Haalli fayyaa qondaala ABO Obbo Battee Urgeessaa maalirra jira?

Obbo Battee urgeessaa hospitaala wallaansi taasifamaafiif yeroo jirutti

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasummaa

Haalli fayyaa qondaala ABO waggaa darbe hidhamtoota dhaabichaa dubbisuu dhaqaniI hidhaa seenan 'fooyyee qaba' jechuun maatiin BBC'tti himan.

Obbo Batteen keessumaa suuraan isaanii hospitaala erga seenanii gidduu kana miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoqqoodamaa ture akkaan hubamanii mul'isa.

Haata'u malee, sadarkaa hubaatii kana ogeessa fayyaa isaan wal'aanaa jirurraa odeeffachuun hin danda'amne.

Obboleessi isaanii garuu Obbo Batteen erga hidhaatii wabiin gadhiifamanii booda, torban darbe gaafa Sambataa hospitaala Adaraa jedhamu seenanii wal'aansa argataa akka jiran himan.

Ogeessi fayyaa Obbo Batteetti dhiyeenyaan beekan Dr. Ifaa Bariisoo ammoo wallaansa sadarkaa biyya alaatti akka isaan barbaachisu dubbatu. Fooyyees agarsiisaa jiraachuu dubbatan.

Akka obboleessi isaanii Obbo Miloo Urgeessaa jedhanitti, ''Sababa yaala duraa hin argatiinif xiqqooshee itti cime. Isaaniis hammaachuu isaa arginaan du'uurra jedhanii gadhiisan''.

Haala Obbo Battee yeroo dheeraaf hordofaa turuufi ogummaan isaanii fayyaa kan ta'e Dr. Ifaa Bariisoo suuraa miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodamaa ture akka hin agarre himu.

Haata'u malee, haala amma Dubbii Himaan duraanii Adda Bilisummaa Oromoo itti jiran akkanaan ibsu.

''Battee mana hidhaa osoo hin seenin beekuufi Batteen ammaa baay'ee garaagarummaa qaba. Baay'ee hubameera. Dhibee qofamoo, haala qabannaatimoo kan jedhu addaan baasuun rakkisaadha,'' jedhan.

'Nyaata jalqabaniiru'

Obbo Batteen dhukkubsachuu isaanii eeruun, yaalli dabalataa akka isaaniif barbaachisu kana dura abukaatoon isaanii Dr Tokkummaa Dhaabaa BBC'tti himanii turan.

Qondaalota ABO buufata poolisii Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu turaniifi haala qabiinsa isaanii mormuun lagannaa nyaataa guyyoota muraasaaf taasisan keessaa Obbo Batteen tokkodha.

Dhukkubsachuun isaaniis yeroosuma dhagahame. Mana hidhaa osoo hin seenin dura ''fayyaa guutuu qaba ture'' jedhu obboleessi.

''Sababuma hiraarsaan baay'ateef, iddoo tokko gara biraatti namoota baay'ee wajjiin galma tokko keessa hidhamuun, rakkoo nyaataatu ture, rakkoo qulqullinaatu ture,'' jechuun komatu.

Dhimma qabiinsa hidhamtootaa kanarratti qaamni mootummaa deebii kenne hin jiru.

Dr. Ifaa Bariisoonis haala Obbo Battee itti dhiheenyaan hordofaa turanis akkana himu.

''Mana hidhaa sanatti qabamemoo alatti qabamemoo kan jedhu murteessuun nama dhibullee yeroo duraatiifi [dhibeen] kun kan irratti argame,'' jedhu.

Lagannaa nyaataarra osoo jiranii jaarsummaan taasifamee booda nyaata eegaluu isaanii dura hospitaala Polisii Federaalaa geeffamanii achitti dhibee isaanirra jiru baruu obboleessi ni himu.

Gaafatamaa Subqunnamtii duraanii ABO, obbo Battee Urgeessaa

Madda suuraa, Piraayim Miidiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Gaafatamaa Subqunnamtii duraanii ABO, obbo Battee Urgeessaa

Ta'us, yaalli akka isa barbaachisu ogeeyyiin fayyaa himaniis poolisoonni 'ajajni nu hin kennamne'' jechuun Buraayyuutti deebisuu hima.

BBC'n dhimma kana irratti poolisiirraa yaada hin arganne.

Eegasii saamudi qondaala kanaa fudhatamee gara biyya alaa, Dubaayitti ergamee qoratamuu dubbatu. Ogeessi fayyaa Obbo Battee beekan bu'aa qorannoo kanaa akkanaan BBC'tti himan.

''Vaayirasiin tiruu keessa jiru garmalee ol ka'aa ture. Haalli tiruun irra jiruus baay'ee yaaddessaadha. Hubamuu tiruu agarsiisa. Amma gargaarsa argataa jiru.''

Eegasii wabiin gadhiifamanii dhuma torban darbe erga hospitaala seenanii fooyyee akka qaban dubbatu obboleessi isaanii.

''Nyaata jalqabaniiru. Nyaata sasalphaa kana akka kuduraa kana nyaata. Rabbiin haa ulfaatu jijjiirama gaarirra jennee dubbachuu dandeenya.''

''Yaala argachaa jira. Ani yoon ilaalu wayyoo fakkaata. Nyaatas, waan dhangala'aas ofitti fudhataa jiru,'' jedhan.

Keessumaa lagannaan nyaataa akka isaan miidhe lamaanuu dubbatu. ''Lagannaan nyaataa immoo garmalee isa miidhe,'' jechuun ogeessi dubbisnees yaada obboleessaan walfakkaatu himu.

Hangam hamaadha?

Akka obboleessi jedhanitti nami siyaasaa kuni dhukkubi tiruu irratti argamuu erga baran ji'a ta'eera.

Ogeessi fayyaa Dr. Ifaa Bariisoo Obbo Battee dubbisne bakka amma Obbo Batteen jiranitti ogeessonni olaanoo akka isaan gargaaraa jiran dubbatu. Ta'us yaaddoo qabu.

''Haalli tiruun isaa irra jiru chronic liver disease jedhama. Yaalii biyya keessaatiin fayyuun rakkisaadha. Faana bu'anii gargaarsa adda addaa yoo godhaniif fooyyee argachuu ni mala,'' jechuun himu.

''Kunuunsa barbaachisu kana biyya keessatti argatee kanaan fayyuu danda'a kan jedhu kan gaaffiifi yaaddoo natti ta'u,'' jechuun BBC'tti himan.

Akka yaada isaaniitti osoo ala bahanii wal'aansa argatan gorsu. Namoonni midiiyaa hawaasummaa gubbaa qondaala kanaaf qarshii walitti qabaa jiranis ni jiru.

Dhibeen Tiruu 'Hepatitis B' maali?

Dhibeen tiruu gosa Hepatitis B jedhamu kulkula, madaa'uu ykn infekshinii tiruu kan vaayirasiin dhufuu akka ta'e ogeeyyiin fayyaa ni dubbatu.

Dhibeen Hepatitis B vayirasiin kan dhufu wayita ta'u maddi isaa ammoo dhiiga waliin kan walqabateedha. Kun akkuma dhukkuboota daddarboo biroo namaa gara namaatti darbuu danda'a.

Dhibeen kuni bal'inaafi gadi fageenyaan waan hin beekamneef rakkoo fayyaa fi badii lubbuu guddaa qaqqabsiisaa jira.

Kanaafis tarkaanfiin jalqabaa waa'ee dhibee kanaa hubannoo uumuudha jedhu ogeeyyiin.