Dura taa'aan ABO Obbo Daawud Ibsaa hidhaa mana keessaa bahuun alatti mul'atan

Madda suuraa, Getty Images
Hayyu-dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa erga waggaa tokkoo oliif mana isaanii keessatti hidhamanii booda, akka bahanii socho'an hayyamamuufi qondaalli olaanaan ABO mirkaneessan.
Obbo Daawud Bitootessa 10 gara waajjira Boordii Filannoo dhaquun waa'ee dhaabichaa fi hogganoota hidhamanii jiranii marii bal'aa taasisaniiru jechuun Dr Shiggux Galataa BBC'tti himan.
"Dhibbaa dhibbatti gadhiifamaniiru jechuun yoo nutti ulfaatellee jijjiiramni jira, jijjiirama kana akka gaariitti ilaalla," jedhan Dr Shiggux.
Tarkaanfiin kun gara hogganoota ABO mana hidhaa keessatti yaala dhabanii lubbuun isaanii gaaffii keessa jiruutti ceha jennee abdanna jedhan.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa guyyootaan dura, dura taa'aan paartichaa Obboo Daawud Ibsaa, turtii ganna tokkoof siqutti manaa akka hin baane dhorkamuun, hidhaa mana keessaan jala akka jiran qulqulleeffachuu ibsee ture.
Gochaan kunis seeraan ala waan taheef, uggurri sochii qondaala siyaasaa kanarratti kaa'ame saffisaan akka kahu jechuun, Komishinii Poolisii Federaalaafi Tika Biyyoolessaaf xalayaa barreessuun ni yaadatama.
Mootummaanis ta'e Poolisiin mana keessaa akka hin sochoone qunnamtii kamuus akka hin qabaanne godhamuu obbo Daawud ibsaarratti hanga ammaa homaa hin dubbanne.
Obbo Daawud Ibsaa Ebla 2, 2021 irraa eegalanii akka manaa gadi hin baane qaamolee nageenyaa mootummaan ugguramanii jiraachuu Boordiin filannoo ragaa argachuu ibseera.
Namni siyaasaa kun ''seeraan ala manatti hidhamanii hagana turuunsaanii herrega kamiinuu fudhatama waan hin qabneef hatattamaan dhaabbachuu qaba'' jedhe boordichi.
Qaamoleen nageenyaa qe'ee hayyu duree buufatanii jiran kaafamuun mirgi bilisaan socho'uu isaanii akka eegamuuf gaafateera boordiin kun.
Aabba Daawudiin alatti angawoonni olaanoo dhaabichaa biroonis hidhaa keessa jiru.
Anga'oonni Adda Bilisummaa Oromoo-ABO Obbo Miikaa'el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Daawit Abdataa, Lammii Beenyaa, Gadaa Gabbisaafi kaan ammallee hidhaa keessatti argamu.Dubbii Himaan duraanii dhaabichaa Obboo Battee Urgeessaa guyyootaan dura hidhaarraa gadi lakkifamanis, rakkoo fayyaa mana hidhaatti isaan mudateen hospitaala ciisanii yaalamaa jiru.
Obbo Batteen keessumaa suuraan isaanii hospitaala erga seenanii gidduu kana miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoqqoodamaa ture akkaan hubamanii mul'isa.
Abukaatonni namoota siyaasaa kanneenii, manni murtii hidhamtoota kana bilisaan akka bahan murteessus, poolisiin isaan gadhiisuuf fedhii hinqabu jechuun amma dura BBCtti himaniiru.
Waa'ee himannaa hooggantoota ABO
Obbo Battee Urgeessaa namoota hidhaman gaafachuuf gara magaala Buraayyuu deemanii ALI gaafa 11/07/2013 konkolaachisaa isaanii waliin to'ataman.
Obbo Batteen kanaan dura akka mana hidhaatii ba'aniif manni murtii mirga wabii eeguufis poolisiin gadhiisuu didee ture.
Garee abukaatoo hooggantoota ABO kanneeniis keessa kan jiran Obbo Tuulii Baayyisaa akka jedhaniitti dubbii himaa dhaabichaa Battee Urgeessaa fi hoggansa paartichaa kan ta'an Gadaa Gabbisaa irratti sirumaa himanni baname hin jiru, qorannoon yakkaa irratti gaggeeffamaa tures adda citeera jechuun himanii turan.
Kol. Gammachuu Ayyaanaa fi miseensa koree hoji-raawwachiiftuu ABO kan ta'an Obbo Abdii Raggaasaa, mana murtii Olaanaa Federaalaatti wayita dhiyaataniitti manni murtichaa bilisaan isaan gaggeessullee, abbaan alangaa mana murtii waliigalaatti ol iyyannoo dhiyyeessuun akka gadi hin dhiifamne taasiseera jedhan.
Obbo Tuuliin akka jedhanitti, abbaan alangaa miseensa koree hojii raawwachiiftuu ABO kan ta'an Obbo Mikaa'eel Booran fi Kennasaa Ayyaanaa irratti himannaan dhiyeessuu hinqabu jechuun galmeesaanii erga cufee waggaan darbullee, garuu namoonni lamaanuu ammalleen hidhaa jiraachuu kaasu.
Hooggantoonni paartichaa Mikaa'el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Daawiti Abdataa, Lammii Beenyaa, Gadaa Gabbisaa fi Battee Urgeessaa qabiinsaa fi adeemsa haqaa karaa lagannaa nyaataan mormaa turaniiru.














