Amnastii Intarnaashinal: 'Poolisiin achi-buutee Obbo Abdii Raggaasaa himu qaba'

Obbo Abdii Raggaasaan Ajajaa Olaanaa duraanii WBO turan

Madda suuraa, FACEBOOK

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Abdii Raggaasaan Ajajaa Olaanaa duraanii WBO turan

Poolisiin Itoophiyaa achi buutee hoggana ABO Obbo Abdii Raggaasaa beeksisuu qaba jechuun dhaabbanni mirga namoomaaf falmu 'Amnesty International' gaafate.

Miseensi Koree hojii Raawwachiiftuu ABO fi ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo kan turan Obbo Abdii Raggaasaa hogganootaa fi miseensota ABO 8 waliin gaafa Sambataa to'annoo jala oolan.

Kanneen isaan waliin hidhaman gaafasuma yoo gadhiifamanii Obbo Abdiin gadhiifamuu dhabu dhaabni isaani beeksiseera.

Maatii fi abukaatoon isaanii guyyoota darban buufataalee poolisiirra naanna'anii barbaadaa turan kan jedhe Amnastiin, hogganaan kun eessatti akka hidhaman baruu hin dandeenye jedheera.

Reebichi fi sarbamni mirgaa irratti raawwatamaa jiraachuu danda'a jechuunis yaaddoo qabu ibseera.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa hogganaan kun olaantummaa seeraa cabsuun shakkamanii to'annoo jala oolani jedhani.

Yeroo ammaa olaantummaa seeraa bakka hedduutti cabe furmaata itti tolchuuf qaamoleen nageenyaa humna guutuun hojjetaa jiru jedhan.

Kanneen to'annoo jala oolan yakka bakkeewwan garaa garaatti raawwatu 'qindeessuudhaan yookiin qaamaan keessatti hirmaachuudhaan,' shakkamaniiti jechun ibsu.

''Yakka qabeenyarras, lubbuu namaarras gahaa tureefi namni bahee galuu dhabuu isaaf sababa warri ta'an hunda isaanirratti olaantummaan seeraa kabajamuu qaba,'' jedhamee hojjetamaa jira jedhan.

Namni shakkiidhaan hidhamu miseensa paartii biyya bulchuus, kan morkattootaas ta'uu mala jechuun ibsaniiru.

Dubbi Himaan ABO Obbo Toleeraan gama isaaniin ''Shakkamaadha jedhanii dubbataniiru yoo ta'e ragaa isaanii dhiheeffatu jechaadha. Nuti gama keenyaan yeroo gaafatamnu deebii ni kennina,'' jedhan.

Qondaaltonni dhaabichaa Obbo Abdii biraa hiikaman sababa maaliin akka hidhaman kan gaafanne Obbo Toleeraan 'waan ifa ta'e hin jiru'' jedhan.

Maaliin shakkitu kan jenneen Obbo Toleeraan ''waan bakka hundatti deemaa jirudha'' jechuun hidhaa miseensotaafi deeggartoota isaaniitiin walqabsiisu.

Ta'us, qondaalli dhaabichaa sadarkaa koree Hojii Raawwachiiftuu yoo to'atamu erga dhaabichi qabsoo karaa nagaan gaggeessa jedhee biyya gale as kuni kan duraati.

Obbo Abdiin eessa jiru?

Obbo Toleeraa Adabaa bakka Ajajaan olaanaa duraanii WBO jiru hin beeknu jechuun BBC'tti himaniiru.

''Obbo Abdii bakka inni jiru hin beeknu. Barbaadaadhuma jirra,'' jedhan.

Haa ta'u malee, Sambata darbe magaalaa Finfinnee gara buufata poolisii Sadaffaa [Sostanyaa] jedhamu geeffamuu isaanii Obbo Toleeraan ibsanii turan.

''Kan waliin jiran nutti fakkaate akkasitti himne garuu warri kaan achuma turani. Achiimmoo gaafannaan hin jiru naannoo sana,'' jechuun himu.

Qondaalli mootummaa Obbo Getaachoon ''Poolisiin erga to'adhe jedheeti poolisii biratti arguun ni danda'ama. Kuni maaliif wallaalama?'' jechuun deebisan.

''Badii itti shakkamaniin seeratti dhihaachuuf qabaman erga ta'eeti wanti dhokfamuuf hin jiru. Maaliif dhokfama? Qaamni to'ate odeeffannoo kennuun dirqama isaati,'' jedhan.

Kanaan ala, 'hiika siyaasaa akka qabaatuuf yoo ta'e malee' jechuun komii qondaaltota ABO balaaleeffataniiru.

Haa ta'u malee, poolisii biraa odeeffannoon argachuuf yaalle hin milkoofne.