Qondaalli ABO Abdii Raggasaaa si'a 48 mana murtiitti dhiyaatee 'bilisaan' gadhiifamus irra deebiin qabame

Obbo Abdii Raggaasaan Ajajaa Olaanaa duraanii WBO turan

Madda suuraa, FACEBOOK

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Abdii Raggaasaan Ajajaa Olaanaa duraanii WBO turan

Obbo Abdii Raggaasaa erga Guraandhala 28 bara 2020 to'annoo jala oolee hanga manni murtii Oromiyaa bilisa isa jedhetti si'a 48ffaaf mana murtiitti dhiyaachuu Itti-gaafatamaan qunnamtii uummataa ABO Lammii Gammachuu BBCtti himeera.

Abdiin qondaalota ABO waamicha mootummaan taasise simachuun Ertiraa irraa gara biyyaatti galan keessaa tokko yoo tahu, miseensa Gumii Shanee ABOti.

Dhuma torban kanaas, Abdii Raggaasaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti yakka ittiin shakkamerraa bilisa jedhamuun erga gadhiifamee osoo gara mana maatii isaatti deemaa jiruu karaatti qaama nageenyaa mootummaan qabamuun irra deebiin akka hidhame paartiin isaanii BBCtti hime.

Abdii Raggaasaa qondaalota ABO kaan waliin erga to'atamanii booda mana hidhaa garaagaraa keessatti hidhamaa akka turan paartichi himeera.

Abukaatoon isaanii Obbo Tuulii Baayisaa Obbo Abdii Raggaasaa mana murtii waliigala Oromiyaatti dhiyaatnii himata isaanirratti dhiyaateef erga ragaa ittisaa dhiyeeffatanii booda manni murticha bilisa akka isaan jedhe himan.

Mana hidhaa Sabbataa turan keessaa bahuun qondaala ABO isaan simachuu deeman Obbo Jabeessaa Gabbisaa waliin osoo gara man maatii isaatti deemaa jiruu karaatti pooliisin Oromiyaa dhaabsisuun qabanii akak hidhan himan abukaatoon kun.

Jabeessaa gabbisaa waliin Alamganaatti erga hidhanii booda isa gali jechuun Obbo Abdii akak achitti hambisan hima Obbo Lammiin.

Maatiinis kaleessa deemanii akka achitti isa argan himee, sana booda jechuun, Waxabajji 25, 2021 eegalee garuu bakka isaan buusan barbaannee dhabne, maatiinis hin arganne jedhe.

Qondaalli biraa ABO Yaasoo Kabbabaa tibbana waggaa lama yakka shororkeessumaan shakkamee erga hidhameen booda gadhiifame.

Yakka maaliin shakkame?

Abdiin jalqaba yakkoota sadiin himataman. Kan jalqabaa meeshaa telekoomii eeyyama hin qabne fayyadamte akn jedhu ture. Akka abukaatoo isaanii Obbo Tuulii irraa iyyaafannetti himata kana irraa bilisa bahaniiru.

Kan lammataa ittiin shakkaman ammoo WBO Zooni Kibbaa jiru situ akka hin galle godhe jechuun yakka shororkeessummaan shakkamanii akka himataman Obbo Tuuliin himan. Yakka ittiin shakkaman kana irraas manni murtii kana dura bilisa isaan jedheera jedhan.

Yakki sadaffaa ittiin shakkaman A.L.Itti bara 2008 mucaan tokko aanaa Mooyaleetti gubamuun ajjeefamee akka tureefi Abdii Raggaasaa situ ajaja kenne jechuun ittiin shakkanii himachuu dubbatan.

Obbo Abdiin yeroo jedhame kanatti Eertiraa akka turan kan agarsiisu ragaa Paaspoortiifi namaa dhiyeeffachuun ofirraa ittisaa turan.

Haaluma kanaan Waxabajji 24, 2021 Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti dhiyaachuun, manni murtichaa ragaa abbaa alangaafi abukaatoo isaan dhiyeessan ilaaluun yakka ittiin himatamaniif ragaan abbaa alangaa quubsaa waan hin taaneef bilisaan gadhiisuu Obbo Tuuliin BBCtti himan.

Aanga'oota ABO biroo...

ABOn oggantoonniifi miseensonni isaa yeroo gara garaatti hidhamuurraa kan aka'e filannoo biyyaalessaa Itoophiyaan gaggeesite keessaa ba'uuf akka dirqame beeksisaa tureera. Waajjirri dhaabichaa hedduun akka cufamee tures himaa ture.

Erga Eebla darbee jalqabee ammoo Hayyu Dureen dhaabichaa Obbo Daawud Ibsaa mana jireenyaa isaanii keessaa akka hin baane dhorkamuus himeera.

Lammii Gammachuu qondaalotni dhaabichaa hidhaman hedduun mana murtiitti osoo hin dhiyaatiin akka jiranis himeera.

Qondaalotni gariin ammoo mana murtiitti dhiyaachaa turanii manni murtii bilisa erga isaan jedhee ammayyuu hidhamanii akka jiran hima. Isaan keessa miseensi Shanee Gumii Mikaa'el Booraniifi miseensi Gumii Sabaa Kennasaa Ayyaanaa manni murtii bilisa jedhee erga isaan gadhiisee booda qabamanii akka hidhaman hime qondaalli kun.

Daawwit Abdataafi Lammii Beenyaas akkasuma manni murtii bilisa jedhee booda Moojootti hidhamanii turan. Dhiyeenya ammoo mooraa waraanaa Awwaash geeffamuu dhageenye,'' jedhe Lammiin.

Dabalataan dubbii himaa ABO, Battee Urgeessaa, I/G waajjira muummee ABO Gadaa Oljirraa fi kaan akkasuma hidhamnii akka jiran hima.

''Galmee Kiisii Qixxumaa jalatti kanneen himataman keessaa Kolonel Gammachuu Ayyaanaa akka bahu murtaa'ee ture.

Mana hidhaattii osoo bahanii karra irratti qaama nageenyaa mootummaan fudhataman. Qilinxoodhaa baafamanii amma odeeffannoo qabnuun Awwaash Arbaatti jiru,'' jedhe Lammii Gammachuu.

Dabalataan Gaazexessitootni SBO akkasuma hidhaa akka jiranii fi mana murtiitti dhiyaachaa akka hin jirre hime.

ABO'n filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa 2021 irratti hirmaachuu baatus ''rakkoo siyaasaa, nageenyaafi heera mootummaa biyyattii mudachaa jiru ilaalcha keessa galchuudhaan, filannoon haala akkanaa keessatti gaggeeffamu kamiyyuu seera qabeessa, haqa qabeessaafi walaba ta'uu hin danda'u'' jechuun ibsa baase.