Qondaalli Buraayyuutti ajjeefaman Obbo Solomoon Taaddasaa akkamiin yaadatamu?

Owwaalchi Obbo Solomoon Taaddasaa Aanaa Dabra Libaanositti raawwate

Madda suuraa, Demeka Negasa/FB

Ibsa waa'ee suuraa, Owwaalchi Obbo Solomoon waraanaan dabaalamee kabajaan raawwate

Obbo Solomoon Taaddasaa, Itti-gaafatamaan waajjira Bulchinsaafi Nageenyaa Bulchinsa Magaalaa Buraayyuu torban darbe ajjeefaman. Haa ta'u malee waa'ee isaanii ammallee midiyaalee hawaasaa irratti qoodaamaa jira.

Ofii, Obbo Solomoon Taaddasaan namoota isaaniitti dhiyaatanii akkamiin yaadatamu?

Namoonni isaan waliin dalagan akkasumas dhihootti kan isaan beekan, Obbo Solomooniin du'aan boqatan illeen maqaa gaariin itti gaafatamummaa irra turaniin bahan kan dagatamu miti jedhu.

'Maqaa isaaniitiifan maatirikii qoramne'

Barataa sadarkaa lammaffaa ta'anii akka Obbo Solomoon beekan kan dubbatan Obbo Xibabuu Simee, yeroo ammaa biyya Ameerikaatti dhaabbata Maayikirosoftiif keessa akka dalagan dubbatu.

ALA bara 2002 sochii barattootaa Mana Barumsaa Gabra Gurraachaa taasifamaa tureen isaaniifi barattoonni biroo to'annoo jala ooluu himu.

Yeroon hidhaman garuu qormaanni kutaa 12ffaa [maatirikii] gahuuf torban muraasa qofa yeroo hafetti ture.

''Qorataan keenya isa ture. Yeroosan isa bare,'' kan jedhan Obbo Xibabuun hoggantoonni tokko tokko qormaatarraa isaan dhorkuf yaalanii turan illeen Obbo Solomoon akka isaan baraaran himu.

''Itti gaafatamummaa fudhadhee ijoolleen kuni haa qoratamani [waan jedhaniif] qormaata akka fudhannu ta'e,'' jechuun ibsu.

''Nama cimaa ture, nama onnee qabu,'' jechuun nama nama miidhuuf dalagan miti jechuun dubbatu.

Itti gaafatama garaa garaa irratti Godina Shawaa Kaabaatti erga hojjetaa turan booda Obbo Solomon Komishinii Poolisii Oromiyaatti sadarkaa Komishinara Itti aanaatti hoogganaa kominikeeshinii ta'un hojjetaniiru.

Kanneen achitti isaan waliin dalagan keessaa tokko kan miidiyaa irratti dhimma tiraafikii gabaasuun beekaman Komaandar Nigusee Girmaati. Dandeettii namaan waliigaluu qabu jechuun Obbo Solomoon ibsu.

''Nama baay'ee namaaf quuqamudha. Yaada gaarii qaba. Nama hammeenyummaa qabu miti kana dhugaa dubbachuun hin danda'ama.''

Obbo Solomoon sababa komishinii poolisii hojjetanif namoonni hedduu 'Komishinar Solomoon' jechuun isaan waamu.

Obbo Solomoon Harargee Bahaattis hogganaa bulchinsaafi nageenyaa ta'un hojjetaallee turan.

Inumaa yeroon suni yeroo rakkoon nageenyaa daangaa Oromiyaafi Somaalee irratti mudatee namoonni miiliyoona 1'tti siqan qe'eerraa buqqa'ani ture.

Achi deebi'aniiti hanga ajjeefamanitti magaalaa Buraayyuutti Itti gaafatamaa bulchinsaafi nageenyaa ta'un kan hojjetaa turan.

Fulbaana bara 2011 yeroo ajjeechaan Buraayyuu dhalatetti waan jiru kan miidiyaatti ibsaa turan isaanidha.

