Walitti qabaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Pirof. Masfin Araayaa eenyudha?

Pirof. Masfin Araayaa

Madda suuraa, EBS

Ibsa waa'ee suuraa, Pirof. Masfin Araayaa

Pirofesar Masfin Araayaa walitti qabaa Komishinii Marii Biyyaalessaa ta’uun filatamaniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa komishinaroota Komishinii Marii Biyyaalessaatiif kaadhimamtoota dhiyaatan 11 yeroo raggaasisutti Piroofeesar Masfin Araayaatiin walitti qabaa Komishinichaa gochuun muudeera.

Komishinaroota 11 keessaa Pirof Masfin walitti qabaa ta’uun wayita muudaman, Aadde Hiruut Gabresillaaseen ammoo itti-aantuu walitti qabduu komishinarichaa ta’aniiru.

Pirof. Masfin Araayaa eenyudhaa? Hanga ammaatti ogummaa qabaniin maal gumaachanii beeku?

Pirof. Masfin Araayaa mana barumsaa Raashiyaatii hanga hospitaalota Itoophiyaatti

Pirof. Masfin A L I Hagayya bara 1946 magaala Finfinneetti dhalatan.

A L I bara 1972 keessa mana barumsaa fayyaa St. Piitersiberg irraa doktora fayyaan (MD) digirii argataniiru.

Isaan booda A L I bara 1982 Neezerlaandisitti kan argamu Yunivarsiitii Girooniingan irraa ogummaa addaa wallaansa fayyaa sammuu (DPM)n dippiloomaa barataniiru.

Dabalataan A L I bara 2000 Siwiidinitti kan argamu Yunivarsiitii Uumeyyoo irraa Doktor oof Filoosoosii (PhD) argataniiru.

Itoophiyaa keessatti magaalota adda addaa keessatti, akkasumas dhaabbileen fayyaa keessa waggootaaf tajaajilaniiru.

Baroota hojii isaanii keessaa A L I bara 1974-75 naannoo Tigraay, magaalaa Addigiraat Hospitaala Waliigalaa Raas Sibhaat keessatti hakiima waliigalaafi daarektarummaa hakimaan, akkasumas Hospitalaa Daseetti ammoo A L I bara 1975-76ttis hakiima waliigalaafi daarektarummaa hakimaan tajaajilaniiru.

A L I bara 1976-79 ammoo Hospitaala Addaa Fayyaa Sammuu Amaanu’eel keessatti hakiima waliigalaafi daarektarummaa hakimaa ta’uun hojjetaniiru.

A L I bara 1982 hanga 1987tti ammoo Hospitaalichuma keessatti hakiima sammuu waliigalaan tajaajilaniiru.

Piro. Masfin, A L I bara 1987 irraa kaasee waggootaaf hospitaalota Zoodituufi Tikur Anbassaa keessatti barsiisaa fayyaa sammuu ta’uun hojjetaniiru.

A L I bara 1997 irraa kaasanii ammoo Yunivarsiitii Finfinneetti Itti-gaafatamaa damee barnoota sammuu fayyaa, akkasumas barsiisaa ta’uun tajaajilaniiru.

A L I bara 2001-2003tti Diinii Mana Barumsaa Fayyaa St. Phaawuloos, akkasumas A L I bara 2003-2006tti Hospitaala St. Phaawuloositti aanga’aa olaanaa Kollejjii Medikaalaa Miliniiyeemii turan.

Hirmaannaafi gumaacha Pirof Masfin

Pirof Masfin, seektara fayyaa keessatti addatti waldaalee baay’ee hundeessuudhaan, miseensummaan tajaajiluudhaan, akkasumas gaggeessuudhaan beekamu.

Akka fakkeenyaatti, Waldaa Hakimoota Itoophiyaa, Waldaa Eegumsa Fayyaa Itoophiyaa, Waldaa Fayyaa Sammuu Itoophiyaa, Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaafi Akaadaamii Saayinsii Itoophiyaan kan eeramanidha.

Miseensa Koree Gurmaa’ina Waajira To’annoofi Ittisa HIV Biyyaalessaa, hundeessaafi miseensa Mana Maree Ittisaafi To’annoo HIV Biyyaalessaa, akkasumas walitti qabaa boordii gorsitoota waldaa lammileen HIVn dhiiga isaanii keessa jiru, Tasfaa Gohi ta’uun hojjetaniiru.

Pirof Masfin miseensa Boordii araaraa Biyyaalessaa, qopheessaa Olaanaa Barruu Waldaa Hakiimota Itoophiyaa, walitti qabaa Dhaabbata Dhiyeessii Qorichaafi Wallaansaa, Itoophiyaatti miseensa Boordii Waldaa Kunuunsa Fayyaa Samuuti.

Dabalataanis, miseensa boordii hooggansa hospitaalota Federaalaa, miseensa boordii hoggansa hospitaala addaa Amaanu’eel, akkasumas miseensa boordii gorsitoota To’annoofi Bulchiinsa Qorichaafi Nyaataa ta’uun hojjetaniiru.

Barreeffamoota isaanii barrulee bebbeekamoo biyya keessaafi alaa 30 ta’an irratti maxxansiisaniiru.

Badhaasawwan Pirof. Masfin argatan

Pirofessar Masfiin Badhaasa nama Gaarii biyyaaleessaatii kaasee biyya keessaafi biyya alaatti badhaasootaa fi beekamtiin adda addaa kennameefiira.

Badhaasni nagaa gaarii kan badhaafamaniif dame ittigaafatamummaa motummaa gahumsaan bahuutiin.

Kana malees tajaajila fayyaa sammuu Itoophiyaatti raawwataniif Ameerikaatti Faawundeeshinii Teewodornaa Vaadaa Staanilii jedhamurraa badhaasa argataniiru.

Dhaabbileen akka ‘People to People,’ Waldaa Eegumsa Fayyaa Itoophiyaa, Tasfaa Goohi Itoophiyaa Waldaa vaayirasii HIV waliin jiraatanii, Faarmiid fi Raadiyoo Faanaa fa’I irraa beekkamtii argataniiru.

Akkasumas ALI bara 1998tti gahee fayyaa sammuu fooyyeessuuf bahaniif miidaaliyaa badhaafamaniiru.

Kana malees Waldaan Wallaansa Itoophiyaa ALI bara 2003tti tajaajila wallaansaa fakkeenyumaa qabuuf meedaaliyaa warqee badhaaseera.

Bara ALI 2006tti ammo Ministeera Fayyaa keessa bara dheeraaf tajaajiluun akkasumas Bulchiinsa To’annoo Nyaataafi Qorichaatiin meedaaliyaa warqii badhaafamaniiru.