ykn paartiin biyya bulchu ofiin garee uummatee tahuu hin qabu, gareen hunduu irratti waliigaluu qaba," jedhan.
Mootummaan mariin biyyaalessaa kuni koomishinii paarlaamaadhaan hundaa’eefi dhiibbaarraa walaba taheen akka geggeefamaa jiru hima.
Paarlaamaa Itoophiyaatti gaafatamaa mootummaa kan ta'an Obbo Tasfaayee Baljigee 'dhibdee hayyuuwwan siyaasaa biyyattii gidduu jiru furuun, sirna Dimookraasii ijaaruuf mariin akka godhamu Komishinii kana ijaaruun akka barbaachise' himanii turan.
Gama biraan mariin biyyaalessaa kuni warra qabsoo hidhannoo irra jiran dabalatee hunda hirmaachisuu akka qabu kaasan pirofeesar Mararaan.
"Warra hidhatee bosona jiruufi warra Kaabaa lolu fa’i dabalachuu," qaba jedhan BBCtti yoo dubbatan.
Mariin biyyaalessaa kuni marii mootummaa fi gareelee mormituu gidduutti taasifamu qofa tahuu hin qabu jedhan.
"Marii qofa osoo hin taane mootummaa fi gareeleen mormituu rakkoo biyya kanaa hiikuudhaaf tokko lamaan, kanan fudhadha, kanan kenna jechuun kan irratti dubbatani ta'uu qaba," jedhan.
Aangoo dabalatee dhimmoota kaan irrattis dubbatamuu akka qabu himan.
MM Abiy Ahimad mariin biyyaalessaa aangoo qooddachuu akka hin dabalannee fi waggoota shan itti aananiif biyya kan bulchu paartii isaanii ta'uu dubbatanii turan.
Piroofesar Mararaan filannoon biyya kanaa ‘bilisaan’ gatii hin geggeeffamneef irra haa deebi’amuu, dirreen siyaasaa haa bal’atuu gaaffiiwwan jedhan ammallee akka dhaabaatti qabatanii akka jiran himan.
Kana malees, "mootummaan waloo waggaa shan booda osoo hin taane amma akka dhaabbatu barbaanna," jechuun fedhii dhaaba isaanii KFO ibsaniiru.
Mariin biyyaaleessaa qaamota kan walirraa fagoo fi wal-didaa turan walitti fidee biyyi kuni akkamiin nagaa argattii, demookiraasiifi guddinatti deemti kan jedhu marii’achuu qaba jedhan.
Qaamoti siyaasaa biyyattii yoo aangoo qooddatan rakkoon biyyattii ni furamaa? jechun gaaffii isaaniif dhiyaateef, "nagaa, sirna diimookiraasii ijaaruufi guddinna biyyaafis qaamoti kunneen waliigalteedhaan raawwachuu qabu," jechuun ibsu.
Seenaa biyya kanaa keessatti filannoon haqaafi dhugaa uummataa fi sabni, ’’ebelu bakka na haa bu’u’’ jedhee raawwate hin turre jedhan.
Rakkoon siyaasaa biyya kanaa "filannaa haqaa geggeessuu dhabuurraan" akka maddus dubbatu.
‘’Warreen silaa filannoo mo’achuu danda’an, isa kaan mana hidhaatti, isa kaan qe’eetti, kaan immoo bosonatti galchanii sabni nu filate inni jedhan tapha hin taanedha, rakkoon biyya kanaas achirraa burqa,’’ jechuun BBCtti himaniiru.
Mootummaan komiishinii marii biyyaalessaa ijaaree komiishinaroota 11 kan muude yoo ta'u, komiishinichi dhiyeenya waltajjii wal-barannoo qopheessee ture.
