'Nama Oromoof aantummaa guddaa qabu ture'

Buraayyutti qondaala nageenyaa ta'anii dalagaa yeroo turan dhiheenyatti akka isaan beekan kan himan hoogganaa duraanii waajjira poolisii magaalichaa kan turan Inispeektar Anteneeh Getaanee dha.

Inispeektar Anteneeh Obbo Solomoon nama hojii isaanii qulqulummaan hojjetaa turani jechuun isaan ibsu.

''Nama kutannoo hamaa qabu, quuqama hamaa qabu nama ummata Oromoof aantummaa guddaa qabudha. Nama baay'ee hojii gurguddaa hojjetaa turedha.''

Akka fakkeenyaattis yeroo Harargee turan poolisii waliin hiriiranii loluu isaanii waan himamuuf dhugaa ta'u kan gaafanne Inispeektar Anteeneh kana deebisan.

''Gootummaa qaba. Loluu isaa waan siif kaasu hin qabu. Garuu, nama seenaa gaarii qabu, nama amanamaa, aantummaan ummata Oromoof qabu baay'ee baay'ee olaanaadha. Kana jedhee ibsuu hin danda'u.''

Komishinar Taaddasaan jalqaba bara 2011'tti ajjeechaa Buraayyutti yeroo raawwate miidiyaatti dhihaatanii kan dubbataa turanidha

Madda suuraa, EBC

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Solomoon abbaa ijoollee afurii turani

'Fakkii isaanii nan kaasa'

Tibbana weellistoonniifi artistoonni Oromoo magaalaa Buraayyuutti reebichi nurraa gahe jedhanii poolisii himatanii turani.

Yeroos kuni ta'u bakkicha hin turre jechuun na jajjabeessaa turan jedha artistiin fakkii kaasuun beekamu, Lij Yaared.

''Nama na jajjabeessu ture. Yeroo naaf bilbilu Buraayyuu keessa hin turre. Iddoo biraa ture. Bilbila hiriyyoota koo barbaadee, hiriyyootakoof bilbilee Yaared naaf haa bilbilu jedhe.

''Guyyaa guyyaatin sitti wayyaa'ee jedhee naaf bilbilaa ture. Isarra waan badaa argee hin beeku. Naman kabajudha. Suuraa isaayyuu kaasee kennuufi yaadaan ture,'' jechuun hima.

Lij Yaared Obbo Solomoon kana durallee akka isaan beekuufi ammallee fakkii isaanii akka kaasu BBC'tti dubbateera.

Akkaataan ajjeechaan raawwate

Haleellaa kuni torban jimaata darbe, A.L.I Guraandhala bultii 13 bara 2012 achuma magaalaa Buraayyutti laaqana nyaatanii osoo bahanii dhaqqabe.

Obbo Solomoon yeroo du'an Ajajaan Poolisii Humna Addaa Godina Addaa Naannawa Finfinnee isaan waliin turan, Komaandar Tasfaayee Dinquu, madaa'anii lubbuun hafaniiru.

Isaan alattis, weellisaa Dajanee Kaasayeefi hojjetaan mootummaa tokko miidhamani yeroo ammaa hospitaala Kooriyaa magaalaa Finfinnee argamutti yaalamaa jiru.

Mootummaan ajjeechaa kanaaf qaama hidhatee sosso'uufi garee Abbaa torbee himachuun namoonni 17 shakkiin to'atamuu ibseera.

Gorsaan WBO Obbo Dhugaasaa Bakakkoo garuu waraanni isaanii hin raawwanne jechuun BBC'tti himaniiru.

OBN akka gabaasetti Owwaalchi qondaala kanaa Aanaa Dabra Libaanos Gadaamii Dabra Libaanositti bakka hooggantoonni Olaanoon argamanitti waraanaan dabaalamee raawwateera.

Obbo Soloomoon abbaa ijoollee afur yeroo ta'an dubartii sadiifi dhiira tokko godhataniiru.